text
stringlengths
0
196k
Gama itti fayyadama qabeenya uumamaatiin, sektera turiizimii haala
ga'aa ta'een misoomsuu dhabuunii fi beeksisuu dhiisuun, akkasumas
tajaajiloota walitti dhufeenya qaban babal'isuu dhiisuun keenya hir'ina
keenya isa biraati. Turizimiin qabeenya seenaan, aadaan yookin uumaan
nuuf kennite haala daawwattootaaf hawwataa ta'een qindeessanii
dhiyeessuun sektera qabeenyi irraa argatamu dha. Gama kanaan
Itoophiyaan qabeenya baay'ee kan qabdu ta'uyyuu tajaajila
gurguramuu danda'u haala ga'aa ta'een qopheessuu dhabuu keenyaa fi
otoo hin gurgurin hafuu keenyaan hanga ammaatti qabeenya kanatti
haala nama gaddisiisuun otoo hin fayyadamin turreerra.
Dadhabbinni waggootii darban keessa turan sekterri kun bu'aa inni
biyyaaf argamsiisuu danda'u akka mul'atu taasifnee baasuu dadhabuu
fi hojiirra oolchuu dadhabuu Kenya agarsiisa. Bakkeewwan uumamaa,
seenaa fi aadaa daaw'ataman qabnuun alatti bu'uurri misoomaa kan
akka daandii qilleensa Itoophiyaa daaw'attoota deddeebisu jiraachuun
isaa carraa adda ta'e dha. Hir'inni guddaa qabnu gama dhiyeessii
bu'uura misoomaa fi odeeffannoo, akkasumas nagaa fi tasgabbii
mirkaneessuun kan wal-qabate dha. Dabalataanis, bakkeewwan
daaw'ataman daw'attootaaf haala hawwataa fi mijataa ta'een
soneessuun sadarkaa barbaadamuun beeksisuu dadhabuu keenya dha.
Hir'inoota kana guutuuf mootummaan deeggarsa muraasa yoo kenne,
sekterichi gargaarsa abbootii qabeenyaa dhuunfaatiin yeroo gabaabaa
keessatti misoomuu danda'a. Carraaqqiiwwan walitti fufiinsa qaban
otoo taasifnee galii shaqaxootarraa argannu harka sadi kan caalu
turiizimii irraa akka argachuu dandeenyu qorannoowwan ni mul'isu.
Biyyi keenya aadaa, seenaa fi uumama daawwattoota hawwachuu
danda'an bakka tokkotti haala guutuu ta'een dhiyeessuu kan
dandeessu, tarii naannoo keenyatti wanta akkanaa guutuu kan danda'u
biyya keenya qofa waan ta'eef xiyyeeffannoon socho'uun dirqama dha.
Walumaagalatti, sadarkaan itti fayyadamaa fi kuusaan qabeenya
uumamaa biyya keenyaa boqonnaa kana keessatti dhiyaate waan nu
barsiisu sirna diinagdee oomishtummaa fi tooftaa qabeenya haalaan itti
fayyadamuu nu dandeessisu akka hin ijaarree fi kunis caba caasaa
diinagdee biyya keenyaatiif gumaacha inni qabu dha.
Dhugaan kun oomishtummaa guddisuun handhuura suphuu diinagdee
ta'uu isaa nutti agarsiisa. Oomishtummaan tooftaa oomishuu faana
walitti dhufiinsa kallattii qabaachuu isaatiin qulqullina galtee,
teekinoloojii fi gabaarratti haala oomishaa bu'uureffate babal'isuun
barbaachisaa dha. Kana mirkaneessuu dandeenyaan, diinagdee biyya
keenyaa guddisuu kanneen danda'anirratti bu'uureffachuun sekteroota
bu'aa oomishaa kennan irratti bu'uureffachuun ce'umsa caasaa qabu
taasisuu nu dandeessisa. Haaluma kanaan, boqonnaan itti aanu
oomishtummaa misooma industirii guddisuu fi carraawwan diinagdee fi
hawaasummaa kan biroo gama uumuutiin ga'eewwan inni qabu kan
ibsu ta'a.
