text
stringlengths
0
196k
fi omishoota fedhii bu'uuraatiif oolaniin (biiraadhaan, omisha
kopheetiin, omisha wayyaalee fi uffatootaatiin) jijjiirama jajjabeessaa
fidaniiru. Haa ta'u malee, dandeettiiwwanii fi beekumsawwan
teekinooloojii kuusuudhaaf, akkasumas hidhata industiriiwwan gidduu
jiru uumuudhaaf industiriiwwan gargaaran (keemikaalli, elektiriikaalii fi
elektirooniksiin, omishtoonni sibiilaa fi industiriiwwan injinariingii
biroon) hamma barbaadamuun hin babal'anne.
Gabaa biyya keessaa duguuganii itti fayyadamuu ilaalchisee, biyyi
keenya sadarkaa Afriikaattis haa ta'u sadarkaa addunyaatti qabeenya
guddaa kan qabdu ta'uu ishii wajjiin wal-qabatee meeshaalee
manufaakchariingiif oolan dhiyeessuuf carraa gabaa bal'aa ta'e kan
qabdu yoo ta'eyyuu, gama kanaann hamma ammaatti fageenyi
deemame garuu quubsaa miti. Omishaaleen dameelee
maanufaakchariingiitiif omishaman karaan isaan gabaa biyya keessaatii
itti dhiyaatanii fi humna biyya keessaa duguuganii itti fayyadamuuf
carraaqqiin godhamu xiqqaa dha. Qulqullinni mishaalee biyya keesssatti
omishamanii gadi aanaa ta'uun isaa mishaalee wal-fakkaatoo biyya
alaatii dhufan wajjiin dorgomuu akka hin dandeenye isaan taasiseera.
Karaa biraatiin, biyyoonni guddina industiriitiin booddeetii hafan
kanneen akka Itoophiyaa gabaa biyya keessaa duguuganii fayyadamuu
dadhabuu isaan mudachaa jiru cinaatti qormaanni biraa isaan
mudachaa jiru cedheedha daldalaa addunyaalessaa cabsanii seenuu
dha. ALAtti bara 1870 hanga 1970'ootatti daldalli addunyaalessaa kan
gaggeeffamu meeshaalee hojjetamanii dhuman irratti ture. Yeroo
ammaa kana garuu, daldalli addunyaalessaa kan gaggeeffamu
meeshaalee walsooran irratti dha. Bu'aan industirii addunyaalessaa
tokko bittaa meeshaa dheedhii industirii kaanii ta'aa dhufeera.
Ibsa biraatiin, daldalli addunyaalessaa meeshaalee hojjetamanii dhuman
caalaa gara meeshaallee gaamisaan hojjetamanii hojii dabalataa
barbaadaniitti jijjiirameera. Kanaafuu, industiriiwwan karaa milkaa'ina.i
irra jiran meshaalee hojjetamanii dhuman dhiyeessuu caalaa kanneen
adeemsi dabalataa isaaniif hafu dhiyeessuudhaan dordomaa ta'uutu
isaan irraa eegama. Haalli kun biyyoota akka Itoophiyaa quddinarr.i
jiraniif gara insdustiriitii makamuudhaaf karaa salphaa fi saffisaa kan
bane dha.
Biyyoota guddatan waliin dorgomaa taanee akka itti fufnuuf garuu
adeemsa omishaa sirreessuu, naannoo bu'aa omishaa, hojii irra oolmaa
fi walitti dhufeenyaatti humna jabeeffachuu barbaachisa. Dabalataanis,
rakkoon ijoo misooma industirii daldala alaa bu'uura godhatee
biyyoonni guddina irra jiran omisha omishan qabatanii gara gabaa
seenuu wajjiin kan wal-qabatu dha. Carraan omishoota gara alaatti
erguudhaaf jiru biyyoota gabicha omisha isaaniitiin guutan kanneen
akka Chaayinaa fi Hindiitiin qormaata uumamu dha.
Sharafa alaa ilaalchisee biyyi kamillee yeroo guddina industirii isa
jalqabaatti maashinoota investimentiif barbaachisanii fi hojii ittiin
hojjetan hundumaa humna keessaattin dhiyeessuun waan hin
danda'amneef biyya alaatii galchuun dirqama ta'a. Yeroo kana fedhii
sharafa alaa wajjiin wal-qabatee rakkooleen bal'inaan mudachuu
danda'u. biyyi keenya yeroo ammaa kana piroojektoota gurguddoo
sharafa alaa barbaadan ijaaruu irratti argamti. Karaa kanaa sharafa alaa
piroojaktoonni kunniin barbaadan yeroo isaatti argachuu yoo dadhaban
carraa lafarra harkifachuu ittiin danda'antu uumama.
