text stringlengths 0 196k |
|---|
qofaarraas ta'ee sabaaf sablammoota adda addaa irraa ijaarramuu akka |
danda'u dha. Siyaasni sab-hawaasummaas ta'ee sab-lammummaa |
dhugaawwan aangoo mootummoota addunyaa keessatti argamani dha. |
Bara 1960mootaa fi 1970moota keessa hayyoonni Awurooppaa |
hedduun danqaawwan siyaasa sabummaa hiikuuf itti duulaniiru. |
Hayyoonni kunniin, hundi jechuun nidanda'ama, sabummaan adeemsa |
jireenya hawaasummaatiin akka ijaaramu irratti waliigalu. Kana jechuun, |
sabummaa akka waan dhaabbataa fi uumamaan jiruutti ilaaluun hafee |
kan jijijjiiramuu fi ijaaramu akka ta'etti hubatu. Hayyoota kanneen |
keessaa gar-tokkeen dhimmichi ammayyummaa fi uumama |
mootummoota ammayyaa waliin waan dhufeef uumamni sabummaa |
bu'uura caasaa qaba jedhu. Akka ilaalcha haayyota kanaatti, |
babal'achuun induustirii fi hundeeffamuun mootummoota ammayyaa |
uumamuu sabummaatiif sababa ta'eera jedhu. Kabaja ayyaana adda |
addaa fi alaabaawwan mootummootaa; akkasumas, dhimmoonni |
kanaan wal-qabatan taateewwan hedduun namoonni akka miira |
sabummaa keessa galan taasiseera. Akka hubannoo isaanitti, |
mootummaan sabootaa bu'aa walitti dhufeenya sabootaa fi aangoo |
mootummaa ammayyaa keessaa argamu dha. Kanaafuu, sabummaan |
uumama aangoo mootummootaa hordofuun kan dhufe taatee |
ammayyaati. |
Gama biraatiin, gareen biroo sabummaan taatee ammayyummaa |
hordofee dhufuusaa irratti waliigalanis, bu'aa jijjiirama caasaa siyaasaa |
fi diinagdee osoo hin taane, bu'aa arga-yaadaati jedhu. Sabaaf |
sablammootas "hawaasa arga-yaadaa" jedhanii waamu. Namni fiixee |
biyya tokkoo jiraatu isa fiixee biyyaa gama biraatiin jiraatu hin beeku; |
waliin jiraatees hin beeku; garuu arga-yaadaatiin firooma waliinii |
uummatu jedhu. Kanaafuu, ija haayyoota kanaatiin, aantummaan sabaa |
waliin jiraachudhaan kan dhufu osoo hin taane dhimma hariiroo arga |
yaadaa qabaachuuti jedhu. Kanaafis babal'achuun miidiyaalee |
maxxansaa gumaacha guddaa taasiseera. Karaa gaazexaatiin hariiroo |
arga-yaadaa uummachuun, lammiileen akka sabummaa tokko keessa |
akka jirannitti akka yaadan taasifamaniiru jedhu. Garuu, yaadni kuni |
hayyoota kana fagoo isaan hin deemsifne. Karaa tokkoon saboota qofa |
osoo hin taane gosa irraa eegalee uummanni kumiyyuu qaaman wal |
qunnamuu dhiisuu danda'a qeeqni jedhu irratti dhiyaata. |
Karaa biraatiin immoo saboonni eessaa dhufne kan isaan jechisiisu sirna |
mallattoo qabeenya waloo ta'e kan qaban malee waan hin jirre irratti |
kan uumaman miti jechuun qeeqni irratti dhiyaata. Qeeqni kun saboonni |
akkuma sirna mootii, seenaa eessaa dhufnee kan irratti ijaarani sirna |
mallattoo waloo yookiin dhaala aadaa waloo qabu kan jedhu dha. Ta'us |
hayyoonni biroon immoo sabummaan dhugeeffannoo bu'aa hojii |
siyaasaa fi geggeessitoota siyaasaa akka ta'etti yaada falmii isaanii |
dhiyeessu. |
Akka yaada falmii hayyoota kanaatti, saboonni uumama hayyoonni |
siyaasaa galma siyaasa isaaniitiif uumani malee sirni mallattoo walitti |
isaan hidhu dhimma isaanii isa bu'uuraa miti. Agarsiiftuu kanaas kan |
ta'u, uummattoonni afaan gosa tokko dubbatan yookiin hawaasa tokko |
keessa jiraatan sabummaa adda addaa keessatti argamuun biyyoota |
adda addaa keessatti uumamuu isaaniiti. Kanaafuu, eenyummaan |
