text
stringlengths
0
196k
hundeerraa furame fiduuf miti. Nageenyi wayitawaan jeequmsi
dhabamsuun isaa akka nageenyatti ilaaluu yoo ta'u, ilaalcha hacuuccaa
itti fufsiisuu fi hacuucamtoota ukkaamsuun callisiisuu of-keessaa qaba.
Waliigalteen hayyoota siyaasaa gama hedduudhaan dheebuu aangoo
wal-saamuu hayyoonni kunniin qabaniin waan wal-qabatuuf hacuuccaa
qabatamaa caasaan bulchiinsaa fideef furmaata kennuu irratti
hanqinoota hedduutu isaan biratti mul'ata. Hayyoonni siyaasaa saba ofii
keessaa ba'an bakka bu'uun aangoo erga argatanii callisuun isaanii akka
nageenyaatti waan ilaalamuuf adeemsi isaan hacuuccaa caasaan
bulchiinsaa fide furuuf godhan karaan isaa baay'ee gabaabaa dha.
Rakkoon kun akaakuuwwan dimookiraasii biroo keessattis ni mul'ata.
Yaaliiwwan ijoon ijaarsawwan dimookiraasii hundi jeequmsa hambisuuf
malee hacuuccaa hambisuu irratti kan xiyyeeffatu miti. Adeemsa
kanadha kan mirga garee hunda gara tokko qofatti fudhannee mirga
sabaa waliin akka walitti firoomsinu kan nu taasise. Sabni
eenyummaawwan garee hedduu keessaa tokko ta'us, gurmaa'ina
haayyoota siyaasaatiif mijataa waan ta'eef kophaa isaatti qabxii
xiyyeeffannoo siyaasa keenyaa waan ta'e fakkaata. Haalli kun mirga
gareewwanii kanneen biroo dagatee adeemsi xiyyeeffanaa saba
qofaarratti taasise kun hacuuccaa balleessuu ykn mirga gareewwanii
kabachiisuu osoo hin taane nageenya wayitawaa fiduuf qofa irratti kan
xiyyeeffate dha. Kunis hacuuccaa sabootaa fi gareewwan biroo irra jiru
dhabamsiisuuf hojiiwwan hojjannu bu'a-qabeessa akka hin taane
godheera. Dimookiraasiin yaad-rimee ida'amuutiin ijaarru sabummaa
hawaasummaa fi sabummaa-lammummaa wal-simsiisuun kan adeemu,
dimookiraasii waliigaltee keessaa waan hir'ate itti guutuuf tumsa
hayyoota siyaasaa marii gabbataan kan itti adeemsifaman; akkasumas,
hacuuccaawwan caasaan bulchiinsaa fideef i namni dhuunfaan fide wal
faana kan ittiin furaman ta'a. Galmi isaa inni dhumaas, gumaacha aadaa
hawaasummaa lammii biyyittii hundaatiin ijaaruudhaan dimookiraasii
tasgabbaa'aa fi tokkummaa keenya kan hin diigne hojii irra oolchuun
dhugoomsuu dha.
Qormaata Fudhatamummaa Aangoo Mootummaa
Fudhatamummaa aangoo mootummaa jechuun, uummanni yookiin
hayyoonni aangoo mootummaa bakka-bu'aa
raawwachiisaa fedha isaanii godhatanii haala itti fudhatan jechuu
dha. Fudhatamummaan aangoo mootummaa yoo jiraate lammiileen
qaamni kophaa isaatti (monopoly) mirga humna yookiin meeshaa
waraanaa fayyadamuu qabu mootummaa qofa akka ta'etti fudhatu.
Ciminni aangoo mootummaa biyya tokkoos jabina dhaabbilee fi
ga'umsa raawwachiisummaa bira darbee fudhatamummaa aangoo kana
irratti kan hundaa'e dha. Aangoon mootummaa dhaabbilee adda addaa
keessaa madda hayyoonni jedhan akkuma jiran; faallaa kanaatiin
immoo, aangoon mootummaa ijaarsa dhaabbilee keessaa maada osoo
hin taane: "dhimma wixinee yaadaa sammuu lammiilee keessatti
bocamu" waan ta'eef aangoon mootummaa lammiilee biratti
fudhatama hin qabne jiraachuun isaayyuu balaa keessa seena jedhu.
