text stringlengths 0 196k |
|---|
aangoo mootummaa biyyoolessaa ija gita-bittaatiin ilaalu. Hayyoonni |
siyaasaa adeemsicha ija gita-bittaatiin ilaalan dhimmicha dubbii |
jabanichaan kan wal-gitu qabsoo farra gita-bittaa Afrikaa irraa waan |
fudhatan fakkaata. Yaadichis babal'ifannaa sirna bulchiinsa aadaa |
fageenyatti gita bittaa waliin walfakkeessuu kan yaalu dha. Karaa |
biraatiin, hayyoonni siyaasaa tokko tokko adeemsicha akka uumama |
ijaarsa aangoo mootummaatti ilaaluun seenaa ijaarsa aangoo |
mootummoota biyya Awurooppaatiin wal-fakkeessuu yaalu. Gama |
biraatiin immoo hayyoonni dhimmicha ija hacuuccaa biyyoolessaatiin |
ilaalan haala garaagarummaa qubannaa lafa Kibbaa fi Kaaba Itoophiyaa |
ture kaasudhaan falmu. |
Ijaarsi aangoo mootummaa biyya tokkoo adeemsa imaammata wal |
fakkaataa kan qabu ta'uu isaa fi bu'aan isaa garuu mootummaa |
biyyoolessaa tokko uummuurra mootummaa rarra'ee hafe yookiin |
gamisaan ijaarame ta'uun isaa dhimma falmii haayyota siyaasaa biyya |
keenyaa ta'eera, Haayyoonni tokko tokko haalichi kan uumame hir'inni |
caasaa ammayyaawaa jiru imaammata wal-fakkaataa akka hin |
adeemsifne taasise kan jedhan yoo ta'u, kanneen biroo immoo sabni |
caalmaa qabu waan hin jirreef yookiin immoo moototni Shawaa |
babal'achuudhaan aadaa fi afaan isaanii uummata biyyattii kaan irratti |
fe'uudhaaf hir'inni lakkoofsaa waan mudateefi dha jedhu. |
Wal-fakkeenyi imaammataa ija hayyoota siyaasa Itoophiyaatiin, gaaffiin |
sabummaa fi siyaasni eenyummaa irra-deebi'ee akka ka'u sababa |
ta'eera. Bara 1960moota keessa aguuggii idil-addunyaa kan qabu |
siyaasni soshaalizimii falaasama sabummaa xiyyeeffachuun ennasitti |
ka'aa turan ajandaa siyaasa eenyummaa bocuu fi hacuuccaa ennas ture |
hiikaa idil-addunyaa akka itti kennamu gochuu danda'eera. |
Haalli kunis siyaasni Itoophiyaa sabummaa-hawaasummaa fi |
sabummaa-lammummaa jidduutti yaadonni ka'an akka hammaatan |
taasiseera. Aangoon mootummaa Itoophiyaa gama tokkoon gamisaan |
waan ijaarameef siyaasa sablammummaa horateera; gama biraatiin |
immoo, adeemsi isaa yeroo gabaabaatti waan kufeef bakka hundatti |
siyaasa sabummaa uumeera. Siyaasa biyya Itoophiyaa jijjiiruu fi |
fudhatamummaa aangoo mootummaa mirkaneessuuf garee siyaasaa |
lamaan jidduutti kallattii gidu-galeessa hordofuun walitti dhiyeessuun |
barbaachisaa dha. |
Adda-durummaa barattoota leellistoota mirga namaa ta'anii fi |
deeggarsa uummata biyyattii birootiin sochiiwwan siyaasaa bara |
1960moota keessa finiinan gaaffilee mirgaa heddummina qaban kan |
kaasee fi gurmaa'inaa fi tooftaawwan adda addaa kan qabu yoo ta'ellee, |
gaaffileen mirgaa yeroo sanatti ka'aa turan utubaan isaa gaaffilee |
siyaasaa eenyummaa sabaatiin hidhata qabu akka ta'e ni yaadatama. |
Mootummaa dhufee darbuun gaaffilee kanneen deebisuuf yaaliiwwan |
ofii isaanii kan godhan ta'us, qabiyyee fi bocni gaaffilee kanneenii |
yeroodhaa gara yerootti babal'achaa fi jijjiiramaa waan deemaniif; |
akkasumas, sababa hir'inoota raawwachiisummaa imaammataatiin |
waggoottan shantamman darbaniif siyaasni eenyummaa ture jabana |
keessa jirru kanattis agarsiiftuu siyaasa biyya keenyaa isa bu'uuraa ta'uu |
danda'eera. Gaaffiin bu'uuraa siyaasa eenyummaa gaaffii afaan ofiitiin |
