text stringlengths 0 196k |
|---|
Hayyoonni siyaasaa Itoophiyaa dhimma sabummaa ilaalchisee yaada |
falmii dhiyeessan keessaa inni tokko haalli uumama garee |
naannummaadhaan (geography) malee sabummaa irratti hin ijaaramne |
kan jedhu dha. Hayyoonni kunniin seenaa siyaasa Itoophiyaa darban |
keessatti haalli hiriira siyaasaa naannummaa bu'uura kan godhate malee |
sabummaa kan bu'uureffate waan hin taaneef dhimmi sabummaa |
seenaa biyyattii fi haala dhugaa qabatamaatiif keessummaadha jedhu. |
Jalqabbii hundeeffama mootummaa Itoophiyaattis ta'ee |
hundeeffamaan booda bulchiinsa mataa isaanii kan qaban |
naannoowwani malee saboota miti; kanaafuu, rakkoon gareewwan |
bu'uureffate yoo jiraatellee amantii fi haala naannoo irratti hundaa'een |
furamuu qaba yaada jedhu dhiyeessuun falmu. |
Eenyummaan sabummaa madda eenyummaa dorgomaa hin qabne |
ta'ee finiinee ba'uusaa warri hin fudhanne hayyoonni biroo immoo |
dhalli namaa eenyummaa garee adda addaa kan qaban ta'ee osoo jiruu |
sabummaa qofaa irratti xiyyeeffachuun rakkoo uummataa haalaan |
hubachuu dhabuu dha jedhu. Yaadonni falmii dhiyaatan sabummaan |
siyaasa biyya keenyaa keessatti iddoo ol-aanaa baay'ee xooxeffame |
qabachuusaa eeruu irratti itti milkaa'us, sabummaan maaliif |
eenyummaa garee adda addaa kanneen biroo caala xooxeffamee |
ol ka'uu danda'e gaaffii jedhu garuu hin deebisani. |
Sababoonni biroo haaluma eeramaniin akkuma jiranitti ta'ee, |
sabummaan eenyummaawwan biroo caala xooxeffamee sababiin ol |
ka'eef inni tokko hacuuccaan sabummaa waan tureefi dha. |
Eenyummaan garee tokkoo sababiin jabaachaa deemuu fi namoota |
eenyummaa isaanii sana irratti ofitti hawwatee sochoosuu kan |
danda'uuf hacuuccaa fi loogiin eenyummaa isaanii sana bu'uureffate |
yoo isaan irra ga'u dha. Hacuuccaan kunis sababa sochii uummataa fi |
qabsoo siyaasa eenyummaa ta'uu kan danda'u hayyoonni hacuuccaa |
sana hanga kaayyoo isaaniitiif oolchaniini. Kanaafuu, eenyummaa |
sabummaas ta'ee eenyummaa gareewwan adda addaa kanneen biroo |
hubachuuf gahee hayyootaafi kallattii furmaataa rakkinichaa gaaffilee |
sana keessatti dhiyaatanii adda baafnee hubachuu qabna. |
Araaraa fi Waliigaltee Biyyoolessaa |
Hacuuccaa namni uume dhabamsiisuun Itoophiyaa dimookiraatofte |
uumuuf; akkasumas, fudhatamummaa aangoo siyaasaa mirkaneessuuf |
wantoota hojjatamuu qaban keessaa dhimmi ijoon araaraa fi walii |
galtee biyyoolessaa biyyattii irratti mirkaneessuu dha. Walii-galteen |
biyyoolessaa dhaabbilee walabaa ijaaruu irraa waan adda ba'ee |
ilaalamuu miti. Dhaabbilee walabaa hundeessuu fi walii-galtee |
biyyoolessaa uumuu jidduutti kamtu dursuu qaba gaaffii jedhu |
ilaalchisee filannoowwan lama deddeebi'anii wayita ka'an ni mul'atu. |
Hayyoonni tokko tokko dhaabbileen walabaa hundeeffamanii, itti |
aansuun walabummaadhaan mari'atanii, wal-falmanii waliigalteerra yoo |
ga'ame malee walii-galtee biyyoolessaa uumuun rakkisaa dha jedhu. |
Tarkaanfachiiftonni yaada kanaa sirna hacuuccaa keessatti haalli ture |
uummanni walaba ta'ee mari'atee haalli itti waliigaluu danda'u waan hin |
turreef; akkasumas, adeemsi isaas yeroo dheeraa kan fudhatu waan |
ta'eefjalqabarratti dhaabbilee walabaa hundeessutu dursuu qaba jedhu. |
Karaa biraatiin immoo, waliigalteen biyyoolessaa osoo hin jiraanne |