Aangoo mootummaa diigamaa jiru dandamachiisuuf uummanni
addunyaa yaaliiwwan ijaarsa dhaabbilee irratti xiyyeeffatan yoo
taasisanis, yaaliiwwan hedduun milkaa'uu kan dadhabaniif uummatni
yookiin hayyootni aangoo mootummaa waan hin fudhaneefi dha. Kunis
uumama mootumma jabaatiif fudhatamummaan aangoo mootummaa
hagam akka dhimma ijoo fi murteessaa ta'e kan agarsiisu dha.
Fudhatamummaan aangoo mootummaa adda-dureedhaan bu'aa
waliigaltee hayyoota siyaasaa ta'uun isaa kan haalamu miti. Hayyoonni
siyaasaa waliigaluun aangoo mootummaa hin fudhanne taanaan
dimshaashumatti uummanni amanee fudhata jedhanii yaaduun
dandeettii micciiruu fi dhiibbaa uumuu hayyoota siyaasaa dagachuu
ta'a.
Aangoon biyya Itoophiyaa garuu fudhatamummaarrajabina dhaabbilee
irratti kan hundaa'e jechuun ni danda'ama. Raafama siyaasaa yeroo
adda addaa dandamatee jiraachuusaa mirkaneeffatee itti-fufuu kan
danda'es jabina dhaabbileetini. Karaa biraatiin, raafama mootummaatiif
sababa kan ta'e fudhatamummaa aangoo mootummaa hojii irra
oolchuuf karaan irra deemne garuu hin milkoofne. Kunis
fudhatamummaa aangoo mootummaa ilaalchisee hoj-maneewwan
hedduun akka nu hafu kan agarsiisu dha.
Bu'uurri rakkoo fudhatamummaa aangoo mootummaa waa lama irraa
madda jechuun ni danda'ama: darbaa-babarsa duudhaalee fi seenaa
hundeeffama aangoo mootummaati. Gama tokkoon biyyoota
duudhaaleen sadarkaa yaadaatiin jiran hin dagaagnetti lammiileen
siyaasa faayidaa dhuunfaa waliin waan wal-qabsiisaniif; akkasumas,
aadaan hawaasummaa waan hin jirreef, sababii kanaan is walitti bu'iinsi
waan heddummatuuf fudhatamummaan aangoo mootummaa mirkaneessuu rakkisaa ta'a.
Kunis rakkoos ta'ee furmaatni isaa diinagdee ta'uu agarsiisa.
Duudhaalee sadarkaa yaadaatti argaman dagaagsuudhaan
fudhatamummaa aangoo mootummaa fiduuf dhimmi guddaan
misooma diinagdee fiduu ta'us. hojiiwwan diinagdee maddiitti
hojiiwwan ijaarsa duudhaalee aadaa gama siyaasaatiin hojjatamuu qaba.
Walumaagalatti, duudhaalee sadarkaa yaadaatiin jiran dagaagsuuf
hojiiwwan siyaasaa fi diinagdee fudhatamummaa aangoo mootummaa
mirkaneessuu keessatti karaa sirrii fi amansiisaa ta'e dha.
Karaa biraatiin, seenaan ijaarsa aangoo mootummaa ijaaf-gurra hin
qabu yoo ta'e fudhatamummaan aangoo mootummaa baay'ee rakkisaa
ta'a. Hayyoonni siyaasaa aangoo mootummaa ilaalchisee yaada adda
addaa waan qabaniif; akkasumas, akkaataan taateewwan yeroo
uumama aangoo mootummaa ta'an ittiin dhiyeessan garaagarummaa
waan qabaatuuf, hoggayyuu wal-diddaa fi jeequmsatu jiraata. Kunis
rakkoowwanii fi furmaata fudhatamummaa aangoo mootummaa
mirkaneessuu siyaasaan wal-qabsiisa. Hundeeffama aangoo
mootummaa kanaan wal-qabatee jeequmsa dhufu furuuf hojiiwwan
hojjataman rakkinichaaf furmaata dhumaa ta'uu baatus rakkoowwaniif
deebii si'ataa kan kennu ta'uunsaa wal nama hin gaafachiisu. Boqonnaa
kana keessatti kan ilaallus furmaata siyaasaa yeroo gabaabaa kana dha.
Sabummaa fi Seenaa Ijaarsa Aangoo Mootummaa Itoophiyaa
Hundeeffamni aangoo mootummaa Itoophiyaa bal'ifannaa aadaa
bulchiinsaa Kaaba irraa gara Kibbaa taasifameen, adeemsa
babal'ifannaa bulchiinsaa kana hayyoonni Itoophiyaa hedduun ijaarsa