text
stringlengths
0
196k
wantoota gaggaarii fudhachuun hir’inoota jiran fooyyessuun adeemuun
karaa fooya’aa dha.
Dhalli namaa uumama jireenya isaanii keessatti gamtaa uumudhaan waldeeggaranii waliin jiraachuudhaan beekamu. Gamtoominni uumamus
namoota muraasa firooma qaban yookiin namoota wal hin beekne hedduu
gidduutti ta’uu mala. Dhaabbileen daran hariiroo umami akkasii jabeessanii
utuban ni barbaachisu. Dhaabbileen kunniinis seerota waloo baafachuun
fedhii dhuunfaa seera gamtichaa waliin hin adeemne ofirraa fageessu.
Namoonni fedhii dhuunfaa isaanii babal'ifachuuf wayita yaadan
namoota biro waliin hariiroo uummatu. Seerri ittiin bulmaataa isaaniis
yaaduma kana keessaa madda. Muuxannoo isaanii dura darbe irraa
ka'uun hariiroo fuul-dura jabeeffatu; seera ittiin bulmaataa isaaniis
cimsachaa adeemu. Seerichis wayita waliin hojjatan rakkoowwan
mudachuu danda'an haala ittiin dhabamsiisanii fi hojii bu'a-qabeessa
hojjachuuf kan isaan gargaaru dha. Adeemsa kanaanis muuxannoo
seera ittiin bulmaataa qopheessuu fi seera qopheessaniif bitamuu irratti
dandeettii horachaa deemu. Seerri ittiin bulmaataa kun adeemsa keessa
baramaa dhufuun boca dhaabbatichaa godhachaa, waan yeroo fi haalli
bakkichaa barbaaduun akkaataa wal-simatuun fooyya'aa adeema.
Adeemsa seena-qabeessa kanatu uumamuu fi guddachaa adeemuu
dhaabbilee adda addaatiif ka'umsa kan ta'e.
Ijaarsa dhaabbilee adda addaatiin wal-qabatee garaagarummaan
biyyoota guddatanii fi guddachaa jiran gidduutti mul'atu adda
dureedhaan dhimmoota cimina mootummaa biyyattiitiin, mirkanaa'uu
olaantummaa seeraatiin; akkasumas, itti-gaafatamummaan jiraachuu
isaatiin wal-qabata. Biyyoonni guddatan hanga tokko dhimmoota
sadan irrattiyyuu dhaabbilee ga'umsa bulchiinsaa fi dandeettii
raawwachiisummaa kan goonfatan yoo ta'u, biyyoonni guddachaa jiran
garuu madaalliiwwan kanneeniin wayita madaalaman gama
hedduudhaan duubatti hafan ii jiru.
Biyyoonni tokko tokko mootummaa ammayyaawaa qabaatanis
aangoon mootummichaa seera biyyittiitiin waan hin daangofneef
aanga'oonni muraasni akka barbaadanitti kan falqanii jiraatanii fi sirna
bulchiinsaa itti-gaafatamummaa hin qabnetu uumama. Biyyoonni tokko
tokko immoo mootummaa jabaa fi ammayyaawaa osoo hin qabaatin
sirna dimookiraasii ol-aantummaan seeraa itti mirkanaa'e ijaaruuf waan
socho'aniif diddaan uummataa xiqquma wayita uumamu haaluma
salphaatti diddiigamu.
Biyyi keenya Itoophiyaan akkuma biyyoota fakkeenya qaroominaa
taasifamanii ilaalaman kan akka biyyoota Awurooppaa fi Eeshiyaa
adeemsa seenaa ijaarsa mootummaalee darbaa-dabarsaa dhufaa turanii
keessatti mootummaa jiddu-galeessaa jabaa yoo hundeeffattellee sirna
siyaasaa ol-aantummaa seeraa fi itti-gaafatamummaa guutuu qabu
goonfachuu hin dandeenye. Sababii kanaanis tasgabbii siyaasa biyyattii
itti-fufiinsaan eeggachuu dadhabuun seenaadhaan biyyoota gita ishee
ta'an biraa duubatti hafuun hiyyummaa fi duubatti hafummaa keessatti
kuftee turte.
