text
stringlengths
0
196k
hojjetaman naannoo bishaanii xiqqaachaa dhufe kana kan suphuufi kan
haaromsu ta'a.
Qabeenya uumamaa keenya gosaa fi bal'inaan kan baay'ate ta'uyyuu
gama kunuunsa naannootiin garuu dadhabbina gosa lama qaba. Gama
tokkoon albuudota dhuman tooftaa baasii qusatuun baasnee
fudhatama isaa daballee haala sirrii ta'een dhaloota itti aanuuf qabeenya
dhaalchisnu kaa'uu qabna. Qabeenyi keenya hin dhumne immoo
duguugnee itti fayyadamuurra, qabeenyichi bakka of-buusuuf yeroo
inni itti fudhatu hubannoo keessa galchuun itti fayyadama qabeenya
uumamaa jala jalaan bakka of-buusaa deemuu hordofuu qabna.
Haalli itti fayyadama oomishni albuuda keenyaa ittiin adeemsifamu
qabeenya duguuguu irratti kan buu'reffate dha. Jireenya uummata
naannoo sanaas kan hin jijjiirree fi biyyaafis gibira galii irraa eegamu kan
hin galchine akkasumas daldala seeraan alaaf kan mijate ture. Qonni
keenyas akkuma oomisha albuudaatti biyyoo keenyaaf kan
hindhiphannee fi bifa qabiyyee biyyoo uumamaa happhisuun qotaa
horii immoo gara dheeduutti bobaasna.
Keessumaa naannoon giddugaleessaa fi kaabni Itoophiyaa akka malee
kan nyaatamee fi oomishtummaan isaa baay'ee kan gadi bu'e waan
ta'eef, guddina oomisha qonna keenyaaf sodaa guddaa dha. Cirama
bosonaa fi sababa isaatiin dhiqamni biyyee uumamu rakkoo kana
cimsaa dhufeera. Ciramni bosonaa kun haala taa'umsa lafaa waliigalaan
miidhuun miidhaa kana sababeeffachuun maraamartoo faalama
qilleensa naannootiin ongee dhufuuf nu saaxileera. Rakkoo bu'uuraa
kanaan lubbuun bineensotaa fi biqilootaa naannoo keenyatti argaman
balaaf saaxilamaniiru. Haala itti fayyadama qabeenya uumamaa kana
kan baay'ee gaddisiisaa taasisu, balleessaa fi duguuggii kanaan
qabeenya argannu kanatti fayyadamuun gara fuul-duraatti misooma
industirii nu ceesisu otoo hin mirkaneeffatin hafuu keenya dha.
Kanaafuu, lammiileen misooma qonnaa fi albuudatti boba'an gara fuula
duraatti yommuu lafti isaanii qullaatti hafu daa'imman isaanii rakkoof
saaxilamuun isaanii waan hin oolle dha.
Qormaata Qabeenya Uumamaa Misoomaaf Oolchuu
Qabeenyi uumamaa biyya keenyaa ulaagaalee madaallii hedduun
yommuu madaalamu biyyi keenya humna kuufamaa misoomsuu
danda'u akka qabdu mul'istootni ni jiru. Biyyi keenya rakkina keessaa
ba'uufis haa ta'u rakkoowwan diinagdee ishee gosa hedduu hiikuuf
qonni filannoo guddaa tokko. Kanaaf, qonna adeemsa galtee fi
oomishaan hammayyeessuun, gabaarratti kan xiyyeeffate taasisuun
(gabaa biyya keessaa fi biyya alaa) gochuun hojjechuun xiyyeeffannoo
keenya ta'uu qaba.
Dabalataanis, misooma jallisii fi jiidhina kuusuuf xiyyeeffannoon adda
kennamuu qaba. Lafa gammoojjii jallisiidhaan misoomsuuf mijataa
ta'anii fi hanga ammaatti hojiirra hin oolle qonna gabaatiin misoomsuun
sharafa biyya alaa hambisuu fi nannoowwan kana misoomsuun
xiyyeeffannoo argachuu barbaada. Qabeenya naannoo keenyaa karaa
wabii nyaataa mirkaneessuu fi karaa oomishtummaa dabalataa
mirkanneessuun karaa qabachiisuun barbaachisaa dha. Qabeenya
beeladaa fi qurxummii keenya karaa hammayaawaa misoomsuun
filannoo dhiyeessii nyaataa babal'isuun wabii nyaataa mirkaneeffachuu
ni dandeenya.
