text
stringlengths
0
196k
qofaarraas ta'ee sabaaf sablammoota adda addaa irraa ijaarramuu akka
danda'u dha. Siyaasni sab-hawaasummaas ta'ee sab-lammummaa
dhugaawwan aangoo mootummoota addunyaa keessatti argamani dha.
Bara 1960mootaa fi 1970moota keessa hayyoonni Awurooppaa
hedduun danqaawwan siyaasa sabummaa hiikuuf itti duulaniiru.
Hayyoonni kunniin, hundi jechuun nidanda'ama, sabummaan adeemsa
jireenya hawaasummaatiin akka ijaaramu irratti waliigalu. Kana jechuun,
sabummaa akka waan dhaabbataa fi uumamaan jiruutti ilaaluun hafee
kan jijijjiiramuu fi ijaaramu akka ta'etti hubatu. Hayyoota kanneen
keessaa gar-tokkeen dhimmichi ammayyummaa fi uumama
mootummoota ammayyaa waliin waan dhufeef uumamni sabummaa
bu'uura caasaa qaba jedhu. Akka ilaalcha haayyota kanaatti,
babal'achuun induustirii fi hundeeffamuun mootummoota ammayyaa
uumamuu sabummaatiif sababa ta'eera jedhu. Kabaja ayyaana adda
addaa fi alaabaawwan mootummootaa; akkasumas, dhimmoonni
kanaan wal-qabatan taateewwan hedduun namoonni akka miira
sabummaa keessa galan taasiseera. Akka hubannoo isaanitti,
mootummaan sabootaa bu'aa walitti dhufeenya sabootaa fi aangoo
mootummaa ammayyaa keessaa argamu dha. Kanaafuu, sabummaan
uumama aangoo mootummootaa hordofuun kan dhufe taatee
ammayyaati.
Gama biraatiin, gareen biroo sabummaan taatee ammayyummaa
hordofee dhufuusaa irratti waliigalanis, bu'aa jijjiirama caasaa siyaasaa
fi diinagdee osoo hin taane, bu'aa arga-yaadaati jedhu. Sabaaf
sablammootas "hawaasa arga-yaadaa" jedhanii waamu. Namni fiixee
biyya tokkoo jiraatu isa fiixee biyyaa gama biraatiin jiraatu hin beeku;
waliin jiraatees hin beeku; garuu arga-yaadaatiin firooma waliinii
uummatu jedhu. Kanaafuu, ija haayyoota kanaatiin, aantummaan sabaa
waliin jiraachudhaan kan dhufu osoo hin taane dhimma hariiroo arga
yaadaa qabaachuuti jedhu. Kanaafis babal'achuun miidiyaalee
maxxansaa gumaacha guddaa taasiseera. Karaa gaazexaatiin hariiroo
arga-yaadaa uummachuun, lammiileen akka sabummaa tokko keessa
akka jirannitti akka yaadan taasifamaniiru jedhu. Garuu, yaadni kuni
hayyoota kana fagoo isaan hin deemsifne. Karaa tokkoon saboota qofa
osoo hin taane gosa irraa eegalee uummanni kumiyyuu qaaman wal
qunnamuu dhiisuu danda'a qeeqni jedhu irratti dhiyaata.
Karaa biraatiin immoo saboonni eessaa dhufne kan isaan jechisiisu sirna
mallattoo qabeenya waloo ta'e kan qaban malee waan hin jirre irratti
kan uumaman miti jechuun qeeqni irratti dhiyaata. Qeeqni kun saboonni
akkuma sirna mootii, seenaa eessaa dhufnee kan irratti ijaarani sirna
mallattoo waloo yookiin dhaala aadaa waloo qabu kan jedhu dha. Ta'us
hayyoonni biroon immoo sabummaan dhugeeffannoo bu'aa hojii
siyaasaa fi geggeessitoota siyaasaa akka ta'etti yaada falmii isaanii
dhiyeessu.
Akka yaada falmii hayyoota kanaatti, saboonni uumama hayyoonni
siyaasaa galma siyaasa isaaniitiif uumani malee sirni mallattoo walitti
isaan hidhu dhimma isaanii isa bu'uuraa miti. Agarsiiftuu kanaas kan
ta'u, uummattoonni afaan gosa tokko dubbatan yookiin hawaasa tokko
keessa jiraatan sabummaa adda addaa keessatti argamuun biyyoota
adda addaa keessatti uumamuu isaaniiti. Kanaafuu, eenyummaan
sabummaa hayyoonni siyaasaa akka barbaadanitti micciiranii hawwii
siyaasaa fi diinagdee isaanii ittiin galmaan ga'achuuf kan uumani dha
malee bu'aa sirna mallattoo walitti isaan hidhuu miti kan jedhu dha.
