text stringlengths 0 196k |
|---|
dhabuun wal-simannaa dhabuu dhiyeessii uumameen guddinni |
diinagdee waggoota hedduudhaaf ol-ka'iinsa gatii uumeera. |
Ol-ka'iinsi gatii walitti-fufiinsaan uumamu uummata hiyyeessa galii |
dhaabbataa qabu irratti qaala'ina jireenyaa baay'ee ol-aanaa ta'e |
uumeera. Mallattoowwan cabiinsa diinagdee kunniin kan wal-keessa |
jiranii fi hidhata cimaa qabanidha. Kanaafuu, furmaata furtuu cabiinsaa |
ta'e adda baasanii baruun furmaata itti kenuun barbaachisaa ta'a. |
Haaluma kanaan, madda guddina diinagdee biyya keenyaa yoo ilaalle |
diinagdee biyya keenyaa walitti aanudhaan guddachaa ture liqiifi |
gargaarsa mootummaa biyya keessaa fi biyya alaa baay'ee ol- ta'e irratti |
kan hundaa'e dha. |
Guddinni kun fedhii waliigalaa keessaa adda-dureedhaan baasii |
mootummaa gahee guddaasaa qabateen kan hogganame dha. |
Guddinni akkanaa sadarkaa wixinee yaadatti diinagdee keessatti fedhii |
bal'aa fi taatota dhaabbilee dhuunfaatiif carraa gabaa uumuudhaan |
dhiyeessii akka babal'isutu irraa eegama. Haata'u malee, haala |
qabatamaa biyya keenyaatiin ce'umsi kuni harkifataa ta'uu danda'eera. |
Guddina bu'uuraa fi hundee jabaa qabu fiduuf diinagdeen dhiyeessii |
waliigalaan kan geggeeffamu ta'uunsaa filatamaa dha. |
Mootummaadhaan alattis gabaa oomishtootaa tajaajilaafi shaqaxaa |
uumuun bal'inaan oomishtummaatti seenuu isaaniitiif guddinni isaan |
fidan filatamaa dha. |
Haata'u malee, haala qabatamaa waggoottan guddinaa gara jalqabaa |
keessatti dhaabbileen dhuunfaa cimoo ta'an hin ijaaramne. |
Hoggantummaa isaa mootummaan fudhatee kallattii guddinaa fedhii |
irratti hundaa'e hordofuun isaa dhimma filannoo miti. Hir'inni kan |
uumameef mootummaan raawwii ga'umsa qabu kan idaa keessaa |
saffisaan ba'uu dandeessisu hojjachuu dhabuu isaa fi guddina itti |
fufiinsa qabuf filatamaa kan ta'e guddinni dhiyeessii bu'uureffate osoo |
lafa hin qabatin fashalaa'uu isaati. Kana waan ta'eef, gama tokkoon |
oomishaan biyya keessaa fedhii biyya keessaa guddatee jiru guutu |
uumamuu dhabuu isaatiin; gama biraatiin immoo, mootummaan baasii |
haamaadhaaf waan saaxilameef sharafa alaa baay'ee daanga'aa ta'e |
kanaan argamu oomisha galii waan ittiin bituu fi liqii kaffaluu irra |
oolchuuf dirqameera. |
Kanaafuu, guddinichi milkaa'ina duraan qabu eeggatee fuul-duratti |
deemuuf karaa faayinaansii misoomaa biroo filannoof ta'u cirachuun |
barbaachisaa dha. Gahee mootummaan misooma irratti qabu naamusa |
akka qabaatu ta'uu qaba. Guddinichi oomishtummaa itti-fufiinsaan |
guddisuu kan giddu-galeeffate yoo ta'e, jeeqamuun hawaas-diinagdee |
uumamu hammaataa ta'uun isaa waan hin oolledha. |
Dimshaashumatti, mata-duree darbe keessatti murtaa'aa ta'uu |
diinagdee biyya keenyaa furuuf hidhata gabaa biyya keessaa fi biyya |
alaa ifaa fi dorgomsiisaa ta'e ijaaruutu nurraa eegama. Kanaaf, |
boqonnaa itti aanu keessatti dhimmoota shoorri dhaabbilee diinagdee |
biyya keessaa fi qajeelfamoota isaanii sakatta'uu dandeessisan bal'inaan |
irratti dhiyaataniiru. |
Diinagdeen biyya keenyaa haala qabatamaa guddina biyya keenyaatiin |
wal-qabatee dhufanii fuul-durattis dhufuu danda'an cabiinsa |
sirni diinagdee mudoowwan caaseffamaa qaba. |
Cabiinsa kanneen, dambii "keessaa-alatti" jedhuun sakatta'uu |