Walumaagalatti, dhimmonni qonna keessatti xiyyeeffannoo argachuu
barbaadan keessaa babal'isuu hojiiwwan jallisii misooma qonna
babal'aa fi xixiqqoo, dhiyeessii maallaqaa fi galtee babal'isuu,
oomishtummaa horsiisa beeladootaa babal'isuu fi eegumsi qabeenya
uumamaa xiyyeeffannaa nama hundumaa argachuun akka hojiitti galu
gochuu dha. Dabalataanis tooftaa oomisha qonnaa fooyyeessu,
qisaasama oomishaan boodaa hir'isuu, sirna wabii nyaataa
qorannoorratti hundaa'e hojiitti hiikuu akkasumas gosoota midhaanii
murteessaa ta'an biyya keessatti akka oomishaman taasisuun
xiyyeeffannoo wal-fakkaatu kan barbaadu dha.
Qonnaan alatti haalli itti fayyadama qabeenya uumamaa waliin wal
qabatee qabeenya horachuun ni danda'ama, seektaroota turan keessaa
seektara albuudaa fi turiizimii ibsuun ni danda'ama. Misoomni albuudaa
amala isaatiin namoota baay'ee kan mindeessu miti. Amalli hojichaas
yeroo dheeraa kan gaafatu dha. Adeemsa qorannoo fi qo'annoo irraa
kaasee hanga oomishuutti adeemsa rakkisaa keessa waan darbamuuf,
muuxannoo iraayis haa ta'u sodaa qaqqabsiisurraa abbootii qabeenyaa
dhuunfaan yoo misoome filatama. Biyya keenya keessatti seektara
kanaan muuxannoo hooggansaa cimaa waan hinqabneef hanga
ammaatti itti hin fayyadamne jechuun ni danda'ama. Haa ta'u malee,
abdiin misoomaa sektarichi nuu kennu kan tuffatamu waan hin taaneef
xiyyeeffannoon addaa kennamuufii mala. Gama argamsiisuu sharafa
biyya alaatiin, seektara albuudaa kana karaa bu'a qabeessa ta'een
misoomsuu yoo dandeenye, alatti erguu shaqaxoota sadiirraa sharafni
alaa waliigalaa n argannu pirojeektii albuuda rraa argamuu ni danda'a.
Gaaziin Ogaadeen fi Pootaashiin Affaar guutummaan otoo
misoomsamanii isaan qofti waggatti gara doolaara biliyoona lamaa
argamsiisuu akka danda'an yommuu yaadamu, sekterichi hagam
xiyyeeffannoo akka dhowwatame mul'isa.
Gosoota misooma albuudaa warqii fi kan birootiin deeggarsa wal-irraa
hin cinne otoo kenninee fi bakkeewwan saffisaan misoomuu danda'an
nijiru. Kanaafuu, imaammanni albuudaa keenya rakkoowwan hojmaataa
fi seeraa misoomsitoota quunnaman hiikuurra darbuun odeeffannoo
qindaa'aa ji'ooloojii haala teessumaafi amala lafaa qabatamaa
taasisuutu irraa eegama. Oomisha warqii karaa aadaatiin misoomaa jiru
kanallee otoo amma walitti hidhiinsa gabaa biyya keessaa fi biyya alaa
diriirsuun karaa seera qabeessaan otoo gurgurree sharafa alaa hedduu
argachuu fi jireenya hawaasa naannoo jijjiiruun ni danda'ama ture.
Gama misooma albuudaatiin, abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi biyya
alaa walitti ida'uun sektaricharraa fayyadamoo akka ta'aniif
imaammataa fi seera muuxannoo addunyaarraa ka'uun qopheessuun
barbaachisaa dha. Odeeffannoo qabeenya albuuda keenyaa jabeessuu
fi qabatamaa gochuun hirmaannaa abbootii qabeenyaa guddisuun
barbaachisaa dha. Mootummaanis, adeemsa investimentii babal'isuu
bu'uuraalee misoomaa taasisu keessatti misoomicha keessaa tooftaa
ittiin gahee qabaatu hordofuu qaba. Tooftaan kun mootummaa karaa
maallaqaan fayyadamaa taasisuun ala amantaa abbootii qabeenyaa
sektericha keessatti hirmaachuu barbaadanii ni jabeessa.