text
stringlengths
0
196k
yaaluurra furmaata rakkoowwan lamaanuu hin keessummeessine
barbaaduutu salphata.
Dhimmi bu'uura adeemsa furmaata barbaaduu, hacuuccaawwan
lamaaniif xiyyeeffannoo madaalawaa kennuu barbaachisa. Deemsi
mirga waloo ykn mirga dhuunfaa irratti xiyyeeffachuu fedhii isa tokkoo
guutuu kan biraa hir'isa. Waa'ee mirga sabaa fi sablammootaa ykn
mirga wal-qixxummaa osoo dhiphannuu waa'een hiyyuummaa,
bilisummaa fi nageenya lammiilee akka waliigalaatti jiru ni dagatama.
Karaa biraatiin, waa'ee bilisummaa lammiilee osoo haasofnuu wal
qixxummaa fi nageenyi sabaa fi sablammootaa ni dagatama. Kanaafuu,
akaakuuwwan hacuuccaa lamaan ykn akaakuuwwan mirgaa lamaaniif
xiyyeeffannoo madaalawaa kennuun hojjachuun barbaachisaa dha.
Itoophiyaa keessatti haalli ittiin akaakuuwwan hacuuccaa lamaan ilaallu
ijaarsaa fi hawaasummaa sabaatiin wal-qabata. Gareen ijaarsa
sabummaa mirga gareetiif malee mirga dhuunfaa fedhii kan hin qabne
ta'us adeemsi isaanii sadarkaa jechaa bira darbee hojiitti hin hiikkamne.
Karaa biraatiin, hawaasummaa eenyummaa sabaatiin warri ijaaraman
immoo dhimmoota hunda sabaan wal-qabsiisuu fi mirga dhuunfaa
guutummaatti dagachuutu isaan biratti mul'ata.
Akka biyya keenyaatti, sabummaan lamaanuu hidhata waan qabaniif
hawaasummaa eenyummaa sabaatiin ijaarrame qofaa irratti
xiyyeeffannee furmaata barbaaduun baay'uma nu hin deemsisu.
Waggoottan darban kana baay'atus, xiqqaatus biyya keenya keessatti
sirna dimookiraasii waliigaltee irratti bu'uureffame ijaaruuf yaalamaa
tureera. Kana jechuun, mirga saboota xixiqqaa kabachiisuudhaan sirna
waliigalee hayyoota siyaasaa sabaa fi sablammootaa bu'uureffate
diriirsuun yaalameejira. Sirni kuni, mudoowwan isaa akkumajirutti ta'ee,
mirga sabaa fi sablammootaa kabachiisuu fi dimookiraasii waliigaltee
irratti hundeeffame diriirsuuf ka'umsa gaarii qabatee ka'ee ture. Haa ta'u
malee, yaaliiwwan keenya kana keessatti jalqabumarraa waanta
dagatame tokkotu jira. Innis ijaarsa garee hawaasummaa adda addaa
biyya keenya keessa jiru dha.
Seenaa Itoophiyaa keessatti mootummaa sabaa ijaaruuf yaaliiwwan
taasifamanii fi ammaan dura uummattoota Jtoophiyaa jidduutti hidhata
tureen ijaarsi garee hawaasummaa uummataa jira jechuu ni dandeenya.
Kanaafuu, siyaasni Itoophiyaa ijaarsi sanyummaa garee hawaasummaa
uummataa kana keessaa maddu haalli inni garee hawaasummaa
uummataa kana itti faallessu sanyummaa fi hawaasummaa jidduutti
wal-dhiibaa jira. Dimookiraasii waliigaltee irratti hundaa'e ijaaruuf
yaaliin taasifne adda dureen garee hawaasu n1maa-sanyummaa jidduutti
waliigaltee taasifame kan bu'uureffate malee hawaasummaa uummataa
kan ofitti hammate miti.
Sababa kanaafuu, haalli raawwii isaa waanuma fedhellee ta'u sadarkaa
yaadatti illee garee hawaasummaa uummataa ofitti hamate jechuun hin
danda'amu. Kanaaf, haalli ijaarsa isaa jalqabumarraa garee
hawaasummaa uummataa biratti tokkummaa uummataa kan diiguu fi
sirna dimookiraasii uumuun yoo barbaachise gareen hawaasummaa
sanyummaa walii isaanii wajjin qofa osoo hin taane gareen
hawaasummaa-sanyummaa fi gareen ijaars.a hawaasummaa biyyattii
jidduutti waliigalteen uumamuu qaba.
