text stringlengths 0 196k |
|---|
wantoota gaggaarii fudhachuun hir’inoota jiran fooyyessuun adeemuun |
karaa fooya’aa dha. |
Dhalli namaa uumama jireenya isaanii keessatti gamtaa uumudhaan waldeeggaranii waliin jiraachuudhaan beekamu. Gamtoominni uumamus |
namoota muraasa firooma qaban yookiin namoota wal hin beekne hedduu |
gidduutti ta’uu mala. Dhaabbileen daran hariiroo umami akkasii jabeessanii |
utuban ni barbaachisu. Dhaabbileen kunniinis seerota waloo baafachuun |
fedhii dhuunfaa seera gamtichaa waliin hin adeemne ofirraa fageessu. |
Namoonni fedhii dhuunfaa isaanii babal'ifachuuf wayita yaadan |
namoota biro waliin hariiroo uummatu. Seerri ittiin bulmaataa isaaniis |
yaaduma kana keessaa madda. Muuxannoo isaanii dura darbe irraa |
ka'uun hariiroo fuul-dura jabeeffatu; seera ittiin bulmaataa isaaniis |
cimsachaa adeemu. Seerichis wayita waliin hojjatan rakkoowwan |
mudachuu danda'an haala ittiin dhabamsiisanii fi hojii bu'a-qabeessa |
hojjachuuf kan isaan gargaaru dha. Adeemsa kanaanis muuxannoo |
seera ittiin bulmaataa qopheessuu fi seera qopheessaniif bitamuu irratti |
dandeettii horachaa deemu. Seerri ittiin bulmaataa kun adeemsa keessa |
baramaa dhufuun boca dhaabbatichaa godhachaa, waan yeroo fi haalli |
bakkichaa barbaaduun akkaataa wal-simatuun fooyya'aa adeema. |
Adeemsa seena-qabeessa kanatu uumamuu fi guddachaa adeemuu |
dhaabbilee adda addaatiif ka'umsa kan ta'e. |
Ijaarsa dhaabbilee adda addaatiin wal-qabatee garaagarummaan |
biyyoota guddatanii fi guddachaa jiran gidduutti mul'atu adda |
dureedhaan dhimmoota cimina mootummaa biyyattiitiin, mirkanaa'uu |
olaantummaa seeraatiin; akkasumas, itti-gaafatamummaan jiraachuu |
isaatiin wal-qabata. Biyyoonni guddatan hanga tokko dhimmoota |
sadan irrattiyyuu dhaabbilee ga'umsa bulchiinsaa fi dandeettii |
raawwachiisummaa kan goonfatan yoo ta'u, biyyoonni guddachaa jiran |
garuu madaalliiwwan kanneeniin wayita madaalaman gama |
hedduudhaan duubatti hafan ii jiru. |
Biyyoonni tokko tokko mootummaa ammayyaawaa qabaatanis |
aangoon mootummichaa seera biyyittiitiin waan hin daangofneef |
aanga'oonni muraasni akka barbaadanitti kan falqanii jiraatanii fi sirna |
bulchiinsaa itti-gaafatamummaa hin qabnetu uumama. Biyyoonni tokko |
tokko immoo mootummaa jabaa fi ammayyaawaa osoo hin qabaatin |
sirna dimookiraasii ol-aantummaan seeraa itti mirkanaa'e ijaaruuf waan |
socho'aniif diddaan uummataa xiqquma wayita uumamu haaluma |
salphaatti diddiigamu. |
Biyyi keenya Itoophiyaan akkuma biyyoota fakkeenya qaroominaa |
taasifamanii ilaalaman kan akka biyyoota Awurooppaa fi Eeshiyaa |
adeemsa seenaa ijaarsa mootummaalee darbaa-dabarsaa dhufaa turanii |
keessatti mootummaa jiddu-galeessaa jabaa yoo hundeeffattellee sirna |
siyaasaa ol-aantummaa seeraa fi itti-gaafatamummaa guutuu qabu |
goonfachuu hin dandeenye. Sababii kanaanis tasgabbii siyaasa biyyattii |
itti-fufiinsaan eeggachuu dadhabuun seenaadhaan biyyoota gita ishee |
ta'an biraa duubatti hafuun hiyyummaa fi duubatti hafummaa keessatti |
kuftee turte. |
Addunyaa gubbaatti biyyoota barfatanii misooman keessaa tokko |
Jaappaan turte. Fakkeenya mootummaa misoomawaa guddina |
ariifachiisaa fide ta'uun kan maqaan ishee hoggayyuu ka'u biyyi |
