text
stringlengths
0
196k
aangoo mootummaa biyyoolessaa ija gita-bittaatiin ilaalu. Hayyoonni
siyaasaa adeemsicha ija gita-bittaatiin ilaalan dhimmicha dubbii
jabanichaan kan wal-gitu qabsoo farra gita-bittaa Afrikaa irraa waan
fudhatan fakkaata. Yaadichis babal'ifannaa sirna bulchiinsa aadaa
fageenyatti gita bittaa waliin walfakkeessuu kan yaalu dha. Karaa
biraatiin, hayyoonni siyaasaa tokko tokko adeemsicha akka uumama
ijaarsa aangoo mootummaatti ilaaluun seenaa ijaarsa aangoo
mootummoota biyya Awurooppaatiin wal-fakkeessuu yaalu. Gama
biraatiin immoo hayyoonni dhimmicha ija hacuuccaa biyyoolessaatiin
ilaalan haala garaagarummaa qubannaa lafa Kibbaa fi Kaaba Itoophiyaa
ture kaasudhaan falmu.
Ijaarsi aangoo mootummaa biyya tokkoo adeemsa imaammata wal
fakkaataa kan qabu ta'uu isaa fi bu'aan isaa garuu mootummaa
biyyoolessaa tokko uummuurra mootummaa rarra'ee hafe yookiin
gamisaan ijaarame ta'uun isaa dhimma falmii haayyota siyaasaa biyya
keenyaa ta'eera, Haayyoonni tokko tokko haalichi kan uumame hir'inni
caasaa ammayyaawaa jiru imaammata wal-fakkaataa akka hin
adeemsifne taasise kan jedhan yoo ta'u, kanneen biroo immoo sabni
caalmaa qabu waan hin jirreef yookiin immoo moototni Shawaa
babal'achuudhaan aadaa fi afaan isaanii uummata biyyattii kaan irratti
fe'uudhaaf hir'inni lakkoofsaa waan mudateefi dha jedhu.
Wal-fakkeenyi imaammataa ija hayyoota siyaasa Itoophiyaatiin, gaaffiin
sabummaa fi siyaasni eenyummaa irra-deebi'ee akka ka'u sababa
ta'eera. Bara 1960moota keessa aguuggii idil-addunyaa kan qabu
siyaasni soshaalizimii falaasama sabummaa xiyyeeffachuun ennasitti
ka'aa turan ajandaa siyaasa eenyummaa bocuu fi hacuuccaa ennas ture
hiikaa idil-addunyaa akka itti kennamu gochuu danda'eera.
Haalli kunis siyaasni Itoophiyaa sabummaa-hawaasummaa fi
sabummaa-lammummaa jidduutti yaadonni ka'an akka hammaatan
taasiseera. Aangoon mootummaa Itoophiyaa gama tokkoon gamisaan
waan ijaarameef siyaasa sablammummaa horateera; gama biraatiin
immoo, adeemsi isaa yeroo gabaabaatti waan kufeef bakka hundatti
siyaasa sabummaa uumeera. Siyaasa biyya Itoophiyaa jijjiiruu fi
fudhatamummaa aangoo mootummaa mirkaneessuuf garee siyaasaa
lamaan jidduutti kallattii gidu-galeessa hordofuun walitti dhiyeessuun
barbaachisaa dha.
Adda-durummaa barattoota leellistoota mirga namaa ta'anii fi
deeggarsa uummata biyyattii birootiin sochiiwwan siyaasaa bara
1960moota keessa finiinan gaaffilee mirgaa heddummina qaban kan
kaasee fi gurmaa'inaa fi tooftaawwan adda addaa kan qabu yoo ta'ellee,
gaaffileen mirgaa yeroo sanatti ka'aa turan utubaan isaa gaaffilee
siyaasaa eenyummaa sabaatiin hidhata qabu akka ta'e ni yaadatama.
Mootummaa dhufee darbuun gaaffilee kanneen deebisuuf yaaliiwwan
ofii isaanii kan godhan ta'us, qabiyyee fi bocni gaaffilee kanneenii
yeroodhaa gara yerootti babal'achaa fi jijjiiramaa waan deemaniif;
akkasumas, sababa hir'inoota raawwachiisummaa imaammataatiin
waggoottan shantamman darbaniif siyaasni eenyummaa ture jabana
keessa jirru kanattis agarsiiftuu siyaasa biyya keenyaa isa bu'uuraa ta'uu
danda'eera. Gaaffiin bu'uuraa siyaasa eenyummaa gaaffii afaan ofiitiin
dubbachuu irraa kan eegale yoo ta'u, vvaggoottan shantamman darban
bifa isaa jijjiirrachuu fi babal'achuun har'arra ga'ee jira.
