text stringlengths 0 196k |
|---|
caasaa diinagdee ofii, ji'oogiraafii, amala qilleensaa aadaa fi haalota |
biroo wajjiin wal-simsiisuudhaan haala gaariidhaan itti |
fayyadamuudhaaf dandeettii mataa ofii barbaachisa. |
Biyyoonni guddatan sadarkaa hawaasummaa fi diinagdee uummata |
isaanii ilaalcha keessa galchanii teekinooloojiiwwan badhaadhan waan |
hojjetan i if sadarkaa dandeettii humna namaa biyya keenya keessa jiruu |
wajjiin salphaatti wal hin siman. Kanaafuu, gama teekinooloojii |
ceesisuutiin rakkoon kamillee jiraachuu baatus teekinooloojiiwwan |
biyyoota guddatanii kanneen alaa galanii fi dandeettiin humna namaa |
biyya keenya keessa jiruu wal-simachuu dhabuun isaa bu'aa |
qabeessummaa ni miidha. Wal-simannaa dhabuun kun omishtummaa |
humnoota omishaa waliigalaa, akkasumas firii hojjetaa giddugaleessaan |
gadi bu'aa taasisa. Waan kana ta'eef, humna teekinooloojii duguuganii |
gargaaramuu, fakkeessanii hojjechuu fi fooyyessuu gabbifachuudhaaf |
misooma humna namaa fi qorannoo industirii guddisuu barbaachisa. |
Baroota keessatti ofii dhugaa wajjiin waliigalchisiisuudhaani malee |
faffageessuudhaan addunyaa wajjiin nagaadhaan tarkaanfachuun |
gonkumaa hin danda'amu. Baabura saffisaan imalu keessa hirkoo malee |
gara duubaatti otoo hin kufiin imaluun kan danda'amu baaburicha faana |
wal-qixa saffisuu fi deeggarsa qofaani dha. Haala kamiinuu |
addunyaarratti iddoon keenya akka biyyaatti eegee fi hordoftuu, |
kadhattuu fi kajeeltuu ta'uu hin qabu. Rakkoolee keenya sardamoo |
har'aatiif adeemsawwan ce'umsa teekinooloojii fudhachaa, achumaanis |
damee teekinooloojii boru ittiin dorgomnu filachuu fi hidduudhaan |
warreen kaan wajjiin imaluu qabna. |
Teekinooloojii fudhatanii fayyadamaa barachuu fi kuufama |
teekinooloojii guddisaa deemuun saffisa teekinooloojii addunyaa wajjiin |
fiiguuf barbaachisaa yoo ta'ellee, barnootaa fi qorannoo irratti hojii |
quubsaa hojjechuun ce'umsa teekinooloojiitiin yaadaa fi amala |
fudhattummaa keessaa qaxxaamuraan butee nubaasuu karaa danda'u dha. |
Ta'us Itoophiyaa keessatti bu'aa-qabeessummaan dhabbilee qorannoo |
gad-aanaa dha. Hidhatni dhaabbilee qorannoo, industiriiwwanii fi gabaa |
gidduu jiru dadhabaa dha. Waan kana ta'eef, faayidaa kalaqa keenyaatti |
fayyadamuudhaaf karaan irra deemne baay'ee gabaabaa dha. Kanaaf |
immoo dhaabbilee mootummaa, abbootii qabeenyaa fi dhaabbilee |
beekumsaa gidduutti seerri kalaqa teekinooloojii biyyaalessaa sababani |
ijoon fedhiifi fayyadamummaa waloo bu'uura giddugaleessa godhate |
waan hin diriirreefi. Gabaa wal-dorgommii motora sochoostuu bu'aa |
saayinsii fi teekinooloojii beekumsaa fi carraaqqii ol-aanaa badhaasu |
uumuu barbaachisa. Haaluma wal-fakkaatuun immoo wal-simannaan |
wal-ta'insaa fi ida'amuu jabaachuu kuufamaa fi kalaqa teekinooloojiitiif |
barbaachisaa ta'uun isaa kan hin haalamne dha. |
Abbaan qabeenya dhuunfaa adeemsa omishaa isaa keessatti |
teekinooloojii fi kalaqa beeksisuu, omishtummaa isaa akka dabalu kan |
