text stringlengths 0 196k |
|---|
kanneen ta'an qabeenya uumamaa fi omishtummaa humna namaa ni |
guddisa. Mala omishaa mijataa fi firii qabeessa ta'e ijaaruu fi |
jabeessuudhaaf ni gargaara. Seera diinagdee keessatti walitti |
hidhaminsa adeemsa omishaa si'aawaa fi wal-fudhannaa uumuudhaan |
diinagdee keessatti duudhaan haaraan yookiin fooyya'ina qabu akka |
uumamuuf shoora ol-aanaa taphata. Duudhaan (kalaqni) qabata |
teekinooloojiitti uumame kun omishaa fi tajaajila haaraa yookiin |
fooyya'aa, adeemsa omishuu haaraa yookiin fooyya'aa, akkasumas mala |
misooma gabaa fi haala adeemsa hojii dhaabbilee haaraa yookiin |
fooyya'aa ta'uu danda'a. |
Jijjiiramni teekinooloojii kun faayidaa hamma guddaadhaan otoo wal |
irraa hin citiin guddachaa adeemu kan argamsiisu, adeemsa omishaa |
keessatti galtee fi humnoota omishaa kan qindeessu dha. Kana qofaa |
otoo hin ta'iin teekinooloojiin omisha faayidaa diinagdee ol'aannaa |
qabus ta'uu ni danda'a. Misoomni "teekinooloojiin" galtees omishas |
ta'eef immoo itti fufinsi isaa shakkii keessa hin galu. Omishtummaas haa |
ta'uu misooma mirkaneessuuf kuufamni humna teekinooloojii |
murteessaa fi tapha kan jijjiirudha kan jedhamuufis sababuma kanaan i. |
Amalli teekniiloojii kun kuufama hiyyummaa fi booddeetti hafummaa |
buleeyyii si'aayinaan saphisuuf, darbees jijjiirama wal-irraa hin cinnee fi |
guddina hirmaachisaa galmeessisuuf dhimma murteessaa dha. |
Akkasumas, jijjiirama hawaasaa maralaalessaa fi jireenya fooyya'aa |
fiduudhaaf ijaarsi humna teekinooloojii murteessaa dha. |
Humni teekinooloojii humna biyyoonni waltajjii addunyaa irratti qaban |
kan agargsiisu dha. Haala nama ajaa'buun, garaagarummaan galii |
biyyoota guddatanii fi biyyoota guddinarra jiran kanneen sahaaraa gadi |
giraatan gidduu jiru gara caalu sababa kuufama teekinooloojiitiin kan |
dhufe dha. Biyyoonni addunyaa galii isaanii irratti hundaa'uun biyyoota |
galii guddaa, giddugallessaa fi gadi aanaa qaban jedhamanii akkuma |
qoqqoodaman, haaluma wal-fakkaatuun guddina teekinooloojii isaanii |
bu'uura godhachuun diinagdeen isaanii duraaduubaan biyyoota |
qabeenya uumamaatiin dursan, biyyoota si'aayinaan dursanii fi biyyoota |
beekumsaan dursan jedhamanii ramadamuu danda'u. |
Seera diinagdee beekumsaan durfamu biyyoonni ijaarratan baay'inaan |
galii ol-aanaa warreen qabani dha. Teekinooloojiiwwan otoo addaan hin |
kitiin uuman biyyoota addunyaa biroo kanneen of duuba hordofsiisani |
dha. Humni dorgommii biyyoota kanaa inni guddaan teekinooloojii |
addunyaan yeroo ammaa irra ga'een omishoota haaraa omishuu dha. |
Biyyoonni miiltoo diinagdee si'aayina omishtummaa hordofan |
teekinooloojiiwwan biyyoota beekumsaan durfamanii waraabuudhaan, |
itti fayyadamuudhaanii fi darbee darbee fooyyessuudhaan sadarkaa |
muraasaanis haa ta'uu dirree teekinooloojii keessatti humna ittiin |
dorgoman kan uuman, baay'inaan biyyoota galii giddugaleessaa qaban |
keessaa gara biyyoota galii ol-aanaa qabaniitti dabalamuudhaaf |
kanneen tattaafatani dha. Biyyoonni kunniin sadarkaa idil-addunyaatti |
humni falmii waliigaltee isaanii si'aayina omishaa isaaniiti. |
Biyyoonni galii fi diinagdee sadarkaan isaa gadi aanaa ta'e irratti |
argaman kanneen akka Itoophiyaa diinagdeen isaanii baay'inaan |
qabeenya uumamaa irratti kan hirkate dha. Dirree Addunyaa irratti |
waanti guddaan ittiin wal-dorgoman humna namaa fi kennaa qabeenya |