sabummaa hayyoonni siyaasaa akka barbaadanitti micciiranii hawwii |
siyaasaa fi diinagdee isaanii ittiin galmaan ga'achuuf kan uumani dha |
malee bu'aa sirna mallattoo walitti isaan hidhuu miti kan jedhu dha. |
Karaa biraatiin, hordoftoonni ilaalcha Maarkisizimii sabummaan ilaalcha |
garee hawaasaa karaa dogongora ta'een ifa bahe dha jedhu. Kana |
jechuun, sababa sirna diinagdeetiin garaagarummaa garee hawaasaa |
uumamuun alatti halluu eenyummaa itti dibuun rakkoo inni bu'uuraa |
akka hin furamne kan godhuu fi hacuuccaa garee isa garaagarummaa |
diinagdeetiin uumame akka hin furamne kan godhu eenyummaa |
sabaati jedhu. |
Haaluma wal-fakkaatuun, hayyoonni diinagdee tokko tokko, |
sabummaan hir'ina gabaa duuchuu fi rakkoowwan diinagdeen fide bifa |
biraa qabsiisuuf kan uumamedha jedhu. |
Haa xiqqaatus; haa baay'atus, rakkoowwan waa'ee sabummaa biyyoota |
biroo keessatti uumaman amma tokko ilaaluun waa'ee Itoophiyaa |
hubachuuf nu fayyada. Jalqabarratti, hayyoonni hedduun dhufaatii |
mootummaa sabummaa jalqabbii ammayyummaatiin wal-qabsiisu. |
Dhimmi kun mootummaa biyya Itoophiyaas ni ilaallata. Itoophiyaan |
biyyoota akka Poorchugaal dursitee mil'uu aadaa jireenya sabummaa |
kan qabdu ta'ullee dhufaatii mootummaa sabummaa isa bu'uuraa garuu |
dhugaan hin jijjiiru. Biyya keenya keessatti jalqabbiin ammayyummaa |
kan uumame dhuma jaarraa 19ffaa waan ta'eef uumamuun |
mootummaa sabummaas yeroodhuma kana waliin wal-qabata. |
Hayyoonni biyya keenyaa tokko tokko "saboota arga-yaadaa" yaada |
jedhuun haala biyya keenyaa hubachuuf yaalu. Rakkoo siyaasa biyya |
keenyaas biyya hunda keenya walii galchitu, "biyya arga-yaadaa" ijaaruu |
dadhabuu keenyaan wal-qabsiisu. |
Karaa biraatiin haayyonni dhimmicha yaadannoo waloo waliin wal |
qabsiisudhaan hubachuuf yaalan ni jiru. Akkaataa ilaalcha haayyoota |
kanaatiin Itoophiyaanonni seenessa keenya eessaa dhufnee keessatti |
yaadannoo waloo keenyaa haala gaaridhaan hin ijaarre jedhu. Waa'ee |
isa darbee wayita haasofnu yaadannoo waloo keenya keessatti qabiyyee |
fi miira baay'ee wal-irraa faffagaatetu mul'ata jedhu. Hayyoonni |
tokko tokkommoo, sabummaan hojii harkaa tarkaanfachiiftota siyaasaati yaada jedhu hordofuun rakkoo siyaasa |
sabummaa Itoophiyaa fedhii fi faayidaa hayyoota siyaasaatiin wal |
qabsiisuun ilaalu. Sababiin ijoon siyaasa biyya keenyaa rakkoo hamaa |
keessa galche halbaadhummaa haayyoota siyaasaa biyya keenyaa fi |
fedhii isaan karaa qaxxaamuraatiin aangoo argachuuf qaban akka ta'e |
himu. Cabiinsa siyaasa biyya keenyaas baay'achuu daldaltoota |
siyaasaatiin wal-qabsiisu. |
Akkaataan hubannoo hayyoota eeraman kunniin hunduu dhugaa of |
keessaa qabu; haa ta'u malee, fakkii guutuu walitti qabuun nutti |
mul'isuuf wayita yaalan dhugaawwan isaan qeeqsisan hedduun immoo |
ni jiru. Fakkeenyaaf, rakkoon sabummaa Itoophiyaa keessatti mul'atan |
bu'aa halbaadhummaa daldaaltota siyaasaati ilaalchi jedhu haalli itti |
sirrii ta'e sababoota hedduutu jira; haa ta'u malee, halbaadhummaa |
caala mirga sabootaatiif kan falman namoota hedduu kan xureessu dha. |
Haaluma wal-fakkaatuun, ilaalchawwan biroos dhugaa gamisa nutti |
himu malee fakkii bal'aa nuuf hin dhiyeessan. |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.