text
stringlengths
0
196k
adeemsa hojmaata akkanaa irraa wanti eegamu qaamoleen hawaasaa
kamiyyuu rakkoowwan eeraman keessatti kufuun waan hin oolle dha.
Itti-dhiyeenyaan, hordoffii cimaa taasisuudhaan, iftoominaa fi itti
gaafatamummaa qabaachudhaan sirna hojmaata gaarii qabxiilee
eeraman kanneen bu'uureffate diriirsuun rakkoowwan kanneen ittisuun
ni danda'ama. Ardiin Afrikaa sirna bulchiinsaa fi dhaabbilee jiran
keessatti rakkoo firoominaa fi faayidaan wal-xaxe keessatti kuftee jirtu
dha. Ammaan dura biyya keenyas dabalatee biyyoota Afrikaa biroo
hojmaata aadaa firoominaan hojjachuu waan dhiisan fakkaatanis bifa
jijjiirrachuun danqaa hojmaata ammayyaa waliin wal-simsiifamee waan
dhufeef hidhata faayidaa fi firoominaa ammayyaawaan akka uumamu
carraa banee jira.
Sirna faayidaa fi firoominaa ammayyaawaan hojjatu keessatti firoonni
yookiin gosoonni aanga'ootaa caasaalee hojmaata mootummaa adda
addaa keessatti aangoo dabalataa yookiin aangoo iftoomina hin
qabnetu kennamaafii ture. Yookin immoo namoota tokko tokkoof
caasaa bulchiinsaa aangoo addaa kennutu uumamaafii ture. Adeemsa
kana fakkaatuun bulchiinsa uummataa keessatti ga'umsa caalaa
amanamummaatu hir'ata. Safartuu ijoon dhaabbilee kanneenii: bu'a
qabeessummaa fi itti-fufiinsa qabaachuu, dhaabbileen kunniin jireenya
namoota tibba wayii geggeessaa turan bira darbee fulla'uudhaan
geggeeffamaa jiraachuu; akkasumas, guddachaa jiraachuu fi jiraachuu
dhabuu isaaniiti. Namoonni dhaabbilee bocuu keessatti gahee ol-aanaa
kan qaban ta'us, dhaabbileen haalaan guddatan jiraachuu namoota
dhaabbaticha hoggananii bira darbee caasaa fi sirna fulla'aa qabaachuu
qaba. Kana malees, sirna hojmaata namoota haaraa ga'umsa ogummaa
fi dandeettii ol-aanaa qaban calalachuun fiduu fi yeroo yerootti leenjii
kennnuu dandeessisu qabaachuu qaba.
8.2. Rakkoo Rincicummaa Dhaabbileetiin Dhufu
Rakkoowwan ijaarsa dhaabbilee inni biroo rincicummaa dhaabbileeti.
Gama diinagdee fi sekteroota biyyattii birootiin saffisni biyyittiin ittiin
guddachaa jirtuu fi dhiyeessiin tajaajila hawaasummaa isheerraa
eegamu wal hin simu. Hojmaata jijjiirama waliin hin adeemne hojmaata
bulchiinsa mootummaa burjaaja'aa fi qaawwa bal'aa qabutu uumama.
Rincicummaa dhaabbilee jechuun kana dha. Rincicummaan dhaabbilee
guddina ijaarsa dhaabbilee dammaqina uummataa waliin wal-bira
qabnee yoo ilaallu, yeroo baay'ee rakkoo hawaasa boodatti-hafaa
keessatti uumamu dha.
Magaalaawwan saffisaan guddachuun, barnoonni babal'achuun,
misoomni industirii fi dhaabbileen miidiyaa babal'achuunii fi jijjiiramni
hawaasummaa adda addaa saffisaan yeroo uumaman, dammaqina
siyaasaa fi baay'achuu gaaffilee siyaasaa fi diinagdeetiif sababoota
jajjaboo dha. Haalli kun wayita uumamu, dhaabbileen siyaasaa ammaan
dura fudhatamaa fi dandeettii qaban dadhabaati adeemu. Akkasumas,
dandeettiin gaaffilee haaraa keessummeessuu isaanii laafaa adeemuun
jeequmsa siyaasaa haaraatiif haala mijataa uumaa deema.
