text
stringlengths
0
196k
dhabuun wal-simannaa dhabuu dhiyeessii uumameen guddinni
diinagdee waggoota hedduudhaaf ol-ka'iinsa gatii uumeera.
Ol-ka'iinsi gatii walitti-fufiinsaan uumamu uummata hiyyeessa galii
dhaabbataa qabu irratti qaala'ina jireenyaa baay'ee ol-aanaa ta'e
uumeera. Mallattoowwan cabiinsa diinagdee kunniin kan wal-keessa
jiranii fi hidhata cimaa qabanidha. Kanaafuu, furmaata furtuu cabiinsaa
ta'e adda baasanii baruun furmaata itti kenuun barbaachisaa ta'a.
Haaluma kanaan, madda guddina diinagdee biyya keenyaa yoo ilaalle
diinagdee biyya keenyaa walitti aanudhaan guddachaa ture liqiifi
gargaarsa mootummaa biyya keessaa fi biyya alaa baay'ee ol- ta'e irratti
kan hundaa'e dha.
Guddinni kun fedhii waliigalaa keessaa adda-dureedhaan baasii
mootummaa gahee guddaasaa qabateen kan hogganame dha.
Guddinni akkanaa sadarkaa wixinee yaadatti diinagdee keessatti fedhii
bal'aa fi taatota dhaabbilee dhuunfaatiif carraa gabaa uumuudhaan
dhiyeessii akka babal'isutu irraa eegama. Haata'u malee, haala
qabatamaa biyya keenyaatiin ce'umsi kuni harkifataa ta'uu danda'eera.
Guddina bu'uuraa fi hundee jabaa qabu fiduuf diinagdeen dhiyeessii
waliigalaan kan geggeeffamu ta'uunsaa filatamaa dha.
Mootummaadhaan alattis gabaa oomishtootaa tajaajilaafi shaqaxaa
uumuun bal'inaan oomishtummaatti seenuu isaaniitiif guddinni isaan
fidan filatamaa dha.
Haata'u malee, haala qabatamaa waggoottan guddinaa gara jalqabaa
keessatti dhaabbileen dhuunfaa cimoo ta'an hin ijaaramne.
Hoggantummaa isaa mootummaan fudhatee kallattii guddinaa fedhii
irratti hundaa'e hordofuun isaa dhimma filannoo miti. Hir'inni kan
uumameef mootummaan raawwii ga'umsa qabu kan idaa keessaa
saffisaan ba'uu dandeessisu hojjachuu dhabuu isaa fi guddina itti
fufiinsa qabuf filatamaa kan ta'e guddinni dhiyeessii bu'uureffate osoo
lafa hin qabatin fashalaa'uu isaati. Kana waan ta'eef, gama tokkoon
oomishaan biyya keessaa fedhii biyya keessaa guddatee jiru guutu
uumamuu dhabuu isaatiin; gama biraatiin immoo, mootummaan baasii
haamaadhaaf waan saaxilameef sharafa alaa baay'ee daanga'aa ta'e
kanaan argamu oomisha galii waan ittiin bituu fi liqii kaffaluu irra
oolchuuf dirqameera.
Kanaafuu, guddinichi milkaa'ina duraan qabu eeggatee fuul-duratti
deemuuf karaa faayinaansii misoomaa biroo filannoof ta'u cirachuun
barbaachisaa dha. Gahee mootummaan misooma irratti qabu naamusa
akka qabaatu ta'uu qaba. Guddinichi oomishtummaa itti-fufiinsaan
guddisuu kan giddu-galeeffate yoo ta'e, jeeqamuun hawaas-diinagdee
uumamu hammaataa ta'uun isaa waan hin oolledha.
Dimshaashumatti, mata-duree darbe keessatti murtaa'aa ta'uu
diinagdee biyya keenyaa furuuf hidhata gabaa biyya keessaa fi biyya
alaa ifaa fi dorgomsiisaa ta'e ijaaruutu nurraa eegama. Kanaaf,
boqonnaa itti aanu keessatti dhimmoota shoorri dhaabbilee diinagdee
biyya keessaa fi qajeelfamoota isaanii sakatta'uu dandeessisan bal'inaan
irratti dhiyaataniiru.
Diinagdeen biyya keenyaa haala qabatamaa guddina biyya keenyaatiin
wal-qabatee dhufanii fuul-durattis dhufuu danda'an cabiinsa
sirni diinagdee mudoowwan caaseffamaa qaba.
