text
stringlengths
0
196k
waliigalteedhaaf shoora isarraa eegamu taphateera jechuun hin
danda'amu. Keessattuu jalqaba wayita mirgi yaada ofii walaba ta'anii
ibsachuu hojii irra oolu miidiyaaleen maxxansaa gabaasa sobaa
adeemsicha danqu oomishuudhaan waan muddamaniif mootummaanis
suuta suuta ija shakkiitiin ilaaluudhaan deebii barbaachisaa itti kennuuf
dirqameera. Miirri araaraa ture kallattii isaa jijjiirrachaa dhufuudhaan
yeroo gabaabaa keessatti haala hammataa ta'e keessaa gara dirree
siyaasaa dhiphaa fi daanga'aatti jijjiiramuu danda'eera.
Dhuma bara 1999 A.L.I adeemsichi bakka itti kufee carraa deebi'ee
olka'uu argatee ture. Jeequmsa filannoo bara 1997 tiin booda ture
hordofuun hidhamtoota siyaasaa hiiksisuuf koreen jaarsummaa
biyyoolessaa dhaabachuun yaaliiwwan hedduu erga taasisee booda
hoggantoonni siyaasaa dhiifamaan hiikamuun isaanii ni yaadatama. Haa
ta'u malee, adeemsi ittiin hiikamanii fi erga hiikamanii booda,
keessattuu odeeffannoon miidiyaalee mootummaatiin darbaa ture
qoqqoodamiinsa moo'ataa fi moo'amaa, dhiifama kennaa fi dhiifama
gaafataa waan uumeef miirri araaraa jeeqameera. Adeemsi kabaja bara
barkumee Itoophiyaa yeroo gabaabaan booda kabajame irratti
namoonni hiikamanis osoo hin hirmaatiin gara biyya alaatti ba'uu isaanii
fi muraasni qabsoo hidhannoo eegaluuf, kanneen hafan immoo gara
biyyaatti deebi'uuf murteessuun isaanii adeemsichi akka maseenu
godheera.
Waggoottan arfan darban keessa jeequmsa siyaasaa, diinagdee fi
nageenyaa uumaman furuuf yaada jijjiiramaa karoorfaman hedduu
keessaa tokko paartiilee dorgomtootaa waliin mari'achuudhaan
waliigalteerra ga'uu dha. Haa ta'u malee paartiileen biyya keessa jiran
hundi itti hirmaachuu dhabuun, paartiileen hirmaatanis "waliigaluuf
waliigalaa deemuu" fi "waa'ee waliigaluu ilaalchisee waliigalaa deemuu"
irratti yeroo dheeraa waan fudhateef bu'aa qabatamaa fiduu hin
dandeenye.
Biyya keenya keessatti yeroo mootummaa ce'uumsaas ta'ee jabana
mootummaa ofii keessa hoggantoonni turan dorgomtoota isaanii
humna qaban guutuun ukkaamsuudhaan taphaan ala gochuun
barmaatiilee fokkisaa barame dha. Kufaatii fi awwaala dorgomtoota
keenyaa irratti yoo ta'e malee moo'achuu keenya waan mirkaneeffannu
nutti hin fakkaatu. Kunimmoo hiyyummaa fi gadadoo irraan kan hafe eessanuu akka nu hin
geenye seenaa biyya keenyaa keessatti irra-deddeebinee
mirkaneeffanneerra. Har'as amala fokkisaa kana ilaalcha keenyas ta'ee
jireenya keenya keessaa hin baafne. Jechoonni siyaasaa keenya osoo hin
hafin "farra" jecha jedhuun kan guutaman ta'uun isaa ragaa guddaa dha.
Barmaatiileen kun diinaa fi fira jechuun ilaalcha qoqqoodinsaa keessaa
kan maddu dha. Humnoota kamiyyuu diinummaa fi firummaadhaan
ibsuun uumama namaa dubbatee waliigaluu fi murteessee jijjiiramuu
kan faallessu ilaalcha duubatti-hafaa dha. Nama yaadaa fi karaa keenya
irraa adda ta'e yaadaan caallee amansiisuurra, yoo kana ta'uu
baatemmoo garaagarummaa keenya kabajuun deemuu caala akka diina
dhaabbataatti fudhachuudhaan yakkuun ilaalcha duubatti hafaa kana
keessaa madda.