Ce'umsa Diinagdee fi Mala Furguggifachiisuu
Addunyaa irratti qaamoleen hawaasaa hiyyeeyyii ta'an baay'inaan kan
jiraatan naannoowwan baadiyyaatti. Diinagdeen sabichaas kan hundaa'e qonna
irratti dha. Misoomni qonnaa galii hawaasa qonnaan buluu qofaa guddisuu irratti
otoo hin daangeffamiin madda bu'aa, kaappitaalaa fi humna namaa
ta'ee damee industirii fi tajaajilaatiif abdii ta'uun akka isarra jiru
qorattoonnii fi warreen imaammata baasan ni hubachiisu.
Gorsi kun misooma qonnaa fi industirii gidduu hidhatni gaariin akka jiru
yaada keessa kan galche dha. Karaa biraatiin hayyoonnii fi warreen
imaammata baasan biroon diinagdeen addunyaa haala garmaleessa
wal-hidhee jiruu fi hanga ol-aanaadhaan kaappitaalli socho'aan jiru bara
ofittummaa kana keessatti misooma qonnaa irratti xiyyeeffachuu caalaa
industiriiwwan akka babal'atan gochuudhaan hiyyummaa hir'isuun akka
danda'amu hubachiisu.
Haaluma wal-fakkatuun biyya keenya keessatti qonna bu'uura
godhachuun misooma industirii hamma barbaadamuun mirkaneessuun
hin danda'amu kanneen jedhan karaa tokkoon jiru. Qonni bu'uura
diinagdee biyya keenyaa ta'uu isaatiin misooma industirii
si'oomsuudhaaf shoora murteessaa qabaata kanneen jedhan immoo
karaa biraatiin jiru. Qaamoleen kunniin tokko lama jedhanii qabxiilee
falmii isaanii dhiyeessu. Jarreen lamaan iyyuu misoomni industirii
guddina diinagdee itti fufinsa kan qabu akka galmeessisu ni amanu. Haa
ta'u malee, karaa misooma industirii mirkaneessuuf irra deemamu irratti
garuu garaagarummaa agarsiisaniiru. Bu'uurri falmii isaanii
imaammanni misoomaa dursa qonnarratti haa xiyyeeffatummoo
industirii irratti haa xiyyeeffatu kan jedhu dha.
Misoomni industirii hawaasni tokko raawwiiwwan hawaasummaa fi
diinagdee qonna wajjiin wal-qabsiisee guddifate gara hawaasummaa
industiriitti adeemsa ittiin jijjiiru dha. Kana qofaa otoo hin ta'iin,
misoomni industirii maxxantummaa uumamaa jalaa ba'anii
teekinooloojii gargaaramuudhaan rakkoolee turuun, mallii fi
qoqqoodaminsi hojii ifa ta'e, akkasumas guddinni diinagdee saffisaan
adeemsa keessatti calaqqisu dha.Ibsituuwwan kunniin yeroo
dheeraadhaaf misooma itti fufinsa qabu mirkaneessuudhaaf
dhimmoota furtuu waan ta'aniif, misoomni inindustirii misoona itti tufaa
mirkaneessuudhaaf karaa isa guddaa ta'uu isaa baay'oliin irratti
waliigalu. Babal'achuun msooma idustirii, keessumaayyuu industirii
manufaakchariingii biyyi keenya guddina teekinooloojii fi omishtummaa
irraa faayidaa guddataa deemu akka argattuuf kan taasisu dha.
Babal'achuun industirii wajjiin wal-qabatee dhaabbileen omishan akka
jabaataniif hawaasni deebii-galteetiin deeggaramu sadarkaa
giddugaleessaa qabu akka uumamu gochuu keessatti shoorri isaa ol
aanaa dha. Karaa biraa, misoomni qonnaa hiyyummaa hamaa baadiyyaa
jiru balleessuuf, wabii nyaataa mirkaneessuu fi guddina diinagdee
haqaqabeessa fiduudhaaf murteessaa dha. Haa ta'u malee, qonni amala
uumamaan qabuun misooma addaan hin cinnee fi itti fufinsa qabu
hanga dhumaatti fiduu hin danda'u.
Rakkoolee Misooma Qonnaa
Dameen qonnaa seera diinagdee dhalli namaa jireenyasaa tursiisuuf
uumama wajjiin wal-baree jiraachuuf qabsoo godhu keessatti adamoo
fi firiiwwan guurruu hordofee uumame dha. Hamma warraaqsa industirii
Awurooppaa fi Ameerikaatti uumammeetti qonni dhalli namaa harkaa
gara afaaniitti karaa ta'een haa ta'uyyuu malee uummanni addunyaa
soorachuu fi madda carraa hojii isa guddaa ta'eefii tureera.