Waan kana ta'eef, biyyi keenya gabaa addunyaa keessatti omishaalee fi
tajaajilawwan faayidaa ittiin argattuun daldala alaa bal'isuudhaan,
sharafa alaa argachuu guddifachuu qabdi. Dhiyeessii sharafa alaa damee
dhuunfaatii fi ta'e pirojektoota mootummaatiif qaqqabsiisuuf
industiriiwwan qonnaa fi qonna wajjiin walitti hidhatanii fi dameelee
turizimiitiif dursa kennanii deeggaruun filannoo ta'uu danda'a.
Rakkoo muraasummaa omishaa dhabamsiisuudhaaf damee
manufaakchariingii cimsuun gahee guddaa taphata. Waan kana ta'eef,
damee kanaan hojii duraan hojjetame caalaa hojjechuuf carraaqqii
fooyya'aa gochuutu barbaachisa. mootummaan paarkiiwwan industirii
babal'isuu irraa kaasee industirii maanufaakchariingiitiin yeroo dhiyaa
keessatti investimentii hedduu kan goche ta'uu isaatiin, dameen kun
bu'a-qabeessa akka ta'u eegama. Abbootiinqabeenyaa biyya alaa
paarkiiwwan keessatti guddina nama jajjabeessu agarsiisaa kan jiru yoo
ta'eyyuu, hirmaannaan abbootii qabeenyaa biyya keessaa gad-aanaa
dha. Deeggartoonni dameelee omishaa loojistiikii, dhiyeessii humnaa fi
tajaajila liqii bal'isuudhaan, akkasumas hojimaanni seera kabachiisuu
mootummaa si'aawaa akka ta'u gochuudhaan gaheen industiriin
maanufaakchariingichaa diinagdee keessatti qabu akka guddatu
gochuu barbaachisa.
Walumaagalatti, garaagarummaan haala jireenyaa saboota biyyoota
guddatanii fi guddinarra jiranii gidduu jiru caaseffama diinagdee
biyyoota sanaa irraa kan madde dha. Gara caalu diinagdeen biyyoota
guddatanii industirii giddugaleessa kan godhate dha. Biyyoonni
guddinarra jiran immoo gara caalu diinagdee qonnaa fi qabeenya
uumamaa giddugaleessa godhate qabu.
Sababiin garaagarummaawwan kanaa seenaa guddinaa yeroo dheeraa
biyyoota sanaati. Kunis haala hawaasummaa, aadaa, diinagdee,
teessuma lafaa, quunnamtii alaa fi siyaasaa kan of keessatti hammatu
ta'uun isaa kan amanamu dha. Haa ta'u malee, sababoonni kunniin
qofti garaagarummaawwan hawaas-diinagdee biyyoota kana gidduutti
uumameef fakkii gaarii hin uuman. Garaagarummaawwan diinagdee fi
hawaasummaa gareewwan biyyootaa lamaan gidduutti mul'ataniif
qooda ol-aanaa kan fudhatu kuufama teekinooloojiiti.
Misooma Teekinooloojii: Miindaa Guyyaasisanii Qaqqabuu
Namni jireenya isaa injifachuuf qabsoon inni uumama waliin taasisuu fi
walitti dhufeenyi inni humnoota omishaa biroo wajjiin godhu kan
humna isaa hir'isuu fi bu'aa isaaf baay'isu ta'uu qaba. Kun akka ta'uuf
sochiin namaa teekinooloojiidhaan kan gaggeeffame akka ta'u gochuun
barbaachisaa dha. Teekinooloojii yeroo jennu bu'uura isaatiin
barteedhaan meeshaalee fi waantota wajjiin qofaa walitti firoomsuutu
jira. Haa ta'u malee, teekinooloojiin meehsaalee fi waantota irratti
dabalataan dandeettii namaa, adeemsa seera hojii, kenninsa murtii,
walitti dhufeenyaa fi wal-hubannaa irraa kan uumamu dhangala'inaa fi
kuufama odeeffannoo walitti hidhee kan qabate hiika bal'aa kan qabu
dha.
Waan kana ta'eef, ijaarsi humna teekinooloojii humnoota omishaa