Cabiinsa kanneen, dambii "keessaa-alatti" jedhuun sakatta'uu
yaalla. Ogeessonni kallattii kanaan qo'annoo taasisan cabiinsa sirna
diinagdee mudoowwan caaseffamaa haala adda addaatiin hiika itti
kennuu ni dand'u. Ta'us garuu, Itoophiyaa n rakkinoota bu'uura
diinagdee ishee mudatan hubachuuf hir'ina gabaa mudoowwan
caaseffamaa ta'an kanaa hir'inoota mootummaa itti dabaluu walitti
makuudhaan cabiinsa diinagdee waliigalaa hir'inoota simichaa keessatti
hammachiisuudhaan xiinxaluun yaalameera. Qoqqoodinsi akkanaa
wixinee yaadaa biyyoota qarooman keessatti dagaage hubachuu bira
darbee golgaa haala qabatamaa biyyi keenya keessa jirtu yaada keessa
galfachuun rakkoowwan mudatanii yaada furmaataa filatamoo ta'an
ittiin dhiyeessinu nuuf kenna.
Yaad-rimeen boqonnaa kanaa inni guddaan rakkoon diinagdee biyya
keenyaa akka waliigalaatti hir'ina sirnaati kan jedhu dha. Hir'inni sirnaa
agarsiiftuu diinagdeen biyyootaa wal-xaxaa ta'uun isaa kan ittiin ibsamu
dha. Rakkoowwan sirnoota xixiqqoo taatotaa diinagdee keessatti
mul'atan ija adda addaatiin hir'ina gabaa hir'ina mootummaa xiinxaluun
furmaata kennuu barbaachisa. Rakkoon diinagdee biyya keenyaa fakkii
guutuusaa hin mul'isu. Sababiin isaas, hir'ina gabaa hir'ina mootummaa
qofa ol-kaasee agarsiisuun fiixetti kan ba'anii haala qabatamaa
biyyittiitiin kan wal hin simanne, darbee darbees kan gargar ba'ani dha.
Kanaafuu, hir'inoota gabaa hir'inoota mootummaa yaadata
qindeessudhaan kuufama hojiiwwan sirna diinagdee biyya keenyaa
yaada keessa galfachuun ilaaluu qabna. Dabalataanis gufachuu gahee
taatota diinagdee kanneen biroo itti dabaluun yoo ilaallu rakkoon
diinagdee keenyaa inni bu'uuraa hir'ina sirnaati jennee goolabuu
dandeenya. Diinagdee akka sirna wal-xaxaa tokkootti fudhachuun
sadarkaa galtee, adeemsaa bu'aatti ilaaluun bu'aa ol-aanaa qaba.
Diinagdee haala waliigalaa hidhata qabuun akka sirna biyyoolessaatti
ilaaluun rakkoowwan diinagdee keessa jiran haalan hubachuuf
gargaara. Filannoowwan imaammataa hojii irra oolchuuf baay'ee
fayyada.
Rakkinoota diinagdee biyya keenyaa hir'ina sirnaatiin xiinxaluuf adda
dureedhaan yaadni itti fayyadamnu qabeenya burqisiisuu qooddanna
kan bu'uureffate dha. Qabeenyi kaffaltii diinagdee humnoota
oomishaa, keessattuu lafaa badhaadhin a kaappitaalaa irratti
duudhaalee dabaluun kan argamu yoo ta'u; haalli qabeenya burqisiisuu
qooddannaa haqa-qabeessa, saffisaa bu'a-qabeessa ta'e diinagdee
biyyattii keessatti uumamuun safartuu ijoo guddinaa misooma hawaasdiinagdee fayya-qabeessati.
Sirna oomisha diinagdee keessatti walhubannaa qindoominni taatotaa tokkoo tokkoon taatota diinagdee
dhimma murtaa'e irratti beekumsaa dandeettii gadi-fagoo akka
qabaatan taasisa. Kunis gama tokkoon si'aayina kan uumu yoo ta'u
gama biraatiin duudhaa hawaasummaa wal-amanuu wal-tumsuu uuma
Waa'een dhimmoota lamaan kanaa (beekumsaa wal-amanuu) sirna
gabaa idilee keessatti salphaatti ida'amanii argamuu dhabuun isaanii
qaroomina fiduu irratti danqaa ta'eera. Kiyyoo bu'uuraa akka biyyoonni
maraammartoo hiyyummaa keessaa salphaatti ba'anii badhaadhina hin
goonfanne godhe dha. Danqaa kana dhabamsiisuufis ida'amuun taatota