text
stringlengths
0
196k
sirna diinagdee gumaacha ol-aanaa qaba. Kanaaf, hidhataa hariiroo
ida'amuu diinagdee hir'inoota sirnaa furuuf qoqqoodinsa gahee hojii
bu'uureffachuu barbaachisa. Ida'amuun danqaa badhaadhin aa kana
dhabamsiisuun adeemsawwan oomishtummaa saffisaa bu'a-qabeessa
akka ta'an gochuun qabeenyi dimshaashaa akka dabaluu fayyaqabeessa ta'u godha.
Haaluma kanaan, mata-duree itti aanu jalatti dimshaashummaan hir'ina
sirnaa, hir'ina gabaa hir'ina mootummaa waliin wal-bira qabuudhaari
walitti qindaa'ee kan dhiyaate yoo ta'u, iftoominaaf akka gargaaru hiika
idil-addunyaa isaan qaban hiika biyya keessatti kennameef waliin walitti
hidhamuun dhiyaateera.
Hir'ina Gabaa
Gaaffilee ijoon hir'ina gabaatiin wal-qabatanii ka'uu qaban, qabaanumti
matuma isaatiin dhimmoota akkamii irraa ka'uun rakkina fiduun
qoqqoodinsa qabeenyaa haqa-qabeessa ta'e argamsiisuu dadhabe?
Hir'inoonni akkanaa wayita uumaman gabaan matuma isaatiin haalli
hir'inicha itti sirreessuu danda'u, dandeettii fedhiin taatotaa jiraa? Yoo
ta'uu baate hoo hir'inoonni akkanaa wayita jiran sirreessuuf itti
gaafatamummaa eenyutu qaba? Akkam gochuudhaan sirreessa?
kanneen jedhani dha.
Diinagdee gabaa wallabaatiin geggeeffamu keessatti hir'inoonni gabaa
oomishaa tajaajilli akkaataa fedhii dhiyeessiitiin geggeeffamuu yoo
baate kan uumamu dha. Hir'inni gabaa fiigicha namoota dhuunfaa
gareedhaan fedhii ofii eegsifachuuf taasifamu irraa ka'uun faayidaan
uummata bal'aa wayita tuqamu rakkoo uumamu dha. Ka'umsa hir'ina
gabaatiif adda-durummaan sababoota saditu eerama. Isaanis: amala
gabaa, amala oomishaa akaakuu daldalaa irraa sababoota maddani dha.
Amala gabaan wal-qabatee, gabaa keessatti dorgommiimorkiin haqa
qabeessaa akka hin taasifamne haalota taasisan wayita uumaman
hir'ina gabaatu uumama. Fakkeenyaaf gabaan humnoota muraasaan
to'annaa jala yoo oole hir'ina gabaatu mudata. Kaampaaniiwwan
kunniin dorgomtoonni biroo gabaa keessa akka hin seenne
daangessuudhaan yookin uumamumaan filannoo gabaa kophaa isaanii
socho'an ta'uudhaan ol-ba'u. Haaluma kanaan, dorgommiin haqa
qabeessa ta'e akka hin jiraanneef jeeqama gabaa uumuudhaan bu'a
qabeessummaa gabaa ni daangessu.
Inumaa, abbootii qabeenyaa muraasa gabaa jal'isuun jeeqan
uumuudhaan abbootiin qabeenyaa kunniin gabaa kana irratti ol
aantummaa yoo qabaatan hir'inni gabaa ni uumama.
Sadarkaa yaadatti haala sirna gabaa walabaa keessatti abbootiin
qabeenyaa dhuunfaa hundi gatii gabaa fedhii dhiyeessii gabaa
hordofuun kaawwamu fudhachuu malee ofii isaaniitiin gatii gabaa
murteessuu kan danda'an miti jedhama. Haa ta'u malee, sababoota
adda addaatiin abbootiin qabeenyaa muraasni baasii xiqqoodhaan
bu'aa humnaa-olii argachuun guddatu. Kunis gatii gabaa fudhachuurraa
gara gatii gabaa murteessuutti isaan ceesisuu danda'a. Kanumaan wal
qabatee gabaan dorgommiidhaan kan geggeeffamu osoo hin taane
abbootiin qabeenyaa muraasni harkatti galfachuudhaan kan akka
fedhanitti raasan ta'uudhaan hir'ina gabaa fida. Adeemsi wal-fakkaataan
tumsa mootummaatiin tarkaanfiiwwan sirreeffamaa hin fudhataman
taanaan abbootiin qabeenyaa dhuunfaa haaraan gara gabaa kanaatti
makamuun kan hin yaadamne ta'a.
