text stringlengths 0 196k |
|---|
garaagarummaa sodaachisaan daldala galiifi baasii gidduu jiru baay'ee |
ol-aanaa dha. Kanumaan wal-qabatee hir'inni sharafa alaa nu mudate |
madaala kaffaltii iddoorraa warraaqsuu caalayyuu rakkinoota bulchiinsa |
imaammata maallaqaatiin wal-qabatan kanneen biroo hammeessuun |
isaas waan hin hafne. |
Jabana galiin daldala baasii shaqaxoota keenyarraa argannu raawwii ol |
aanaa galmeessise galiin argame doolaara biliyoona sadi hin caalle. |
Galiin daldala baasii keenyaa gaheen diinagdee waliigalaa irraa qabu |
waggoottan torban darban walumatti aansuun gadi-bu'aa dhufeera. |
Baasii daldala galii faayinaansiin deeggaruu fi guddina diinagdee itti |
fufsiisuuf wayita kana yoo xiqqaate hanga amma qabnu dacha ja'a nu |
barbaachisa. Daldala baasii shaqaxootaarraa galiin argannu ida'amee |
galii boba'aa waggaa tokkoo ammaan kana biyya alaarraa argannu |
baasii isaa illee nuuf hin aguugu. |
Haala kana keessatti misooma itti-fufiinsa qabu fiduun qormaata |
ulfaataa ta'a. Karaa biraatiin, oomishaalee baroota walitti aanan |
hedduudhaaf alaa galchaa turre keessaa hedduu isaanii biyya keessatti |
hogganuu hin dandeenye. Keessattuu oomishaalee qonnaa fi kanneen |
industirii sasalphaadhaan oomishaman biyya keessatti hogganuu osoo |
qabnuu alaa galchuu itti fufnee jirra. Biyya qamadii oomishu taanee |
osoo jirruu waggaa waggaadhaan qamadii gara toonii miliyoona tokkoo |
sharafa alaa kaffaluun alaa galchuun miidhaa ol-aanaa qaba. Garbuu |
biiraa biyya keessatti oomishnee waarshaaleef dhiyeessuu osoo qabnuu |
biqila garbuu biiraa hagana hin jedhamne alaa galchuun keenya |
doolaarii kaffallee uummata biiraa obaasuudhaan tokko. |
Waggaa waggaadhaan maallaqa doolaara miliyoona 400-500 |
baasuudhaan zayita nyaataa biyya alaatii galchina. Midhaan zayitii adda |
addaa oomisha zayita nyaataatiif galtee ta'an (atara zayitaa, suufii, |
nuugii, talbaa, kkf) oomishuuf haala biyyoolessaa m_ijataa ta'e osoo |
qabnuu, kallattii kanaan of-danda'uuf xiyyeeffannoo itti kenninee |
hojjachaa hin jirru. Dabalataanis, karoorri akaakuu daldala alaa |
baay'isuuf qabames bu'aa barbaadame hin argamsiifne. Jijjiiramni |
imaammataa yeroo yerootti taasifamanis (gatii qarshii hir'isuu, oomisha |
alatti erguuf deeggarsa kennuu, kkf) bu'aa barbaadame argamsiisuu hin |
dandeenye. |
Oomisha shaqaxoota alatti ergamanii biyyoota diinagdee wal-gitaa |
biyya keenyaa qaban waliin yoo wal-dorgomsiifnu illee baay'ee gadi |
bu'aa dha. Karaa qabanneen yoo itti fufne sadarkaa oomishtummaa |
biyyoota olla (fkn Keeniyaa) birallee ga'uuf waggoota hedduu nutti |
fudhata. Oomishtummaan yoo hin guddannee fi akaakuun oomisha |
biyya alaatti ergamanii baay'inni isaanii yoo heddummachuu baate |
tarkaanfiiwwan onnachiiftuu adda addaa qofa fudhachuun dhamaatii |
gatii hin qabne dha. Akkanumas, daldala alaatti danqaa kan ta'an haalli |
gumuruuk, loojistiksii fi haala birokiraasiiwwan wal-qabatan |
fooyyessuun barbaachisaa dha. |
Qormaata Qulqullina Guddina Diinagdee |
Guddinni qulqullina qabu tasgabbaa'aa fi itti-fufiinsa kan qabu, |
oomishtummaa kan guddisu, carraa hojii amansiisaa kan uumu, |
hiyyummaa kan dhabamsiisuu fi haala jiruuf jireenyaa fooyya'aa kan |
