text
stringlengths
0
196k
Dhimmi bira darbamuu hin qabne kan biroo, fooyya'iinsa siiviil sarvisii
gochuun rakkoowwan gamanaan jiran hambisuu dha. Biyya keenya
keessatti waggoota kuma lamaa oli haaromsi siiviil sarvrsu
adeemsifamaa turani, hunda ta'uu baatanis, jijjiirama bu'uuraa kan hin
fidnee fi kan maseenani jechuu ni dandeenya. Inumaayyuu, baay'ina
haaromsaa, walitti-fufiinsaa fi tokko gatanii isa biraa kaasuudhaan
rakkoowwan wal-qabatan irraa kan ka'e siiviil sarvisii ta'ee uummanni
biyya keenyaa hundi balaa rakkoowwan haaromsi baatee deemuuf
saaxilamuu danda'eera. Waa'ee sagantaa fi meeshaa haaromsa haaraa
dhaabbilee uummanni dhaga'uufis ta'ee fudhachuuf haalli itti surur
jedhee jibbe uumameera. Haaromsa ijaarsa dhaabbilee milkeessuuf
sadarkaa biyyoolessaatti warraaqsa haaromsaa biroo uumuun matuma
isaatiin rakkisaa fi bu'aan isaas shakkisiisaa dha.
Biyyoota tokko tokko keessatti haalli kun kan hojjate ta'ullee, tokko isa
biraa hordofee dhufuudhaan paakeejiin haaromsaa hojiitti hiikamuuf
yaalamanii fi garuu bu'a-dhabeessa ta'an, kanneen akka jijjiirama
bu'uura hojmaataa, madaallii bu'aa hojii irratti xiyyeeffate, bu'uura
ijaarsa jijjiiramaa, kaayizanii, deliverology, fi kkf ammaan dura yaalamanii
waan kufaniif, fedhiiwwan siiviil sarvisiin sagantaa jijjiirama biyyaatiif
qabatee deemu adoocheera. Qorichi osoo jijjiirama hin fidin irra
deddeebiin fudhatame dhibee sanaan akkuma walitti madaqu sana,
siiviil sarvisiinis akkasuma ta'eera. Haaromsi siiviil sarvisii dhufan hundi
baanerii, tiishaartii, qoobii, durdoo, wal-ga'ii fi dhaadannoo yookiin ibsa
ejjannoo bira darbee hojiin hojjatama jedhee namni yaadu hin jiru.
Fiigichi taasifamus jijjiiramuuf osoo hin taane waan gumaachan irraa
waa butachuufi dha. Kanaafuu, paakeejii haaromsaa haarawaa boca
biyyoolessaa horate caalatti haala faffaca'aa ta'een haaromsa sekteraaf
xiyyeeffannoo addaa kennu, beekumsaan geggeeffamuu fi fedhii
sekterichaa bu'uureffatetu bu'a-qabeessa ta'a. Tooftaa fi tarsiimoo
milkaa'ina haaromsa ergamaa fi sektera ijaarsa dhaabbilee irratti
xiyyeeffate akkanaa kun adda-dureedhaan kan murtaa'u yoo dhaabbilee
kanneen keessa humni jijjiiramaa ga'umsa olaanaa horatanjiraatani dha.
Gaaffiin hoggansaa hariiroo hawaasummaa, dhaabbilee
fi siyaasa biyyoolessaa namoota dhuunfaa fi sirna gidduutti
argamu dha. Gama tokkoon falmii dhalli namaa bakka-bu'aa
jijjiiramaa ta'uun sirna jijjiiruu danda'u waliin kan deemu yoo ta'u, gama
biraatiin immoo yaada falmii namoonni waan fedhaniif qofa sirna kan
jijjiiran miti jedhu fudhachuuf yaada falmii gam-lamaa keessa darbu dha.
Waanuma fedhellee ta'u, sirna namoonni waan fedhaniifjijjiiruu akka hin
dandeenyee fi namootuma dhuunfaayyuu dabalatee sirna kan jijjiiru
adeemsa ta'uusaa fudhachuun barbaachisaa ta'us karaa biraatiin garuu
namoonni dhiibbaa sirnaa fi qaama sirnaa ta'uurraa damdamatanii
jijjiirama haaraa agarsiisuu akka danda'an hubachuun barbaachisaa dha.
Wal-faalleessuu namoota dhuunfaa fi sirnaa kana araarsuuf yaaliin
taasifame hundi milkaa'eera jechuun yoo hin danda'amnellee seenaa fi
haala qabatamaa jiruu fi jireenya keenyarraa akka hubannutti garuu
namoonni dhuunfaa ofuma isaaniitiifuu bu'aa sirnaa ta'anis dandeettii
sirna sirreessuu fi jijjiirama fiduu ni qabu.