Karaa biraatiin, hordoftoonni ilaalcha Maarkisizimii sabummaan ilaalcha
garee hawaasaa karaa dogongora ta'een ifa bahe dha jedhu. Kana
jechuun, sababa sirna diinagdeetiin garaagarummaa garee hawaasaa
uumamuun alatti halluu eenyummaa itti dibuun rakkoo inni bu'uuraa
akka hin furamne kan godhuu fi hacuuccaa garee isa garaagarummaa
diinagdeetiin uumame akka hin furamne kan godhu eenyummaa
sabaati jedhu.
Haaluma wal-fakkaatuun, hayyoonni diinagdee tokko tokko,
sabummaan hir'ina gabaa duuchuu fi rakkoowwan diinagdeen fide bifa
biraa qabsiisuuf kan uumamedha jedhu.
Haa xiqqaatus; haa baay'atus, rakkoowwan waa'ee sabummaa biyyoota
biroo keessatti uumaman amma tokko ilaaluun waa'ee Itoophiyaa
hubachuuf nu fayyada. Jalqabarratti, hayyoonni hedduun dhufaatii
mootummaa sabummaa jalqabbii ammayyummaatiin wal-qabsiisu.
Dhimmi kun mootummaa biyya Itoophiyaas ni ilaallata. Itoophiyaan
biyyoota akka Poorchugaal dursitee mil'uu aadaa jireenya sabummaa
kan qabdu ta'ullee dhufaatii mootummaa sabummaa isa bu'uuraa garuu
dhugaan hin jijjiiru. Biyya keenya keessatti jalqabbiin ammayyummaa
kan uumame dhuma jaarraa 19ffaa waan ta'eef uumamuun
mootummaa sabummaas yeroodhuma kana waliin wal-qabata.
Hayyoonni biyya keenyaa tokko tokko "saboota arga-yaadaa" yaada
jedhuun haala biyya keenyaa hubachuuf yaalu. Rakkoo siyaasa biyya
keenyaas biyya hunda keenya walii galchitu, "biyya arga-yaadaa" ijaaruu
dadhabuu keenyaan wal-qabsiisu.
Karaa biraatiin haayyonni dhimmicha yaadannoo waloo waliin wal
qabsiisudhaan hubachuuf yaalan ni jiru. Akkaataa ilaalcha haayyoota
kanaatiin Itoophiyaanonni seenessa keenya eessaa dhufnee keessatti
yaadannoo waloo keenyaa haala gaaridhaan hin ijaarre jedhu. Waa'ee
isa darbee wayita haasofnu yaadannoo waloo keenya keessatti qabiyyee
fi miira baay'ee wal-irraa faffagaatetu mul'ata jedhu. Hayyoonni
tokko tokkommoo, sabummaan hojii harkaa tarkaanfachiiftota siyaasaati yaada jedhu hordofuun rakkoo siyaasa
sabummaa Itoophiyaa fedhii fi faayidaa hayyoota siyaasaatiin wal
qabsiisuun ilaalu. Sababiin ijoon siyaasa biyya keenyaa rakkoo hamaa
keessa galche halbaadhummaa haayyoota siyaasaa biyya keenyaa fi
fedhii isaan karaa qaxxaamuraatiin aangoo argachuuf qaban akka ta'e
himu. Cabiinsa siyaasa biyya keenyaas baay'achuu daldaltoota
siyaasaatiin wal-qabsiisu.
Akkaataan hubannoo hayyoota eeraman kunniin hunduu dhugaa of
keessaa qabu; haa ta'u malee, fakkii guutuu walitti qabuun nutti
mul'isuuf wayita yaalan dhugaawwan isaan qeeqsisan hedduun immoo
ni jiru. Fakkeenyaaf, rakkoon sabummaa Itoophiyaa keessatti mul'atan
bu'aa halbaadhummaa daldaaltota siyaasaati ilaalchi jedhu haalli itti
sirrii ta'e sababoota hedduutu jira; haa ta'u malee, halbaadhummaa
caala mirga sabootaatiif kan falman namoota hedduu kan xureessu dha.
Haaluma wal-fakkaatuun, ilaalchawwan biroos dhugaa gamisa nutti
himu malee fakkii bal'aa nuuf hin dhiyeessan.