Jaappaan, kufaatii hamaa yeroo waraana addunyaa lammaffaa ishee |
mudate keessaa dandamattee guddina siyaasaa fi diinagdee addunyaa |
ajaa'ibsiise galmeessisuu kan dandeesse dhaabbilee ciccimoo |
beekumsaa fi dandeettiidhaan ijaaraman uummachuu isheetini. Kunis |
Jaappaan muuxannoo biyyoota Lixa Awurooppaa irraa argattee fi haala |
qabatamaa keessaa isheetiin wal-simsiiftee ijaarsa dhaabbilee ciccimoo |
biyyoota baha fagoo Eeshiyaa hedduudhaaf fakkeenya ta'uun ta'eera. |
Yeroo gabaabaa keessatti 'guddina ajaa'ibaa' jedhamee addunyaa |
guutuu dinqisiise argamsiisuun biyyoonni beekaman: Siingaapoor, |
Taayiwaan, Kooriyaa Kibbaa, Maaleezhiyaa fi biyyoonni kibba-baha |
Eeshiyaa biroo muuxannoo Jaappaan irraa argatan irraa ka'uun |
dhaabbilee ciccimoo fi hojmaata sirna bulchiinsaa fooyya'aa |
ijaarrachuun misooma ariifachiisaa fiduu danda'aniiru. |
Karaa biraatiin biyya keenya keessatti waggoottan 27 darban |
muuxannoo biyyoota mootummaa misoomawaa fudhachuun faana |
isaanii hordofna jennus maddi ciminaa fi mallattoon addaa |
mootummaan misoomawaa ittiin beekamu ijaarsi dhaabbilee ga'umsaa |
fi dandeettii qaban irratti baay'ee laafina qabna. Dhaabbileen |
mootummaan of-harkaa qabu paartilee fi siyaasa bulchiinsaatiin wal |
makuun, mootummaan wayita jijjiiramu dhaabbilee kanneen diiganii |
ijaaruu fi jijjiirama hawaas-diinagdee waliin dhaabbileenis waan |
jijjiiramaniif, dhaabbileen biroo akka haaraatti mootummaa dadhabaa |
ofiinuu hin ijaaramneen, namoota ga'umsi ogummaa isaanii baay'ee |
gad-aanaa ta'een; akkasumas, dhaabbilee dhiibbaa fi harka |
mootummaa irraa walaba hin taanetu ijaarame. |
Kanaafuu, ijaarsi dhaabbilee walabaa karoora misoomaa fi dhimmoota |
ijaarsa sirna dimookiraasii keenyaa irraa osoo gargar hin ba'in hojiitti |
hiikamuu qaba. Wixinee yaadaa kana haala milkaa'ina olaanaa qabuun |
hojiitti hiikuu yoo dadhabne dhaabbilee dadhaboo horachuudhaan sirni |
bulchiinsa gaarii hin qabne tasgabbii malee jiraachuusaa itti fufa. |
Walumaa galatti, sirni bulchiinsa gaarii hin qabne akka uumamu kan |
godhu adda-dureedhaan yaad-rimee ijaarsa dhaabbilee walabaatiin |
wanti walitti fidu sababoota lamatu jira. Sababni jalqabaa caasaa |
firoominaa fi faayidaa dhuunfaa yoo ta'u, inni lammataa rincicummaa |
dhaabbileeti. |
Rakkoo Hidhata Firoominaa fi Faayidaa Dhuunfaan Dhufu |
Rakkoon dhaabbilee inni guddaan sababa tuuta ogeessota uummataaf |
tajaajila kennuuf fedhii hin qabne, ga'umsaa fi naamusa ogummaa kan |
hin qabne, firoomaa fi hiriyummaadhaan; akkasumas, faayidaa |
dhuunfaadhaan kan wal-funaanan, faayidaa uummataa caala faayidaa |
ofii isaaniitiif dursa kan kennaniitiin kan uumamu dha. |
Qoqqoodinsa hojii beekumsa irratti hundaa'e, adeemsa calallii humna |
namaas ta'ee adeemsa lammiilee irratti murtoo dabarsuu keessatti |
dhaabbilee fedhii dhuunfaa irraa bilisa ta'an hundeessuu fi kanneen |
hundaa'an cimanii akka fulla'an gochuuf hojii didhannaa guddaa |
barbaadu dha. Kana milkeessuun hanga hin danda'amnetti faallaa |
kanaatiin, dhaabbilee firoomaan guutamanii fi faayidaa dhuunfaadhaan |
wal-xaxantu uumama. Seeraa fi duudhaalee qajeelaan bakka hin jirretti |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.