text stringlengths 0 196k |
|---|
saba irratti xiyyeeffatee fi wal-ajjeechaa hambisuuf (Ruwaandaa), |
mootummaa abbaa irree barbadeessuunjijjiirama dhufe ceesisuuf heera |
biyyaa haarawaa bocuu (lspeen), yookiin jijjiirama jeequmsaan argame |
tasgabbeessuu (Tuniisiyaa), irraa muuxannoon fudhatamuu ni danda'a. |
Dabalataanis, adeemsa seenaa dheeraa keessa garee uummataa tokko |
irratti miidhaa ssena-qabeessa dhaqqabeef beekkamtii kennuun yeroo |
itti aanutti miidhaan wal-fakkaatu akka hin dhaqqabnee fi, inumaayyuu |
tooftaalee jajjabeessuu adda addaatti fayyadamuun irra-caalatti |
fayyadamtoota akka ta'an (Awustiraaliyaa fi Kaanaadaa); akkasumas, |
moortummaan yookiin paartiin tokko wayita aangoorra jiru wantoota |
baballeesse haaromsuun gara boqonnaa seenaa haarawaatti ceesisuuf |
kutataa wayita ta'etti koree dhugaa barbaaddotaa hundeessuun |
badiiwwan darban tarreessuun wantoota garaagarummaa uumaniif |
ka'umsa ta'an sirreessuuf kutatee yeroo ka'etti (Chiilii, Kolombiyaa fi |
Arjentiinaa), mootummaa jijjiiruun dirqama osoo hin tane araarri wayita |
bu'u arguun danda'ameera. |
Adeemsichi yeroo barbaachisaa itti ta'utti, araara buusuun karaawwanii |
fi tooftaalee hedduun hojii irra ooluu danda'a. Araarri biyyoolessaa |
jijjiirama mootummaa irratti kan taasifame yoo ta'e mootummaa |
ce'uumsaa uumuudhaan hojiitti hiikamuun haqa ce'uumsaatiin |
dabaalamuu ni danda'a. Haqni ce'uumsaa sirna hacuuccaadhaan |
guutame irraa gara sirna dimookiraatawaatti ce'uudhaaf yaaliiwwan |
taasifaman keessatti yakkawwan darban qulqulleessuun, komiishinii |
haqa-barbaadduu hundeessuudhaan; akkasumas, namoota yakka |
raawwatan yakka raawwataniif akka dhugaa ba'an gochuudhaan, faallaa |
kanaatiin immoo wal-adabuu fi haaloo walitti ba'uun akka itti hin fufne |
adeemsi haa hafuudhaan; akkasumas, araaraan hiikuun furmaata ta'a. |
Adeemsichi itti-gaafatamummaa fi dhiifama; haqaa fi araara; akkasumas, |
adabbii fi dhiifama wal-simsiisuun miidhamtootas ta'ee yakkamtootni |
kan darbe irraa baratanii jireenya isaanii fuul-duraa karaa sirrii irra akka |
adeemsifatan yaalii taasifamu dha. Tooftaalee adeemsa murtoo |
seeraatiin; akkasumas, adeemsa murtoo seeraatiin ala jiran hunda |
fayyadamuun kan raawwatamu yoo ta'u, dhumarrattis qaamoleen |
balleessaa isaaniif dhugaa ba'an dhiifamaa fi maariidhaan akka gaadi |
dhiifamanii fi qaamoleen kana hin goone immoo tarkaanfiiwwan seeraa |
barbaachisoo ta'an akka irratti fudhataman kan taasisu dha. |
Faallaa kanaatiin, araara biyyaa akka taasifamu kan dirqisiise |
miidhaawwan taatee seenaa darbee yoo ta'an immoo sakkatta'iinsa |
seenaa gadi-fagoo ragaadhaan deeggaramee taasisuun garee |
hawaasaa miidhaan irra ga'ee akaakuu miidhaa isaanii tarreessuudhaan |
miidhaa isaaniitiif hojiiwwan beekkamtii kennuu hojjatamu. |
Itoophiyaa keessatti araaraa fi yaadonni dhiyaachuu erga lakkoofsifamaniiru. |
Waggoottan waliigaltee biyyoolessaa ilaalchisee eegalanii waggoottan |
hedduun 27n darban keessattillee yoo ilaalle dhimmoota kana irratti ilaalchi |
faallaa lama mul'ataniiru. Gama tokkoon humnoonni siyaasaa dorgomtootaa |
fi barreessitoota siyaasaa gama isaanitiin jiran Itoophiyaa n rakkoo siyaasaa |
keessa seente keessaa haala sirrii ta'een ba'uuf araaraa fi/yookiin |
waliigalteen biyyoolessaa taasifamuu qaba jechuun mormu. |