Hoggansi qabeenya uumamaas ta'ee nam-tolchee qindeessee, mul'ata
ifaa fi yeroo dheeraa qabatee, al-tokko tokkos gochaa ce'uumsa
dhalootaa keessatti raawwatu dha. Hoggansi kaayyoo hawaasa jijjiiruu
qabatee, mul'ataaf bitamuudhaan, qindeessee fi amansiisee
hojjachiisuudhaan, faayidaa fi fedhii waloo guutuudhaaf, hordoftoota
ofii dhimmicha irratti ga'uumsudhaan, sochii jijjiiramaa hawaasni yeroo
dheeraaf taasise keessatti shoorasaa kan taphatu dha. Adeemsi jijjiirama
dimookiraasii itti deemaa jiru akka milkaa'uuf adeemsa siyaasa
biyyoolessaa ijaa fi gurra hin qabnee fi rakkisaa ta'e keessa darbuun akka
barbaachisu beekamaa dha. Haala siyaasaa ijaa fi gurra hin qabne
injifannoo guddaadhaan keessa darbuun jalqabbii ijaarsa sirna
dimookiraasii keenyaa galmaan ga'uuf shoorri hoggansi siyaasaa
taphatu salphaa miti.
Kanaafuu, boqonnaa kana keessatti biyya keenya keessatti
hogganummaarraa giti-bittummaa akkamitti xooxa'ee akka ol-ka'ee fi
sababii gita-bittummaatiin kuufama hojii gangalachaa dhufan
qulqulleessuuf hoggansa qajeelloo akkamitti fiduun akka danda'amu
sakatta'uun yaalameera. Qabeenya qabatamaa fi arga-yaadaa biyya
tokkoo humnaa fi anniisaa qabatamaa biyyoolessaatti jijjiiruun
misoomaa fi jiraachuu biyyattii mirkaneessuuf hoggantoonni gahee
guddaa qabu. Kufaatii fi milkaa'inni maatii, dhaabbilee fi biyyaa
falaasama dhaabbilee fi ga'umsa hoggantootaa waliin hidhata cimaa
qaba. Biyyoonni guddatan gama sekteroota hawaasummaa, siyaasaa fi
diinagdeetiin rakkinoota bu'uuraa jiran adda baasuun furmaata
waarawaa fiduuf kan dandeessisu, biyyoota guddatanii olitti hoggansa
ga'umsa qabu isaan barbaachisa. Sababiin isaas, hawaasa biyyoota
guddatanii keessa kuufama beekumsaa fi muuxannoo kuufamaan
jiraachuun alatti, sirna dimookiraasii namoota ga'umsa hoggansaa
olaanaa hin qabne salphumatti dhabamsiisuuf dandeessisutu jira.
Biyyoonni Afrikaa, kan akka Itoophiyaa, hiree kana hin qabne sirni
siyaasaa isaanii kan tortore, hoggantoonni isaaniis kiyyoo aangoo
siyaasaa keessatti kan kufan waan ta'aniif rakkinoota hoggansaa
sirreessuun yaa hafuutii rakkinichi jiraachuu isaatuu beekuuf carraa hin
qaban.
Hojii hoggansaa amaluma isaatiin wal-xaxaa fi rakkisaa kan taasisu
dhimmoota faallaa hojii hoggansaa ta'anidha. Biyyoonni akka
Itoophiyaa rakkinoonni siyaasa isaanii heddummaate immoo
dhimmoota faallaa hojii hoggansaa ta'an furuu dhabuun isaanii gatii
guddaa isaan kaffalchiisa. Biyyi keenya leecalloowwanii fi kennaa
guddaa qabdutti fayyadamtee saffisaan hiyyummaa keessaa ba'uu
sababiin dadhabdeef inni guddaan kufaatii hoggansaatiin hidhata cimaa
qaba. Rakkoolee wal-xaxaa amma keessajirrus ta'ee hawaasa qaroomaa
dimookiraatawaa fuul-duraaf qabaachuu feenu uumuuf yeroo kam
iyyuu caala humna hoggansaa bal'aa ga'umsa qabu barbaada.
Hawaasni haalaa fi yeroo kamiyyuu fedhii fi dandeettii kuufamaa
jijjiiramuu fi guddachuu olaanaa qaba. Hoggansi dandeettii kuufamaa
kana gara qabeenya qabatamaatti jijjiiruun, fedhii jijjiiramaa hawaasichi
qabu milkeessuu danda'uu qaba. Hoggansi kun hoggansa dogoggore
yoo ta'ellee kuufama dandeettii hawaasichaa badii addaan hin cinneef
haalli ittiin oolchu ni uumama. Kanaafidha sochii hawaasummaa tokko