text stringlengths 0 196k |
|---|
sirna diinagdee gumaacha ol-aanaa qaba. Kanaaf, hidhataa hariiroo |
ida'amuu diinagdee hir'inoota sirnaa furuuf qoqqoodinsa gahee hojii |
bu'uureffachuu barbaachisa. Ida'amuun danqaa badhaadhin aa kana |
dhabamsiisuun adeemsawwan oomishtummaa saffisaa bu'a-qabeessa |
akka ta'an gochuun qabeenyi dimshaashaa akka dabaluu fayyaqabeessa ta'u godha. |
Haaluma kanaan, mata-duree itti aanu jalatti dimshaashummaan hir'ina |
sirnaa, hir'ina gabaa hir'ina mootummaa waliin wal-bira qabuudhaari |
walitti qindaa'ee kan dhiyaate yoo ta'u, iftoominaaf akka gargaaru hiika |
idil-addunyaa isaan qaban hiika biyya keessatti kennameef waliin walitti |
hidhamuun dhiyaateera. |
Hir'ina Gabaa |
Gaaffilee ijoon hir'ina gabaatiin wal-qabatanii ka'uu qaban, qabaanumti |
matuma isaatiin dhimmoota akkamii irraa ka'uun rakkina fiduun |
qoqqoodinsa qabeenyaa haqa-qabeessa ta'e argamsiisuu dadhabe? |
Hir'inoonni akkanaa wayita uumaman gabaan matuma isaatiin haalli |
hir'inicha itti sirreessuu danda'u, dandeettii fedhiin taatotaa jiraa? Yoo |
ta'uu baate hoo hir'inoonni akkanaa wayita jiran sirreessuuf itti |
gaafatamummaa eenyutu qaba? Akkam gochuudhaan sirreessa? |
kanneen jedhani dha. |
Diinagdee gabaa wallabaatiin geggeeffamu keessatti hir'inoonni gabaa |
oomishaa tajaajilli akkaataa fedhii dhiyeessiitiin geggeeffamuu yoo |
baate kan uumamu dha. Hir'inni gabaa fiigicha namoota dhuunfaa |
gareedhaan fedhii ofii eegsifachuuf taasifamu irraa ka'uun faayidaan |
uummata bal'aa wayita tuqamu rakkoo uumamu dha. Ka'umsa hir'ina |
gabaatiif adda-durummaan sababoota saditu eerama. Isaanis: amala |
gabaa, amala oomishaa akaakuu daldalaa irraa sababoota maddani dha. |
Amala gabaan wal-qabatee, gabaa keessatti dorgommiimorkiin haqa |
qabeessaa akka hin taasifamne haalota taasisan wayita uumaman |
hir'ina gabaatu uumama. Fakkeenyaaf gabaan humnoota muraasaan |
to'annaa jala yoo oole hir'ina gabaatu mudata. Kaampaaniiwwan |
kunniin dorgomtoonni biroo gabaa keessa akka hin seenne |
daangessuudhaan yookin uumamumaan filannoo gabaa kophaa isaanii |
socho'an ta'uudhaan ol-ba'u. Haaluma kanaan, dorgommiin haqa |
qabeessa ta'e akka hin jiraanneef jeeqama gabaa uumuudhaan bu'a |
qabeessummaa gabaa ni daangessu. |
Inumaa, abbootii qabeenyaa muraasa gabaa jal'isuun jeeqan |
uumuudhaan abbootiin qabeenyaa kunniin gabaa kana irratti ol |
aantummaa yoo qabaatan hir'inni gabaa ni uumama. |
Sadarkaa yaadatti haala sirna gabaa walabaa keessatti abbootiin |
qabeenyaa dhuunfaa hundi gatii gabaa fedhii dhiyeessii gabaa |
hordofuun kaawwamu fudhachuu malee ofii isaaniitiin gatii gabaa |
murteessuu kan danda'an miti jedhama. Haa ta'u malee, sababoota |
adda addaatiin abbootiin qabeenyaa muraasni baasii xiqqoodhaan |
bu'aa humnaa-olii argachuun guddatu. Kunis gatii gabaa fudhachuurraa |
gara gatii gabaa murteessuutti isaan ceesisuu danda'a. Kanumaan wal |
qabatee gabaan dorgommiidhaan kan geggeeffamu osoo hin taane |
abbootiin qabeenyaa muraasni harkatti galfachuudhaan kan akka |
fedhanitti raasan ta'uudhaan hir'ina gabaa fida. Adeemsi wal-fakkaataan |
tumsa mootummaatiin tarkaanfiiwwan sirreeffamaa hin fudhataman |
taanaan abbootiin qabeenyaa dhuunfaa haaraan gara gabaa kanaatti |