dubbachuu irraa kan eegale yoo ta'u, vvaggoottan shantamman darban |
bifa isaa jijjiirrachuu fi babal'achuun har'arra ga'ee jira. |
Sirni federaalawaa keenya bu'uura sabaa fi sablammoota biyya keenyaa |
kan ta'e afaanii fi aadaa ofiitiin fayyadamuu fi guddifachuu; akkasumas, |
mirga ofiin of-bulchuu isaanii kabachiisuu danda'eera. Kanaafuu, sirni |
federaalaa keenya gaaffilee bu'uuraa mirga sabaaf sablammoota biyya |
keenyaa haalan deebisuu kan danda'e ta'us, mirga ofiin of-bulchuu |
haala guutummaa qabuun hojii irra oolchuu waliin wal-qabatee |
hir'inoota raawwachiisummaa jiraniin; akkasumas, fedhiiwwan |
uummataa diinagdee fi siyaasa irratti qaban waggoottan 27n darban |
keessa guddachaa dhufan haala quubsaan deebisuu dadhabuurraa kan |
ka'e, waggoottan shanan darban biyyi keenya jeequmsa hamaa keessa |
turuun ishee yaadannoo keenya yeroo dhiyooti. Sababni bu'uuraa |
jeequmsichaa dimookiraasii dhabuu akka ta'e amanuun, yeroowwan |
muraasa darban keessatti tarkaanfiiwwan fooyya'iinsa-dimookiraasii |
taasifamaniin tasgabbii biyyoolessaa, wal-qixxummaa dimookiraasii |
uummataafi waliigaltee biyyoolessaa jabeessuudhaan nageenya keenya |
fiduun danda'ameera. |
Haalli biyyittiin ittiin hundooftee fi haalonni wal-qabatanii dhufan |
siyaasa eenyummaa yeroo dheeraaf ijaaramaa dhufeen uummatichi |
aangoo mootummaa biyyoolessaa irraa amantii akka dhabuu fi adeemsi |
fudhatamummaa ·aangoo mootummichaa akka diigamaa dhufu |
gumaacha ol-aanaa taasiseera. Sababa kanaan uummattoota biyya |
keenyaa biratti duudhaaleen eenyummaa waloo diigamaa dhufuun |
isaanii dhimmoota guguddoo biyyoolessaa irratti ejjannoon faallaa ta'e |
akka uumamu sababa ta'eera. Laafinnii fi diigamuun duudhaalee waloo, |
keessattuu siyaasni eenyummaa fi of-tuulummaan sabaa akka finiinu |
gumaacha mataasaa taasiseera. |
Seenaa keessatti ajandaa fi ilaalchi sabummaa sadarkaa ol-aanaarra |
ga'eera. Gaaddisni gurmaa'ina humnoota siyaasaa, rogeeyyiiwwanii fi |
hayyootaa inni bu'uuraa sabummaa ta'ee jira. Sabaa fi sablammoota |
Itoophiyaa wal-faana kan tursiisu yaadnii fi wixineen diinagdee, |
hawaasummaa fi siyaasaa haphachaa deemee biyyittiin bittinnaa'uun |
uummanni ishees walitti dacha'anii wal-fixuu danda'u sodaan jedhu |
uumameera. Kanaafis sababni guddaan garee siyaasaa sab |
hawaasummaa fi sab-lammummaa jidduutti adeemsi siyaasaa xiiqiin |
guutamee ana qofatu siif beeka jedhu fiixee lamaan qabatee wal |
dhiibaa waan jiruufi dha. |
Sabummaan Maali Dha? |
Biyyoota Awurooppaatti gama tokkoon aangoon mootummaa saba |
tokko qofa rraa hundeeffame kan jiru yoo ta'u, karaa biraatiin garuu saba |
tokko qofaan osoo hin taane gaaddisa aangoo mootummaa jalatti kan |
gurmaa'an sabaaf sablammoota adda addaatu sirna mootummaa ijaare. |
Biyyoonni akka Jarmanii aangoo mootummaa isaanii saba tokko |
qofarraa kan hundeessan yoo ta'u, gama biraatiin biyyoonni akka |
Faransaayi sabaa fi sablammoonni adda addaa walitti dhufuudhaan |
mootummaa isaanii akka hundeessan akka fakkeenyaatti eeruun ni |
danda'ama. Garaagarummaan uumama aangoo mootummoota |
kanneenii jidduu jiru waanti nutti agarsiisu sabummaan saba tokko |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.