uumamaati. Sababa kanaan, biyyoota kam irraa illee teekinooloojii |
shamatuu fi itti fayyadamuu irratti kan xiyyeeffatani dha. Yaadonni |
teekinooloojii haaraa fi beekumsoonni kalaqaa biyyoota guddataa jiran |
kan qaqqaban omishaa fi tajaajila teekinooloojii ta'anii gabaarra erga |
oolaniin booddee dha. Kanarraa kan ka'e warraaqsonni misooma |
industirii sadi kanneen addunyaan keenya keessummeessite biyyoota |
gaggeessaa fi hordofaa, fayyadamaa fi kadhataa, godhee |
qoqqooduudhaan daangaa garaagarummaa isaanitti sarareera. |
Biyyoonni guddatan kanneen diinagdee beekumsaan durfamu qaban |
haala mul'atuu fi qaqqabatamuun caasaa diinagdee addunyaatiin, |
hojimaata oomishaa fi tajaajilaatiin, akkasumas ilaalcha lammiilee fi |
sadarkaa jireenyaatiin garaagarummaawwan qabatamaa uumaniiru. |
Bara kana keessa keenyan garaagarummaa wal-fakkaataa akka isaan hin |
ijaarre, harawa akka hin qonne biyyoonni jijjiiramaa fi tarkaanfii isa |
haaraa wajjiin adeemsa wal-simatu gochuutu isaan irraa eegama. |
Biyyoota guddatanii fi duroomaniif teekinooloojii haaraa tokkorraa gara |
teekinooloojii haaraa isa biraatti ce'uun waggoota dhibba shan darbaniif |
kan irra deddeebi'aa fi shaakalaa turan karaa hojoomsaati. Waan kana |
ta'ee, addunyaa amma keessa jirru kana keessatti jalaa ka'anii humna |
teekinooloojii ijaaruudhaaf carraaqqiin godhamu biyyoota guddachaa |
jiraniif hammam bu'a-qabeessa dha gaaffiin jedhu falmisiisaa dha. |
Beekumsa teekinooloojii maddisiisuu fi itti fayyadamuu wajjiin wal |
qabatee barfatanii qaqqabuun akka mallattoo qaroominaan booddeetti |
hafuutti lakkaa'amaa ture. Haa ta'u malee, barfatanii qaqqabuun |
tasumayyuu taphaa ala akka nama hin goone muuxannoon biyyoota |
Baha, Kaaba Baha Eeshiyaa kanneen diinagdee barfatee qaqqabaa |
galmeessisanii ni agarsiisa. Maalumaafuu, barfatanii qaqqabuun bajata |
dorgommii jalqabaa gaggeessuudhaa ba'u ture ni hir'isa. Filannoo |
qoramanii ba'uu ni hanbisa. Odeeffannoo teeknikaa fi gabaa bir-qabaan |
haala salphaa ta'een argachuuf nama dandeessisa. Sababoota kanaan |
dursuu yookaan booddeetti hafuu caalaa barfatanii qaqqabuun |
filatamaadha hamma jechisiisutti qaqqabeera. |
Haala qabatamaa biyya keenyaatiin adeemsi bu'a-qabeessi waanta |
hundumaa jalaa ka'anii ijaaruuf carraaquu caalaa waanta uumame irratti |
galtee dabaluu irratti xiyyeeffachuu dha. Falaasamni misooma |
teekinooloojii biyya keenyaas qajeelfama waliigalaa kanaan otoo |
qajeelfamee gaarii ta'a. Haa ta'uyyuu malee, qajeelfamichi akkuma |
gosaa fi amala teekinooloojii fi industirii sanaatti garaagarummaa |
qabaachuu ni danda'a. akka fakkeenyaatti, misooma qonnaa ilaalchisee, |
karaan bu'aa-qabeessi teekinooloojii amalaa fi haala qabatamaa biyya |
keenyaa wajjiin deemu ofuma humna keenyaan guddisuu ta'uu danda'a. |
Dabalataanis, teekinooloojiiwwan odeeffannoo fi beekumsaa haala |
biyya hundumaatiif jedhamu danda'uun kalaqoota haaraa ariitiidhaan |
guddachaa jirani dha. Waan kana ta'eef, galtee muraasaan (nama |
barate, kompiitaraa fi intarneetii) qabeenya guddaa, si'aawaa fi bu'aa |
qabeessummaa argamsiisuu danda'u ta'uu isaaniitiin baricha wajjiin |
tarkaanfachuun mala bu'aa-qabeessa dha. Ta'us garuu, dameelee |
teekinooloojii hedduu isaaniitiin teekinooloojiiwwan gabaarra oolan |
uumuuf carraaquun sirriis miti, hin fayyadus. Kanaafuu, teeknooloojicha |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.