Akkaataa haala qabatamaa biyya keenyaatiin, yaada falmii olitti dhiyaate
hir'ina gabaa uumeera jechuun hin danda'amu. Sirni gabaa Itoophiyaa
abbootii qabeenyaa gurguddaa muraasaan kan too'atamedha jedhanii
murteessuun hin danda'amu. Hagamillee kallattii gabaa adda addaatiin
(zayita nyaataa, qamadii, kkf) abbootiin qabeenyaa muraasni haalli itti
gabaa kana harkatti galfatan jiraatus, kana caala rakkoo kan uume
dameen daldala dhuunfaa dadhabaa ta'uu isaati.
Hir'inni gabaa gama amala oomishaatiin mudatu karaa tokkoon
maalummaa oomisha sanaatiin kan wal-qabatu yoo ta'u, gama biraatiin
immoo adeemsa oomishaatiin kan wal-qabatu mudoowwan wal
simataa ilaallata.
Gama maalummaa oomishichaatiin yoo ilaalllu, oomishaalee tajaajila
hawaasummaa uummataa faayidaa waliinii uummataatiif oolu kan akka
daandii, barnoota, fayyaa kkf gabaan matuma isaatiin dhiyeessuu yoo
dadhabe hir'inni ni mudata. Gama biraatiin adeemsi oomishaa naannoo
irratti yookin kallattii biraatiin miidhaa kan geessisu yoo ta'e hir'inni
gabaa uumameera jechuu ni dandeenya.
Falaasama gabaa walabaa hordafuudhaan oomishni gabaadhaaf
dhiyaatanii gurguraman amaloota bu'uuraa lama qabu. Isaanis:
morkattummaa oomishaalee kanneen fayyadamuu amala dhoowwatummaati.
Morkatummaa jechuun oomisha tokko
fayyadamuu kan danda'u gatii isaa kaffalee kan bitate qofa ta'uusaa kan
agarsiisu dha. Dhoowwattummaa jechuun immoo gatii oomishaa
kaffalee bitachuu kan hin dandeenye oomisha gabaa sanaa fayyadamuu
irraa akka dhoowwamu kan agarsiisu dha.
Gama biraatiin, oomishni yookin tajaajilli tokko oomisha uummataa
waliinii amaloota lamaan hin qabneen fedhama. Kan akka ibsaa daandii
irraa, dhaabbilee tajaajila uummataa, tajaajiloota nageenyaa raayyaan
ittisa biyyaa dhiyeessuu kkf oomishaalee lammiileen biyyattii hundi itti
fayyadamani dha. Fayyadamuun nama dhuunfaa tokkoo inni biraa akka
hin fayyadamne hin dhorku. Dabalataanis, namni dhuunfaan kumiyyuu
itti kaffalus kaffaluu baatus tajaajilicha argachuu ni danda. Oomishoota
wal-fakkaatoo dhiyeessuun itti-gaafatamummaa gabaa sanaati
jedhamee yoo dhiifame sababa amala gabaa sanaatiin furamuus hin
danda'u. Kanaafuu, shaqaxoota wal-fakkaatan dhiyeessuuf itti
gaafatamummaa kan qabu mootummaa ta'uu qaba.
Gama biraatiin, adeemsa oomishuu kaampaaniiwwaniitiin yookin
oomishni oomishan matuma isaatiin uummata irraan miidhaa kan ga'u
yoo ta'e hir'inni gabaa ni mudata. Fakkeenyaaf, naannoo kan faaluu
qabeenya uumamaa humnaa-oli kan saaman sochiiwwan gabaa,
faayidaa fedhii uummata harka caaluu kan miidhan ta'u. Falaasama
gabaa bilisaa hordofuun abbootiin qabeenyaa oomishan baasiigalii
isaanii wayita herregan, gama baasiitiin wanti isaan herregan
oomishicha oomishuu eegalanii hanga gabaaf dhiyeessanitti baasii
baasani dha. Garuu, adeemsa oomishicha oomishan keessatti
miidhaawwan oomishni/adeemsi oomisha isaanii uummata irraan ga'uu
danda'u baasii isaanii keessatti hin hammachiisani. Miidhaa geessisan
kanaaf beenyaa hin kaffalan yoo ta'e uummaticha yookin qaama