text
stringlengths
0
196k
Dhalli namaa damee qonnaatiin malli inni ittiin omishuu fi beekumsi isaa
guddachaa yeroo dhufu omishnii fi omishtummaan qonnaa hanga
guddaadhaan daballii agarsiisaa dhufe. Kanaafis akka fakkeenyaatti kan
caqasamu akka lakkoofsa Awurooppaatti jaarraa 18ffaa keessa omisha
qonnaa walitti fufinsaan Ingiliz keessatti taasifame dha.Haalli kun
biyyittii keessatti guddinni uummataa hin eegamnee fi qabeenyii fi
kaappitaalli namaa hangi isaa guddaa ta'e akka irraa hafaa ta'u taasise.
Karaa tokkoon yeroo sanatti qonni mekaanaayizdii babal'achuun
sadarkaa ol-aanaadhaan bu'a-qabeessa ture. Waan kana ta'eef, qotanii
bultoonni muraasni hojjettoota industirii hedduu sooruu humna ittiin
danda'an akka uuman isaan dandeessise. Karaa biraatiin immoo
babal'achuun qonna mekaanaayizdii fedhii meeshaalee fi maashinoota
gurguddoo kanneen hojichaaf ta'anii dabaluudhaan, industiriiwwan
galteewwan sana omishan akka heddummataniif dhiibbaa godheera.
Haa ta'u malee, yeroo sanatti qonni mekaanaayizdii uummata hanga ol
aanaadhaan dabale sanaaf carraa hojii sadarkaa barbaadamuun uumuu
hin dandeenye. Kanaafuu, kutaa biyyaa fi damee qonnaa keessaa humni
namaa baay'inaan gara magaalaatti godaane. Industiriiwwan keessatti
qacaramanii galii fooyya'aa argachaa dhufan. Haalli kunis hojjetaan
omishoota nyaataa fi tajaajilootaaf fedhiin gabaa inni qabu dabalaa akka
deemu taasise. Kanarraa kan ka'e dameen manufaakchariingii
investimentii godhu dabalataan caalmaatti jajjabeessaa guddinni
dinagdee dabalataa affeeramuu danda'eera. Dhimmoonni bu'uuraa
kunniin akka waliigalaatti Ingiliziittis ta'ee biyyoota ce'umsa caasaa
taasisan hedduu keessatti akka hubatametti babal'achuu industiriitiif
gahee ol-aanaa gumaacheera.
Waan kana ta'eef, jijjiiramni caasaa diinagdee gara caalu damee qonnaa
fi seektara industirii gidduutti wal-jijjiirraa humnaa taasifamuun
uumama. Dameen qonnaa lafa qotamuun kan daangeffame waan ta'eef,
sababa guddina uummataatiin omishnii fi omishtummaan qotee-bulaa
dabalataa hir'achaa dhufa. Adeemsi omishaa hammuma teekinooloojii
hammayyaa fayyadamaa dhufe hammi humna namaa barbaachisuu
hir'achaa waan dhufuuf, barichi damee industirii fi tajaajilaatiif humna
hojjetaa irraa hafaa ta'e kan dhiyeessu akka ta'u isa taasisa.
Faayidaan guddaan misooma diinagdee qonna bu'uura godhaterraa
gara industiriitti ce'umsa godhamu irraa argamu qonni haalawwan
uumamaatiin (dhiyeessii lafaatiin, bishaanii fi kanneen kana
fafakkaataniin) kan daangeffame ta'uu isaati. Kanarra darbee humna
namaa fi teekinooloojii duguugnee itti fayyadamuudhaan
omishtummaa lafa qonnaa qabnuu daangaa isa dhumaatii olitti ol
butuun hin danda'amu. Waan kana ta'eef, qonni itti fufinsaan utubaa
diinagdee ta'ee itti fufuu hin danda'u. Qonni hammuma fedhe guddina
yoo agarsiise fedhiiwwan guddachaa deeman biyya yokkoo hamma
dhummaatti qabatee deemuu gaafata. Kanaafidha hayyoonni tokko
tokko qonna "dhalataa du'aa" jedhanii kan ibsaniif. Hammuma fedhe
yoo guddachaa deemellee teekinooloojii isa dhumaa gargaaramee illee
yoo ta'e faayidaan inni argamsiisu kan daangeffamee fi jijjiirama
caasummaa fiduudhaaf kan dandeessisu hin ta'u.