dhaabbilee walabaa uumuun hin danda'amu yaada jedhu dhiyeessuun |
kanneen falman ni jiru. Yaadni falmii kun, ijaarsi dhaabbilee walabaa |
matuma isaatiin waliigaltee biyyoolessaa irratti kan hundaa'e waan |
ta'eef dhaabbilee walabaa hundeessuu eegaluu keenyaan dura |
waliigaltee biyyoolessaa uumuu danda'uu qabna kan jedhu dha. |
Falmiiwwan kunniin dhimmoota lamaan fiixetti kan baasanii fi haala |
qabatamaa jiru yaada keessa galfachuurra wal-falmii yaadaatiif dursa |
kan kennu dha. |
Akkaataa falaasama ida'amuutiin, falmiiwwan lamaan yaada wal |
faallessu qofa osoo hin taane yaada wal-utubus ni qabu. Fakkeenyaaf, |
dhaabbilee walabaa of-eeggannoo fi xiyyeeffannoo guddaadhaan yoo |
ijaarre, walabummaa dhaabbilee irratti hanga tokko waliigaluu yoo |
jalqabne waliigalteen kun immoo waliigaltee biyyoolessaa ni cimsa. |
Waliigalteen biyyoolessaa waan lammiileen itti amanan irratti kan |
hundaa'u waan ta'eef lammiileen dhaabbilee walabaa kana itti amanuu |
yoo eegalan gara waliigaltee biyyoolessaatti dhufuun keenya waan hin |
hafne dha. Karaa biraatiin, waliigaltee biyyoolessaa fiduuf hojiiwwan |
hojjannu 'ijaarsa dhaabbilee walabaa irratti fudhatamummaa olaanaa |
dabaluun waan hin hafne. Waliigalteen biyyoolessaa jabaachaa yoo |
dhufe, walabummaanii fi amanamummaan dhaabbilee hundeessinee |
dabalaa deema. Kanaafuu, dhimmoonni dhaabbilee walabaa ijaaruu fi |
waliigaltee biyyoolessaa fiduu wal-maddii hojjatamuun wal-utubaa |
deemuu kan danda'ani dha. Waliigalteen biyyoolessaa waliigaltee |
hayyoota siyaasaatiin hidhata adda hin baane qaba. Waliigalteen |
biyyoolessaa yaada dimshaashaa bu'uureffachuun waliin jiraannu |
ta'ullee, waliigalteen kun waliigaltee haayyoota siyaasaatiin alatti dursee |
uumamuu, adda bahee ilaalamuu yookiin sanaan alatti ititee dhaabbachuu |
hin danda'u. |
Waliigaltee biyyoolessaa jechuun dhimmoota biyyaa murteessaa ta'an |
irratti yaadni uummata bal'aa irra caalatti dhimmoota jedhamanitti |
amanuun wal-faana fudhachuu jechuu dha. Dhimmoota biyyaa |
murteessaa ta'an irratti yaadni lammiileen qaban kan maddiitti ba'eefi |
wal-irraa fagaate yoo ta'e waliigalteen biyyoolessaa jira jechuun hin |
danda'amu. Biyya keenyatti dhimma alaabaa irraa eegalee dhimmoonni |
hedduun irratti walii hin galamne ni jiru. Kanaafuu, dhimmoota hedduu |
irratti mari'annee waliigaltee biyyoolessaa uumuu qabna. Haa ta'u |
malee, waliigaltee biyyoolessaa fiduuf dursinee madaa keenya duraanii |
wal'aanuu fi fayyisuu qabna; araara buusuu qabna. |
Araara osoo hin buusiin waliigaltee biyyoolessaa fiduun rakkisaa dha. |
Araarri madaa keenya darbe kan wal'aanuu fi adeemsa keenya keessatti |
namoonni madaa kana tuttuquun akka hin fayyine godhan yoo |
jiraatanillee madaan kun deebi'ee akka hin kulkulle gochuuf furmaata |
waarawaa dha. Karaan waliigaltee wayitawaa qofaa irratti hojjatame |
keessi isaa yaaddoo, sodaa fi shakkiidhaan kan guutame waan ta'uuf of |
wareeraatii irra deemna. Kanaafuu, rakkinicha hundeerraa furuuf araara |
buusuun barbaachisaa dha. |
Araara ilaalchisee muuxannoo biyyoota adda addaa yoo ilaalle, rakkoo |
sirni appaartaayidii (Afrikaa Kibbaa keessatti) uume furuuf, waraana |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.