fidudha. Guddina diinagdee galmeessisuun dhabuurra fooyya'aa ta'us, guddina diinagdee |
jiru. Guddinni tokko tokko qabeenya fayyadamuudhaan ykn dhaloota dhufu irratti |
tuuluudhaan argamuu danda'a. |
Guddinni tokko tokko immoo sadarkaa fi yeroo barbaadametti |
hiyyummaa kan hin balleessineefi gama hedduudhaan carraa hojii kan |
hin uumne ta'uu danda'a. Akaakuuwwan guddinaa kallattii sirrii kaa'ame |
keessatti hin raawwatamne itti--fufiinsa kan hin qabne, mul'atanii kan |
badaniifi dheebuu misoomaa uummanni isaanii qabu kan hin baafne |
dha. Guddinni biyyoota murtaa'anii addunyaa kanarratti arginuu |
immoo itti-fufiinsa kan qabanii fi uummata isaanii rakkoo keessaa kan |
baase dha. |
Fakkeenyaaf, haala diinagdee tibba waraana biyya Iraaq ilaaluun hiikaa |
misoomaa sirreessuun baay'ee murteessaa ta'uusaa nu agarsiisa. |
Akkuma beekamu, biyyi Iraaq A.L.A. bara 2003 weerara Ameerikaa jala |
turte. Tibba waraanaa kana biyya isaanitti lubbuuwwan hedduun |
darbeera; godaansi hedduun raawwateera; manca'iinsi qabeenyaa fi |
misooma bu'uuraa, akkasumas, bittinnaa'uun sirna jireenya |
hawaasummaa dhaqqabeera. Haata'u malee, safartuuwwan guddina |
diinagdee baramaniin diinagdeen biyya isaanii yoo safaramu, |
waggoottan hedduu tibba sana duraa-duubaan jiran keessatti oomishni |
waliigalaa biyya keessaa guddina waggaatti dhibbantaa 54 ta'u qabu. |
Kunis kan nutti agarsiisu, guddina qofa safaruun kaayyoo misoomaa isa |
jalqabaa godhatanii ka'uun; fedhii jiruu fi jireenya lammiilee fooyyessuu |
fi badhaadhinaa olitti tarreeffaman akka dagannu nu taasisa. |
Guddinni diinagdee biyya keenyatti walitti-fufiinsaan galmaa'e ulaagaa |
safartuu guddinaatiin madaalamuu qaba. Kana gochuun mallattoowwan |
dhukkuba diinagdee armaan olitti eeraman cuunfuudhaan ka'umsaa fi |
maalummaa isaanii hubachuuf nu gargaara. |
Diinagdeen biyya keenyaa dijiitii lamaan guddachaa ture liqii |
mootummaa biyya alaa fi liqii biyya keessaa ol-aanaa ta'e irratti kan |
hundaa'e dha. Burqaa guddinichaa isa jalqabaa kan ta'e baasiin |
mootummaa liqii ol-aanaa fi gargaarsaan kan aguugamedha. Kanaa |
olittiyyuu, dhiibbaan idaa biyya keenyaa sadarkaa ol-aanaa irra ga'eera. |
Guddinni diinagdee adda-dureedhaan fedhii waliigalaa irraa kan madde |
waan ta'eef fedhiin soorachuu qooddattoota diinagdee biyya keenyaa |
akka qaala'u godheera. |
Karaa biraatiin, dhiyeessiin diinagdee gama qonnaa fi |
oomishtummaatiin sababa hir'ina oomishaa qabuuf dadhabaa dha. |
Kunis dadhabuu daldala oomishaalee alatti erguu fi qaala'uu fedhii |
oomisha galiitiin jeeqamuu sharafa alaa uumeera. Hir'inni sharafa alaa |
humna idaa biyya alaa ofirraa kaffaluu keenya dadhabsiiseera. Guddinni |
galmeeffame misooma bu'uuraa hawaas-diinagdee kan bu'uureffate |
waan ta'eef, gama tokkoon humni oomishaa barate hedduun uumamus |
guddinicha keessatti carraawwan hojii uumaman amala yeroo qofa |
qabu. Kanaafuu, guddinichi carraa hojii itti-fufiinsa qabuu ta'e hanga |
barbaadame dhaabbataadhaan hin uumne. |
Walumaagalatti, fedhii sooratummaa sababa baasii mootummaatiin |
taasifamee fi oomishtummaan dhaabbilee dhuunfaa dagaaguu |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.