Yaadni kun ammaan dura sababoota lamaaf kufaa ta'aatii tureera. Inni |
jalqabaa hariiroo sabaa fi sablammoota biyya keenyaa jidduu tureen |
tokko miidhaa, tokkommoo miidhamaa ta'uun kan dhiifama wal |
gaafatan osoo hin taane fedhii fi gocha gita bittootaa waliin wal-qabata |
kan jedhu dha. Hariiroon uummataa wal-kabajuu, wal-jaalachuu fi wal |
irraa horuun kan waliin turan waan ta'eef yaadni araara jedhu fudhatama |
hin qabu. |
Sababni inni lammaffaa immoo gaaffileen waliigalteen biyyoolessaa |
irratti haa taasifaman jedhamuun ka'an ajandaalee qabsoon siyaasaa |
irratti adeemsifamuu danda'a jedhamani dha. Gama biraatiin, paartileen |
morkitootaa fi barreessitoonni isaan duukaa bu'an araarri bu'uu qaba |
jedhanii lallabanis dhimmicha irratti hubannoo ifa ta'e dhabuurra |
darbee hoggantootaa fi imaammata dhaaba keenyaa cilee dibuun, |
dhugaanis haa ta'u sobaan, yakkuu irratti kan xiyyeeffatan turaniiru. |
Paartileen dorgomtootaa ejjannoo siyaasaa goggogaa |
tarkaanfachiisuun dhaaba keenya ilaalcha jibbaatiin ibsaatii socho'aa |
waan turaniif karuma kamiinuu osoo aangoo argatanii injifannoowwan |
hanga ammaatti arganne hunda diiguudhaan zeeroo irraa akka |
eegalanii fi tarkaanfii haaloo ba'uurraa duubatti akka hin deebinetti akka |
ilaalaman isaan taasiseera. |
Kana waan ta'eef, aangorra turuun akka imaammata raawwachiisuu |
yookiin fayyadamuu osoo hin taane akka jireenya ofii ittiin |
tursiifachuutti akka ilaalamu taasifameera. Karaa fiixetti ba'e kanaan inni |
tokko isa biraatiin osoo homaa irraa hin qabne biyya balleessa osoo |
jedhuunii araaraa fi waliigaltee biyyoolessaa bu'a-qabeessa ta'e |
adeemsisuun rakkisaa dha. Itoophiyaan baay'ina amantii fi sabootaa |
qabdurratti ida'amee yeroo ammaa kana siyaasa fiixetti ba'e kanaa fi |
siyaasichas mariidhaan furuurra akkuma barame humnaan itti deemuun |
waan lafa qabateef kana osoo hin ta'in araara buusuun Itoophiyaadhaaf |
barbaachisaa ta'uusaa ni agarsiisa. |
Itoophiyaan araaraaf adeemsi ittiin dhiyaatte yeroo mootummaa |
ce'uumsaa, bara 1983 ture. Karaa tokkoon Atsee Hayilasillaasee |
dabalatee aanga'oota hedduu murtoo tokko malee kan ajjeesanii fi |
isaan boodas turtii sirna bulchiinsaa waggoota 17 keessatti aanga'oota |
dargii yakkoota hedduu raawwatan fuula haqaa warra kaan |
dhoowwatan dura akka dhaabbatan taasifaman. Karaa biraatiin immoo |
paartiileen dorgomtootaa biyya keessas ta'ee biyya alaa jiran; kan |
hidhatanis ta'ee kan hidhannoo malee qabsaa'an akka biyyatti galanii |
karaa nagaan morkatan carraan ni kennameef. Gama kanaanis |
jalqabbiin milkaawaan eegalamee ture. Haa ta'u malee, humna |
waraanaa jabana dargii guutumaan guututti maddiitti qabuun; |
akkasumas, adeemsa keessa ABO, Paartii Sochii Bilisummaa Uummata |
Sidaamaa fi humnoonni biroos dhiibamne jechuun (yookiin |
dhiibamanii) ba'uun isaanii, keessattuu komiishiniin walabaa adeemsa |
araaraa hogganu hundeeffamuu dhabuun isaa suutuma suuta dubbiin |
akka babbadu taasifame. |
Qaama biraatiin humna aangoo mootummaa qabate akka diinatti |
ilaaluun, aangoo fi itti-gaafatamummaa mootummaa isa bu'uuraatiif |
beekkamtii kennuu dhiisuu fi adeemsi danquu humna qaama |
mootummaatiin ala jirurraa ni mul'ata ture. Kanarraa ka'uudhaan, |
adeemsi qaama caasaa mootummaatiin ala jiruu dhiifamaa fi |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.