text stringlengths 0 196k |
|---|
baraarre. |
Malleen teeknoloojii fi akkaataa qotisaa fooyyeeffaman qotanii |
bultoota qabiyyee gadi aanaa qabaniif bifa deeggarsa guutuutiin hin |
qaqqabne. Sababa kanaatiinis dameelee qonnaa xixiqqoo hundumaa |
keessatti haala jedhamuun bu'aan hawwinee fi barbaanne hin dhufne. |
Qonni keenya omisha industiriidhaaf meeshaa dheedhii ta'u haala ha'aa |
ta'een omishuun itti ulfaateera. Xiyyeeffannoo fi deeggarsi qorannoos |
hammuma sana dadhabaa fi bu'aa barbaadamu kan hi finne dha. |
Misoomni qonnaa fayyadama bishaanii fi jiidhinsaa bu'a qabeessa ta'e |
malee bu'aa buusuu hin danda'u. Gama kanaan mootummaan humna |
qabuun misooma jallisii irratti invastii yoo gochuu baate damee kana |
geeddaruun rakkisaa ta'a. Bal'ina ooyiruu isa bu'a-qabeessummaa |
teekinooloojii qonnaa murteessu guddisanii naannoowwan gammoojjii |
qonni irratti hin eegalamne irratti abbootiin qabeenyaa qonna |
babal'aadhaan bobba'uu danda'anis damee kana keessa baay'inaan |
seenuu hin dandeenye. |
Seerri dhiyeessii galtee biirookiraasiidhaan kan xaxamee fi damee |
dhuunfaa bal'inaan kan hin hirmaachisne waan ta'eef, qotanii-bultoota |
irratti dhiibbaan isaa ol-aanaa dha. Dhiyeessii sanyii filatamaa irratti |
gaheen damee dhuunfaa seeraan daangeffamuun, dhaabbilee |
misoomaa mootummaatii fi waldaalee hojii gamtaatiif deeggarsi addaa |
godhamuun, tajaajila ariifataa, qulqulluu fi maamilaa irratti xiyyeeffate |
kan damee dhuunfaa irraa argamuu danda'u qotee-bulaa fi horsiisee |
bulaan akka hin arganne taasiseera. Bal'inni ooyiruu giddugaleessaa |
dhalootaa dhalootatti hir'achaa dhufuu isaatiin humni galtee |
hammayyaawaa fayyadamanii omistummaa dabaluu hir'achaa |
deemeera. Sababa kanaanis, rakkoon wabii nyaataa mirkaneessuu |
dadhabuu qormaata nu waliin imalu ta'ee jira. Hirmaannaan gabaa |
keenyaa biyya keessaas; biyya alaas fayyaalessa waan hin taaneef akka |
omishni baay'atetti galiin qotee-bulaa fi horsiisee-bulaa, akkasumas |
galiin biyyittii hin daballe. Gabaan biyya keenyaa iftoominnii fi seeraaf |
bitamuun kan itti hir'atedha; faddaalotaa fi daldaltoota duudhaa hin |
daballeen gaggeeffamaajira. Gabaa idil-addunyaa keessattis omishoota |
dheedhii yeroodhaa gara yerootti gatiin isaanii kufaa jiru irratti |
xiyyeeffachuu isaaniitiin galiin dabalataa omisha dabaluudhaan |
agrachuun nurra jiraatu qabbanaa'uu gatiitiin hir'achaa jira. |
Rakkoon hojii-dhabdummaa yeroo kuufamaa dhufuu fi omishnii fi |
omishtummaan qonnaa guddachuu yeroo dadhabu rakkoo hamaa |
wabii nyaataa hordofsiisuun isaa hin oolu. Kutaa hawaasaa galii gadi |
aanaa qabanii fi hiyyeessa hiyyeessaa jedhaman gatiidhaanis haa ta'u |
karaa biraa addaan baasanii deeggaruuf kan dandeessisu sagantaa |
dhaabbataa hin qabnu. Sababa kanaatiin, hiyyeessaaf jennee biyya |
alaatiis haa ta'u biyya keessatti omishoota omishaman gatii |
deeggarsaatiin yeroo dhiyeessinu isa dureessatu irra caalaa itti |
fayyadama. |
Walumaagalatti, diinagdicha keessati jijjiirana caaseffamaa fiduun yoo |
yaadame duraan dursee qonna irratti jijjiiramni caaseffamaa akka dhufu |
hojjetamuu qaba. Diinagdee biyya keenyaa karaa industiriidhaan |
durfamuun guddisuuf industiriiwwan galteewwan omisha qonnaatti |
fayyadaman, humna namaa hedduu qacaran, akkasumas omishoota |