yaalla. Ogeessonni kallattii kanaan qo'annoo taasisan cabiinsa sirna |
diinagdee mudoowwan caaseffamaa haala adda addaatiin hiika itti |
kennuu ni dand'u. Ta'us garuu, Itoophiyaa n rakkinoota bu'uura |
diinagdee ishee mudatan hubachuuf hir'ina gabaa mudoowwan |
caaseffamaa ta'an kanaa hir'inoota mootummaa itti dabaluu walitti |
makuudhaan cabiinsa diinagdee waliigalaa hir'inoota simichaa keessatti |
hammachiisuudhaan xiinxaluun yaalameera. Qoqqoodinsi akkanaa |
wixinee yaadaa biyyoota qarooman keessatti dagaage hubachuu bira |
darbee golgaa haala qabatamaa biyyi keenya keessa jirtu yaada keessa |
galfachuun rakkoowwan mudatanii yaada furmaataa filatamoo ta'an |
ittiin dhiyeessinu nuuf kenna. |
Yaad-rimeen boqonnaa kanaa inni guddaan rakkoon diinagdee biyya |
keenyaa akka waliigalaatti hir'ina sirnaati kan jedhu dha. Hir'inni sirnaa |
agarsiiftuu diinagdeen biyyootaa wal-xaxaa ta'uun isaa kan ittiin ibsamu |
dha. Rakkoowwan sirnoota xixiqqoo taatotaa diinagdee keessatti |
mul'atan ija adda addaatiin hir'ina gabaa hir'ina mootummaa xiinxaluun |
furmaata kennuu barbaachisa. Rakkoon diinagdee biyya keenyaa fakkii |
guutuusaa hin mul'isu. Sababiin isaas, hir'ina gabaa hir'ina mootummaa |
qofa ol-kaasee agarsiisuun fiixetti kan ba'anii haala qabatamaa |
biyyittiitiin kan wal hin simanne, darbee darbees kan gargar ba'ani dha. |
Kanaafuu, hir'inoota gabaa hir'inoota mootummaa yaadata |
qindeessudhaan kuufama hojiiwwan sirna diinagdee biyya keenyaa |
yaada keessa galfachuun ilaaluu qabna. Dabalataanis gufachuu gahee |
taatota diinagdee kanneen biroo itti dabaluun yoo ilaallu rakkoon |
diinagdee keenyaa inni bu'uuraa hir'ina sirnaati jennee goolabuu |
dandeenya. Diinagdee akka sirna wal-xaxaa tokkootti fudhachuun |
sadarkaa galtee, adeemsaa bu'aatti ilaaluun bu'aa ol-aanaa qaba. |
Diinagdee haala waliigalaa hidhata qabuun akka sirna biyyoolessaatti |
ilaaluun rakkoowwan diinagdee keessa jiran haalan hubachuuf |
gargaara. Filannoowwan imaammataa hojii irra oolchuuf baay'ee |
fayyada. |
Rakkinoota diinagdee biyya keenyaa hir'ina sirnaatiin xiinxaluuf adda |
dureedhaan yaadni itti fayyadamnu qabeenya burqisiisuu qooddanna |
kan bu'uureffate dha. Qabeenyi kaffaltii diinagdee humnoota |
oomishaa, keessattuu lafaa badhaadhin a kaappitaalaa irratti |
duudhaalee dabaluun kan argamu yoo ta'u; haalli qabeenya burqisiisuu |
qooddannaa haqa-qabeessa, saffisaa bu'a-qabeessa ta'e diinagdee |
biyyattii keessatti uumamuun safartuu ijoo guddinaa misooma hawaasdiinagdee fayya-qabeessati. |
Sirna oomisha diinagdee keessatti walhubannaa qindoominni taatotaa tokkoo tokkoon taatota diinagdee |
dhimma murtaa'e irratti beekumsaa dandeettii gadi-fagoo akka |
qabaatan taasisa. Kunis gama tokkoon si'aayina kan uumu yoo ta'u |
gama biraatiin duudhaa hawaasummaa wal-amanuu wal-tumsuu uuma |
Waa'een dhimmoota lamaan kanaa (beekumsaa wal-amanuu) sirna |
gabaa idilee keessatti salphaatti ida'amanii argamuu dhabuun isaanii |
qaroomina fiduu irratti danqaa ta'eera. Kiyyoo bu'uuraa akka biyyoonni |
maraammartoo hiyyummaa keessaa salphaatti ba'anii badhaadhina hin |
goonfanne godhe dha. Danqaa kana dhabamsiisuufis ida'amuun taatota |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.