Addunyaa gubbaatti biyyoota barfatanii misooman keessaa tokko
Jaappaan turte. Fakkeenya mootummaa misoomawaa guddina
ariifachiisaa fide ta'uun kan maqaan ishee hoggayyuu ka'u biyyi
Jaappaan, kufaatii hamaa yeroo waraana addunyaa lammaffaa ishee
mudate keessaa dandamattee guddina siyaasaa fi diinagdee addunyaa
ajaa'ibsiise galmeessisuu kan dandeesse dhaabbilee ciccimoo
beekumsaa fi dandeettiidhaan ijaaraman uummachuu isheetini. Kunis
Jaappaan muuxannoo biyyoota Lixa Awurooppaa irraa argattee fi haala
qabatamaa keessaa isheetiin wal-simsiiftee ijaarsa dhaabbilee ciccimoo
biyyoota baha fagoo Eeshiyaa hedduudhaaf fakkeenya ta'uun ta'eera.
Yeroo gabaabaa keessatti 'guddina ajaa'ibaa' jedhamee addunyaa
guutuu dinqisiise argamsiisuun biyyoonni beekaman: Siingaapoor,
Taayiwaan, Kooriyaa Kibbaa, Maaleezhiyaa fi biyyoonni kibba-baha
Eeshiyaa biroo muuxannoo Jaappaan irraa argatan irraa ka'uun
dhaabbilee ciccimoo fi hojmaata sirna bulchiinsaa fooyya'aa
ijaarrachuun misooma ariifachiisaa fiduu danda'aniiru.
Karaa biraatiin biyya keenya keessatti waggoottan 27 darban
muuxannoo biyyoota mootummaa misoomawaa fudhachuun faana
isaanii hordofna jennus maddi ciminaa fi mallattoon addaa
mootummaan misoomawaa ittiin beekamu ijaarsi dhaabbilee ga'umsaa
fi dandeettii qaban irratti baay'ee laafina qabna. Dhaabbileen
mootummaan of-harkaa qabu paartilee fi siyaasa bulchiinsaatiin wal
makuun, mootummaan wayita jijjiiramu dhaabbilee kanneen diiganii
ijaaruu fi jijjiirama hawaas-diinagdee waliin dhaabbileenis waan
jijjiiramaniif, dhaabbileen biroo akka haaraatti mootummaa dadhabaa
ofiinuu hin ijaaramneen, namoota ga'umsi ogummaa isaanii baay'ee
gad-aanaa ta'een; akkasumas, dhaabbilee dhiibbaa fi harka
mootummaa irraa walaba hin taanetu ijaarame.
Kanaafuu, ijaarsi dhaabbilee walabaa karoora misoomaa fi dhimmoota
ijaarsa sirna dimookiraasii keenyaa irraa osoo gargar hin ba'in hojiitti
hiikamuu qaba. Wixinee yaadaa kana haala milkaa'ina olaanaa qabuun
hojiitti hiikuu yoo dadhabne dhaabbilee dadhaboo horachuudhaan sirni
bulchiinsa gaarii hin qabne tasgabbii malee jiraachuusaa itti fufa.
Walumaa galatti, sirni bulchiinsa gaarii hin qabne akka uumamu kan
godhu adda-dureedhaan yaad-rimee ijaarsa dhaabbilee walabaatiin
wanti walitti fidu sababoota lamatu jira. Sababni jalqabaa caasaa
firoominaa fi faayidaa dhuunfaa yoo ta'u, inni lammataa rincicummaa
dhaabbileeti.
Rakkoo Hidhata Firoominaa fi Faayidaa Dhuunfaan Dhufu
Rakkoon dhaabbilee inni guddaan sababa tuuta ogeessota uummataaf
tajaajila kennuuf fedhii hin qabne, ga'umsaa fi naamusa ogummaa kan
hin qabne, firoomaa fi hiriyummaadhaan; akkasumas, faayidaa
dhuunfaadhaan kan wal-funaanan, faayidaa uummataa caala faayidaa
ofii isaaniitiif dursa kan kennaniitiin kan uumamu dha.
Qoqqoodinsa hojii beekumsa irratti hundaa'e, adeemsa calallii humna
namaas ta'ee adeemsa lammiilee irratti murtoo dabarsuu keessatti
dhaabbilee fedhii dhuunfaa irraa bilisa ta'an hundeessuu fi kanneen
hundaa'an cimanii akka fulla'an gochuuf hojii didhannaa guddaa
barbaadu dha. Kana milkeessuun hanga hin danda'amnetti faallaa
kanaatiin, dhaabbilee firoomaan guutamanii fi faayidaa dhuunfaadhaan
wal-xaxantu uumama. Seeraa fi duudhaalee qajeelaan bakka hin jirretti