Sirni federaalawaa keenya bu'uura sabaa fi sablammoota biyya keenyaa
kan ta'e afaanii fi aadaa ofiitiin fayyadamuu fi guddifachuu; akkasumas,
mirga ofiin of-bulchuu isaanii kabachiisuu danda'eera. Kanaafuu, sirni
federaalaa keenya gaaffilee bu'uuraa mirga sabaaf sablammoota biyya
keenyaa haalan deebisuu kan danda'e ta'us, mirga ofiin of-bulchuu
haala guutummaa qabuun hojii irra oolchuu waliin wal-qabatee
hir'inoota raawwachiisummaa jiraniin; akkasumas, fedhiiwwan
uummataa diinagdee fi siyaasa irratti qaban waggoottan 27n darban
keessa guddachaa dhufan haala quubsaan deebisuu dadhabuurraa kan
ka'e, waggoottan shanan darban biyyi keenya jeequmsa hamaa keessa
turuun ishee yaadannoo keenya yeroo dhiyooti. Sababni bu'uuraa
jeequmsichaa dimookiraasii dhabuu akka ta'e amanuun, yeroowwan
muraasa darban keessatti tarkaanfiiwwan fooyya'iinsa-dimookiraasii
taasifamaniin tasgabbii biyyoolessaa, wal-qixxummaa dimookiraasii
uummataafi waliigaltee biyyoolessaa jabeessuudhaan nageenya keenya
fiduun danda'ameera.
Haalli biyyittiin ittiin hundooftee fi haalonni wal-qabatanii dhufan
siyaasa eenyummaa yeroo dheeraaf ijaaramaa dhufeen uummatichi
aangoo mootummaa biyyoolessaa irraa amantii akka dhabuu fi adeemsi
fudhatamummaa ·aangoo mootummichaa akka diigamaa dhufu
gumaacha ol-aanaa taasiseera. Sababa kanaan uummattoota biyya
keenyaa biratti duudhaaleen eenyummaa waloo diigamaa dhufuun
isaanii dhimmoota guguddoo biyyoolessaa irratti ejjannoon faallaa ta'e
akka uumamu sababa ta'eera. Laafinnii fi diigamuun duudhaalee waloo,
keessattuu siyaasni eenyummaa fi of-tuulummaan sabaa akka finiinu
gumaacha mataasaa taasiseera.
Seenaa keessatti ajandaa fi ilaalchi sabummaa sadarkaa ol-aanaarra
ga'eera. Gaaddisni gurmaa'ina humnoota siyaasaa, rogeeyyiiwwanii fi
hayyootaa inni bu'uuraa sabummaa ta'ee jira. Sabaa fi sablammoota
Itoophiyaa wal-faana kan tursiisu yaadnii fi wixineen diinagdee,
hawaasummaa fi siyaasaa haphachaa deemee biyyittiin bittinnaa'uun
uummanni ishees walitti dacha'anii wal-fixuu danda'u sodaan jedhu
uumameera. Kanaafis sababni guddaan garee siyaasaa sab
hawaasummaa fi sab-lammummaa jidduutti adeemsi siyaasaa xiiqiin
guutamee ana qofatu siif beeka jedhu fiixee lamaan qabatee wal
dhiibaa waan jiruufi dha.
Sabummaan Maali Dha?
Biyyoota Awurooppaatti gama tokkoon aangoon mootummaa saba
tokko qofa rraa hundeeffame kan jiru yoo ta'u, karaa biraatiin garuu saba
tokko qofaan osoo hin taane gaaddisa aangoo mootummaa jalatti kan
gurmaa'an sabaaf sablammoota adda addaatu sirna mootummaa ijaare.
Biyyoonni akka Jarmanii aangoo mootummaa isaanii saba tokko
qofarraa kan hundeessan yoo ta'u, gama biraatiin biyyoonni akka
Faransaayi sabaa fi sablammoonni adda addaa walitti dhufuudhaan
mootummaa isaanii akka hundeessan akka fakkeenyaatti eeruun ni
danda'ama. Garaagarummaan uumama aangoo mootummoota
kanneenii jidduu jiru waanti nutti agarsiisu sabummaan saba tokko