Hoggantoonni aangoo uummataa argachuuf kan yaalan yakka
hoggantoota duraanii tareessudhaani malee ofii isaanii sirna gaarii
diriirsuun waan gaarii hojjachuudhaan miti. Sababa kanaanis
dhalootarraa dhalootatti kan darbu yakka hoggantootaa qofa ta'a. Kunis
dhaala haaloo dhuma hin qabne qabannee akka duubatti hafnu nu
taasiseera. Haaloo dheengaddaatiif osoo hidhii xuuxnuu kaleessas
haaloo birootu dhalate; haaloo kaleessaatiif osoo hidhii xuuxnuu har'as
haalaan biraa dhalate. Kanaafuu, maraammartoo kana keessaa ba'uu
kan dandeenyu adeemsicha dhiifamaan goolabnee, madaawwan turan
jaalalaan wal'aannee, adeemsa keenya fuul-duraatiif murtoo kutannaa
qabu yoo fudhanne dha. Karaa araara ittiin buusuu dandeenyu yoo
fudhannes muuxannoowwan biyyoota biroo yaada keessa galfachuun
akkuma jirutti ta'ee duudhaalee biyya keenyaa duguugnee haalan itti
fayyadamuu qabna.
Rakkoo wal-xaxaa biyya keenyaa furuudhaan fudhatamummaa aangoo
mootummaa fi itti-fufiinsa Itoophiyaa mirkaneessuuf dursinee araara
buusuudhaan miira haaromeen dhimmoota kaan irratti mariidhaan
waliigaltee ni taasifna. Waliigalteen biyyoolessaa siyaasa qofaa irratti
kan taasifamu yoo ta'e garuu miira dorgommii fi haalootiin waan
taasifamuuf bu'a-qabeessa hin ta'u. Araaraan eegallee miira
tasgabbaa'aa waliigaltee uumuuf mijataa ta'e keessa yoo seenne garuu
mariin kunis waliigaltee biyyoolessaa bu'a-qabeessa ta'e fida.
Seenaa marii siyaasaa keessatti waltajjii marii guddaa qopheessee
dhimmoota siyaasaa adda-dureedhaan waltajjicha irratti furuudhaaf
yeroon itti yaalame muuxannoo guddaatu jira. Muuxannoon kunis
dhimmoota ijoo ta'an irratti hayyoonni yoo waliigalan kan hafe adeemsa
siyaasaatiin kan qulqullaa'u ta'a jechuun kan mari'atame dha. Biyya
keenya keessattis moggaasni mata-duree marii ifatti kennamuufii
baatus heerri biyyattii amma jiru kan qophaa'e karaa "marii guddicha"
kanaani dha.
Haa ta'u malee, waltajjiiwwan marii akkanaa qeeqaa fi kamii irraa bilisa
ta'uu hin danda'an. Hagamillee haala gaariin adeemsifamus kamii fi
mormii irraa bilisa ta'uu hin danda'u. Yeroodhaaf milkaawaa fakkaatus
xiqqoo turee jeequmsa kaasuun isaa waan hafuu miti.
kessattuu biyya akka kenyaa gaaffiidhaan xaxamtee jirtu waltajjii marii tokko
irratti furmaata argata jedhanii yaaduun baay'ee ulfaataa dha kanaraa
rakkoowwan keenya ija saayinsiitiin xiinxaluun, irratti mari’achuu fi walfalmuuf dursa kenninee tooftaa marii muuxannoodhaan deeggarame yoo
hordofne milkaa’uu ni dandenya.
Kana jechuun, rakkinoota jiran akka wal-fakkaatanitti adda qoqqooduun
furmaata waarawaa itti kennaa deemuun tooftaa marii waitti-fufinsa qabu
hordofuu jechuu dha. Kunis rakkoowwan irra kessa jiran furuun gaaffileen
osoo hundeerraa furmaata hina rgatiin deebisuu osoo hin taane, rakkinootaa
jiran gadi fageenyaan hubachuun hundeerraa furmaata itti gochuu jechuu
dha. Haala mijataa qo’annoo saayinsii fi tapha siyaasaatiif uumuudhaan
dhimmota jiran adda qoqqooduun maritti dhiyeessanii furmaata itti
barbaaduun milkaa’ina waarawaa fida. Kunis adeemsa marii keenyaa
keessatti wal-hubachuun akka uumamuu fi wal-diddaan hir’achaa akka
deemu waan taasisuuf waliigaltee biyyoolessaa fiduuf karaa bu’a-qabeessa
ta’e dha. Dabalataanis, addemsa waliigaltee biyyoolessaa fiduu kessaatti,
zeeroo irraa ka’uurra hojiiwwanii fi yaaliiwwan keenya duraanii keessaa