Garee sanyummaa-hawaasummaa fi ijaarsa Iammiilee jidduutti rakkoon
mul'atu inni guddaan ilaalcha hayyoota siyaasaa fi uummatummaa
jidduutti samiif lafa ta'ee jiru dha. Gareen sanyummaa-hawaasummaa
furmaata rakkoowwanii hunda waliigaltee hayyoota siyaasaa keessaa
sakatta'uun ilaalu. Waliigaltee haayyota siyaasaa jidduutti adeemsifamu
furtuu rakkoo hundaa godhanii ilaaIu. Karaa biraatiin, gareen
sanyummaa-ijaarsa hawaasummaa lammiilee iyya hayyoota siyaasaa
maddiitti gatuudhaan 'uummanni kan fedhe' yaada jedhu
tarkaanfachiisu. Gahee waa murteessuu fi qa'umsa hayyoonni siyaasaa
qaban dagachuun dimshaashumatti siyaasni lammummaa irratti
bu'uureffame akka uumamu barbaadu. Hayyummaa siyaasaas ta'ee
uummatummaan dhimmoota hunda madaallii sirriitiin hubachuu
dhiisanii maddiitti waan ba'an fakkaatu.
Waggoottan darban dimookiraasii waliigaltee irratti hundaa'e ijaaruuf
yaaliin taasifame ilaalchisee sadarkaa yaadaatti garee siyaasa
lammummaa, sadarkaa gochaatti immoo garee sanyummaa
hawaasummaa irraa qeeqni irratti dhiyaata. Qeeqichis, mirgi sabaa fi
sablammootaaf seeraan kenname fakkeessuudhaaf barreeffamee taa'e
malee hojiitti hin hiikamne kan jedhu dha. Sirnichi hanga eegamu bu'a
qabeessa kan ta'uu dideef heera biyyaa hojiitti hiikuu waan
dadhamameef falmii jedhutu dhiyaata.
Adeemsa heera biyyaa hojiitti hiikuu keessatti rakkoowwan mudatanii fi
hojmaatni kaayyoo malee hojjatamaa ture akkuma jirutti ta'ee, ijaarsi
kun bu'a-qabeessa kan ta'uu dadhabeef sababni tokko hayyoota
siyaasaa jidduutti wal-tumsuun waan hin jirreefi dha. Dimookiraasii
waliigaltee bu'uureffatee ijaarame keessatti, sadarkaa caasaa
hojmaataatti garaagarummaan jiru akka keessummeeffamu ta'ee,
garaagarummaan jiru garuu fiixetti akka hin baane tumsi haayyota
siyaasaa jiraachuu qaba.
Hayyoonni siyaasaa ijaarsa sanyummaa bira darbe faarsan akkaataa
morkii paartiilee sabaa fi sablammoota adda addaa irraa ijaaraman
jidduutti taasifamuutiin kan adeeman yoo ta'u, faarsitoonni
dimookiraasii waliigaltee bu'uureffamee ijaaremuu garuu paartiilee of
danda'anii kophaatti maqaa sabaa fi sab lammootaatiin ijaaraman
jidduutti akkaataa tumsa waliif taasisanii n adeemu. Haa ta'u malee biyya
keenya keessatti sirna garaagarummaa sabaa fi sablammootaa
keessummeessu diriirsinee, garuu garaagarummaan jiru akka fiixeetti
hin baane tumsa gochuu dagannee jirra. Kanaafuu, sirni dimookiraasii
keenya sadarkaa caasaattis ta'ee sadarkaa haayyoota siyaasaatti
garaagarummaa qofa ol-kaasee kan dhaadhessu waan ta'eef
dimookiraasii tasgabbaa'aa uumuun rakkisaa ta'a.
Rakkoon yaalii taasisaa turre keessatti hubatame kan biroo, akkuma
olitti eerame, dimookiraasiin waliigaltee bu'uureffatee ijaaramu fedhii
hayyootni siyaasaa qaban irraa madda. Fedhiin haayyota siyaasaas,
hacuuccaa caasaan bulchiinsaa fide ilaalchisee hayyoota
mariisisuudhaan tagabbii yeroo uumuuf malee hacuuccaa sana
hundeerraa dhabamsiisuun fedhii uummataa guutuuf miti. Kana
jechuun, dimookiraasiin waliigalee bu'uureffatee ijaaramu nageenya
wayitawaa fiduu irratti kan xiyyeeffate malee nageenya amansiisaa