makamuun kan hin yaadamne ta'a. |
Akkaataa haala qabatamaa biyya keenyaatiin, yaada falmii olitti dhiyaate |
hir'ina gabaa uumeera jechuun hin danda'amu. Sirni gabaa Itoophiyaa |
abbootii qabeenyaa gurguddaa muraasaan kan too'atamedha jedhanii |
murteessuun hin danda'amu. Hagamillee kallattii gabaa adda addaatiin |
(zayita nyaataa, qamadii, kkf) abbootiin qabeenyaa muraasni haalli itti |
gabaa kana harkatti galfatan jiraatus, kana caala rakkoo kan uume |
dameen daldala dhuunfaa dadhabaa ta'uu isaati. |
Hir'inni gabaa gama amala oomishaatiin mudatu karaa tokkoon |
maalummaa oomisha sanaatiin kan wal-qabatu yoo ta'u, gama biraatiin |
immoo adeemsa oomishaatiin kan wal-qabatu mudoowwan wal |
simataa ilaallata. |
Gama maalummaa oomishichaatiin yoo ilaalllu, oomishaalee tajaajila |
hawaasummaa uummataa faayidaa waliinii uummataatiif oolu kan akka |
daandii, barnoota, fayyaa kkf gabaan matuma isaatiin dhiyeessuu yoo |
dadhabe hir'inni ni mudata. Gama biraatiin adeemsi oomishaa naannoo |
irratti yookin kallattii biraatiin miidhaa kan geessisu yoo ta'e hir'inni |
gabaa uumameera jechuu ni dandeenya. |
Falaasama gabaa walabaa hordafuudhaan oomishni gabaadhaaf |
dhiyaatanii gurguraman amaloota bu'uuraa lama qabu. Isaanis: |
morkattummaa oomishaalee kanneen fayyadamuu amala dhoowwatummaati. |
Morkatummaa jechuun oomisha tokko |
fayyadamuu kan danda'u gatii isaa kaffalee kan bitate qofa ta'uusaa kan |
agarsiisu dha. Dhoowwattummaa jechuun immoo gatii oomishaa |
kaffalee bitachuu kan hin dandeenye oomisha gabaa sanaa fayyadamuu |
irraa akka dhoowwamu kan agarsiisu dha. |
Gama biraatiin, oomishni yookin tajaajilli tokko oomisha uummataa |
waliinii amaloota lamaan hin qabneen fedhama. Kan akka ibsaa daandii |
irraa, dhaabbilee tajaajila uummataa, tajaajiloota nageenyaa raayyaan |
ittisa biyyaa dhiyeessuu kkf oomishaalee lammiileen biyyattii hundi itti |
fayyadamani dha. Fayyadamuun nama dhuunfaa tokkoo inni biraa akka |
hin fayyadamne hin dhorku. Dabalataanis, namni dhuunfaan kumiyyuu |
itti kaffalus kaffaluu baatus tajaajilicha argachuu ni danda. Oomishoota |
wal-fakkaatoo dhiyeessuun itti-gaafatamummaa gabaa sanaati |
jedhamee yoo dhiifame sababa amala gabaa sanaatiin furamuus hin |
danda'u. Kanaafuu, shaqaxoota wal-fakkaatan dhiyeessuuf itti |
gaafatamummaa kan qabu mootummaa ta'uu qaba. |
Gama biraatiin, adeemsa oomishuu kaampaaniiwwaniitiin yookin |
oomishni oomishan matuma isaatiin uummata irraan miidhaa kan ga'u |
yoo ta'e hir'inni gabaa ni mudata. Fakkeenyaaf, naannoo kan faaluu |
qabeenya uumamaa humnaa-oli kan saaman sochiiwwan gabaa, |
faayidaa fedhii uummata harka caaluu kan miidhan ta'u. Falaasama |
gabaa bilisaa hordofuun abbootiin qabeenyaa oomishan baasiigalii |
isaanii wayita herregan, gama baasiitiin wanti isaan herregan |
oomishicha oomishuu eegalanii hanga gabaaf dhiyeessanitti baasii |
baasani dha. Garuu, adeemsa oomishicha oomishan keessatti |
miidhaawwan oomishni/adeemsi oomisha isaanii uummata irraan ga'uu |
danda'u baasii isaanii keessatti hin hammachiisani. Miidhaa geessisan |
kanaaf beenyaa hin kaffalan yoo ta'e uummaticha yookin qaama |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.