ergaman omisha babal'isuuf carraaqqii bal'aa gochuu barbaachisa. |
Rakkoolee Misooma lndustirii |
Biyya keenya keessatti rakkooleen industirii guddinaa fi omishtummaa |
humna namaa, haguuggii fi xiyyeeffannoo faabrikaawwanii, babal'achuu |
gabaa biyya keessaa,kuufama sharafa biyya alaa fi dorgommii alaa idil |
addunyaa wajjiin kan wal-qabatani dha. |
Humna namaa wajjiin wal-qabatee Itoophiyaan biyya humni omishu |
saffisaan guddachaa dhufe keessatti argamu, baay'ina uummataatiin |
Afriikaa keessaa sadarkaa lammaffaa irratti argamtu dha. Baay'inni |
uummataa biyya keenya keessatti mul'achaa jiru qabiyyeen lafaa |
namootaa akka dhiphatuu fi humni omishu kun baay'inaan |
baadiyyaadhaa gara magaalaatti akka godaanu dirqisiisaanii jira. Haalli |
kun akka carraa gaariitti fudhatamee industiriiwwan humna namaa |
kanatti fayyadaman hanga barbaadamu hin babal'anne. |
Biyyi keenya misooma industirii saffisiisuudhaan carraa jijjiirama haala |
uummataatiin dhufe kana yeroo ammaa kana itti fayyadamuu yoo |
baatte, gara fuulduraatti kaappitaalaa fi teekinooloojiitti bal'inaan |
gargaaramuun jijjiirama caaseffamaa fuduudhaaf kan dirqamtu taati. |
Karaan kun ammo biyya aadaan qusannaashii dadhabaa ta'ee fi haalli |
dhangala'ina faayinaansii alaa kan hin gaagamne ta'e kanatti guddina |
hawaasummaa fi diinagdee kan dadhabsiisu ta'a. Dabalataanis, humna |
namaa wajjiin wal-qabatee qajeelfamni bu'uuraa misooma industirii |
biyya keenyaa kaappitaala kan qusatuu fi humna hojjettootaa namaan |
kan fayyadamu industirii manufaakchariingii misoonaa ta'uun isaa byyi |
keenya humna namaa bal'aa ta'ee fi qaalii hin taane akka qabdu akka |
qabdu ilaalcha keessa kan galche dha. Kana jechuunis, humna namaatti |
bal'inaan gargaaramuudhaan industiriiwwan industiriiwwan kaappitaala |
qusatan irratti xiyyeeffachuun biyyi keenya sadarkaa idil-addunyaatti |
hamma tokko dorgomaa akka taatu ishii taasisa. |
Ta'us garuu, humni namaa biyya keenya keessatti qaalii ta'uu baatus |
seeraan kan leenji'ee fi omishtummaa qabu miti. Kana jechuun, hammi |
omishtummaa hojjetaa tokkoo kan biyyoota kaanii wajjiin wal-bira |
qabamee yoo ilaalamu gad-aanaa dha. Sadarkaa idil-addunyaatti biyyi |
keenya dorgomtuu taatee investimentii kallatti biyya alaa damee |
maanufaakchariingiitiin harkisuudhaaf humna namaa bal'aa ta'e |
qabaachuu qofaa otoo hin ta'iin humni namaa kun omishaa ta'uu qaba. |
Kun kan hin taane taanaan garuu humni namaa rakasa ta'e kan |
omishtummaan isaa zeeroo zeeroo hin taane afaan biraatiin herreega |
kenninsa murtee filannootiin "qaalii" dha. Waan kana ta'eef, |
mootummaan humna namaa qaroome baay'inaa fi qulqullinaan |
horachuudhaaf jabaatee hojjechuu qaba. |
Qubannaa fi xiyyeeffannoo omishaa industirii ilaalchisee dameen |
manufaakchariingii waggoota darban keessa babal'ateera. Haa ta'u |
malee, tamsaasni isaa baay'inaa naannawa Finfinnee, Kombolcha, |
Maqalee, Baahirdaarii fi Hawaasaatti kuufamuun isaanii kallattii |
mijoomina gabaa, carraa hojii fi dhiyeessii meeshaalee dheedhiitiin |
hanqina uumeera. Karaa biraatiin industiriin sochiilee 'agro |
proosasiingii' hedduu keessatti (omisha shukkaaraatiin, baabura |
midhaaniitiin, omisha zayita nyaataatiin, omishaalee laaffisa gogaatiin) |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.