Biyyoonni hedduun ce'umsa kana hojii irra oolchuuf kallattii
imaammataa kaa'anii socho'aniiru. Biyyoonni Awurooppaa fi Kaaba
Ameerikaatti argaman ka milkaa'eef yommuu ta'u, biyyoonni Eeshiyaa
muraasnis yeroo dhiyoo keessa ce'umsa caasaa kana milkeessaniiru.
Haa ta'u malee, biyyoonni Afriikaa fi Laatin Ameerikaa sahaaraa gaditti
argaman jijjiirama caasaa kana gochuudhaaf yaaliin isaan irra
deddeebiidhaan taasisan bu'a-qabeessa ta'uu hin dandeenye.
Diinagdee biyyoota kanaa irratti jijjiirama caasummaa gochuudhaaf
yaaliiwwan godhaman milkaa'oo akka hin taane sababoota godhan
keessaa inni tokko kallattii imaammataa itti fufinsa qabu hordofuu
dhiisuu fi falaasamoota muraasa irratti hirkachuu dha.
Akka fakkeenyaatti, ALAtti baroota 1960taa fi 1970ta keessa biyyoonni
hedduun imaammata daldala galii bakka buusuu hojii irra oolchuun,
dhaabbilee daldalaa biyya keessaa dorgommii fi morkii biyyoota alaa
irraa mankaraarsummaa ittiin eegan haala ittiin qabatantu ture.
Biyyootuma kana keessatti baroota 1990ta keessa jijjiirama caasummaa
harcaasanii imaammata isaanii keessaa dhabamsiisuun sochiiwwan
bu'uuraa diinagdee qofaa irratti otoo xiyyeeffatanii jijjiiramni
caasummaa adeemsa keessa kan dhufu akka ta'e kan hubachiisu
"waliigaltee Waashingitan" otoo hin alanfatiin liqimsuun isaanii ni
beekama. Guddina Itoophiyaa keessatti qonni xiyyeeffannoo misoomaa
isa ijoo ta'uun isaa dhimma filannoo miti. Dameen kun humni namaa
guddaan kan itti bobba'e, magga sharafa alaa isa guddaa fi omisha
waliigalaa biyyittii keessatti gahee nusa ta'u kan qabu dha. Waan kana
ta'eef, xiyyeeffannoon misoonaa inni ijoon dameedhuma kanaan
guddachuun isaaf mala. Dameen kun yeroo guddatu kallattiidhaan
jireenya maatiiwwan miliyoona 16-18 ta'an kanneen damicharratti
hirmaata n ii waan jijjiiruuf hiyyummaa keessaa ba'uuf karra seensaa sirrii
ta'e dha.
Bu'uuruma kanaatiin mootummaan qonnaa fi misooma baadiyyaa irratti
xiyyeeffannoo godhee waggaa waggaatti bajata waliigalaa biyya
keenyaa keessaa dhibbeentaa 10 ol kan ta'u damee kanaaf
ramaduudhaan waggoota 28 darbaniif hojjechaan turuu isaatiin,
dameen diinagdee qonnaa waggaa isaatti guddina galmeessiseera.
Muraasummaa yoo qabaateyyuu, guddinni diinagdee ariifataa biyyi
keenya galmeessisaa jirtu shoora mataasaa taphachuu irratti argama.
Ta'us garuu, haala amma irra jirruu n biyya keenya keessatti qonni mala
gaggeessummaa dulloomee fi fajaje irraa walaba hin baane. Biyya
keenya keessatti barumsii fi qorannoon qonna hammayyaa erga eegalee
waggoota torbaatamaa ol ta'eera. Haa ta'u malee, qonni keenya amma
ammaatti mala omishaa harkaa gara afaaniitti ta'e irraa gadhiifatee gara
galtee industirii fi kuufama kaappitaalaatti ce'umsa hin taasisne.
Omishni qonna keenyaa saayinsii fi teekinooloojii fayyadamee hangi
omishaa waggaatti inni dabalu baay'ee gad-aanaa dha. Maddi daballii
isaa qabeenya uumamaa dhiibbatee fayyadamuu isaatiin kan argamu
dha. Carraaqqii biyya keenya keessatti itti fufinsaan taasifameen
omishtummaan qonnaa fi midhaanii waggaadhaa gara waggaatti
guddina agarsiiseera. Haa ta'u malee, dameelee xixiqqaa qonnaa
kannen hafan, jechuunis, horsiisa horiiwwan gaanfaa fi kotte-duudaa,
horsiisota lukkuu fi qurxummii ilaalchisee fooyya'insi dubbatamu hin
mul'anne. Guddachuun omishni midhaanii qamadii, garbuu fi
omishoota qonnaa garaagaraa biyya alaatii galchuu irraa nu hin