Gabaabumatti, diinagdeen biyyoonni qabanii fi tajaajilli hawaasni isaan
irraa eegu siyaasaa fi dhaabbilee jiran waliin wal-simatee haala wal
madaaluun guddachuu yoo baate bu'aan isaa mootummaa dadhabaa
uumuu ta'a.
Sababiin dhaabbileen hundeeffamaniif rakkinoota uumamaa yookiin
hawaasummaa yeroo wayii bakka wayiitti mudatan irraa ittiin
baraaramuufi dha. Dhaabbileen tokkicha erga uumamanii booda carraa
jabaatanii turuu ni qabu. Haata'u malee, dhaabbileen dambiiwwan
jaboo fi murtoowwan hawaasummaa, hojmaata baramaa fi deeggarsa
qabiyyeewwan qor-qalbii birootiin akka of-danda'anii dhaabatan waan
ta'aniif salphaadhumatti jijjiiramuu hin danda'an. Fedhiin dhaabbilee
tiksanii tursiisuu jiraachuu dhaabbatichaa tiksanii tursiisuu waliin wal
qabata. Kanaafuu, taateewwan haaraa waliin wal-simatee akka fulla'u
seerota dhaabbatichaa duraan turanii fi dambiiwwan hojmaataa jiran
jijjiiruuf wantoonni dirqisiisan haalonni haaraan yoo uumaman irra
deebidhaan sakatta'amee waliigalteedhaan irratti mari'atamee
jijjiiramuu qaba.
Yeroo tokko tokko waa jijjiiruuf yaaluun tasgabbii hawaasaa irratti
sadarkaa balaa fidurra ga'uu danda'a. Haalli dhaabbilee uumuu yookiin
bakka biroo irraa ergifachuuf nu dirqisiisan dhabamanii haalonni
haarawaan yeroon itti uumaman ni jiru. Yeroo kana dhaabbilee dura
turan rincicummaadhaan qabatee itti fufuuf yaaliin wayita godhamu
dhaabbilee haarawaa dhufan wajjin saffisaan wal-simachuun rakkisaa
ta'a. Hawaasichi, haalli dura ture yeroojijjiiramu haalli dhaabbileejiraniis
of-jijjiiree waan yeroon barbaadduun wal-simatee fi wal-unatee, walitti
firoomee akka jijjiiramu gochuu yoo dadhabe mootummaa dadhabaatu
biyyattiif uumama. Amalli rincicummaa dhaabbilee dura turan tiksanii
tursiisuu dhaabbilee moofaa yeroo faana hin deemne baannee akka
gatantarru gochuu caalayyuu kufaatii itti deemnu akka hin argine ija nu
qabee hallayyaa nugata.
Rakkoo rincicummaa dhaabbilee hambisuuf hogganaa dursee
dammaqee rakkoowwan kanneen fagootti arguu danda'u, kan jijjiirama
hawaas-diinagdee diddiriirsee raaguudhaan hojjachuu danda'u,
ogeessota ga'uumsa qabanii fi hojmaata hammayyaawaa uumuu nu
barbaachisa.
Laaffina fi Nuffii Haaromsa Biyyaa Keessaa Bahuu
Mootummaa cimaa fi bulchiinsa gaarii uumuudhaaf hojiiwwan haaromsi
ijaarsa dhaabbilee baay'ee barbaachisu. Haaromsichis bu'aawwan gaarii
ammaan dura caasaawwan mootummaa keessa hin turre argachuu,
iddoowwan hojiiwwan mootummaa itti hojjataman keessatti
ilaalchawwan, hojmaatawwan, ijaarsawwanii fi adeemsawwan ammaan
dura turan haala karoorfamee fi qindoomina qabuun waan haaradhaan
bakka buusuuf meeshaa qabsoo fi warraaqsa jijjiiramaati.
Mootummaanii fi dhaabbileen humna raawwachiisummaa cimaa qaban
yeroo uumaman, ogeessa ga'umaa fi naamusa gaarii; akkasumas,
tarkaanfiiwwan fudhatuuf miira itti-gaafatamummaa qabutu uumama.
Kana malees, hawaasa dhimma mootummaa irratti dammaqinaan
hirmaatutu uumama. Qaamoleen hundinuu ol-aantummaa seeratti
amananii kan socho'anii fi bulchiinsi gaariin kan itti mirkanaa'e sirna
siyaasaa fi diinagdeetu ijaarama.