hubachiisuu fi jajjabeessuu seera daldalaa ijaaruu barbaachisa. Abbaan |
qabeenyaa kaka'umsa ofii isaatiitiin hidhatichi omisha keessa kan isa |
galchu ta'uu beekee dhaabbilee qorannaa wajjiin yoo hidhata uumuu |
baatee fi yoo wal-deeggaruu baatan jijjiirama fiduun ni ulfaata. |
Mootummaan immoo seera kalaqaa kana ijaaruu fi hidhatichi akka |
uumamu gochuudhaaf kaka'umsa isaa yoo fudhachuu baate humna |
teekinooloojii keenyaa guddisuun baay'isee rakkisaa ta'a. |
Adeemsa keessa seera kalaqaa mataa ofii ijaaruun aadaa kalaqaa humna |
nama baratee gabbisuudhaan diinagdicha maxxantummaa beekumsaa |
yeroo maraa irraa kan walaba baasu dha. Dandeettiin kalaqaa humna |
namaa guddachuu fi dandeettiin teekinooloojii gabbachuun gabaa |
keessatti barbaadamummaa humna nama baratee ni dabala. Kunis |
lakkoofsa dargaggeessa baratee saffisaan dabalaa jiru kan fayyaduu fi |
diinagdee kan guddisu dha. |
Seera daldalaa gabaa bilisaa isa kaappitaala maallaqaa qofaa irratti |
hundaa'ee fi abbootiin qabeenyaa muraasni qofaa murteessitoota irratti |
ta'an caalaa humni nama baratee kaappitaala beekumsaa isaa |
fayyadamuun ol'aantummaa abbaan qabeenyaa abbummaa humnoota |
omishaasaatiin argatu ni morkata. Kun yeroo ta'u dargaggeessii fi |
hawaasni duuba isaa jiru fayyadamaa ta'a. |
Kun kan ta'u garuu, mala hidhataa hojiilee kalaqaa gara omishaatti, |
darbees gara gabaatti akka seenan dandeessisu saxaxeessuudhaan |
seera gabaa biyyaalessaa bu'aa-qabeessa ta'e yeroo diriirsine dha. Kunis |
xiyyeeffannoo keenya saayinsii fi teekinooloojii irra ture ceesisuudhaan |
gara seera omishaa fi gabaatti seenuu nudandeessisudhaaf kan |
dandeessisu seera guutuu diriirsuu jechuu dha. |
Diinagdee Beekumsaan Durfamu Ijaaruu |
Hojii diinagdee buyya keenyaa omishamaa fi dorgomaa gochuudhaan |
dirree maakroo-ikonomii tasgabbaa'een guddina saffisaa, hanga bal'aa |
qabuu fi walitti fufinsa qabu mirkaneessuu qabna. Kun ta'uu kan |
danda'u boqonnaa biyyaalessaa hiyyummaa keessaa ariitiin ba'uu, |
nyaataan ofii keenya danda'uu fi gargaggeessaaf carraa hojii amansiisaa |
uumuu arbaachisu irratti waan argamnuufi dha. Yeroo dheeraa irraa kan |
ka'e kaayyoo kana milkeessuudhaaf biyyi keenya akeeka humna |
teekinooloojii gahaa ta'e kan diinagdee beekumsaan gaggeeffamu |
irratti xiyyeeffate ijaaruu qabachuu qabdi. Diinagdeen beekumsaan |
durfamu (knowledge-led economy) misooma fiduudhaaf sirna |
diinagdee itti fufinsaan qusannoo, liqii fi gargaarsa biyya alaa irratti kan |
hin hirkanne of-bitaa fi of-irraa barachaa ofii isaa sirreessaa gahaa of |
taasisu ijaaruu ta'uutu irra jiraata. |
Mul'ata kana jalatti uummata biyya keenyaa hiriirsinee faayinaansii fi |
qabeenya misoomaa barbaachisaa ta'e walitti qabuudhaaf dirqama |
hidhamaa falaasamaa ta'uun nurraa hin eegamu. Furmaanni biyya |
keenyaaf barbaachisu ifa, kan raawwatamuu danda'uu fi rakkoolee |
rakkoolee fi haalota qabatamaa biyya keenyaa keessaa kan maddu ta'uu |
qaba. Haguuggiin isaa waliigalaa gabaa diinagdee beekumsaan |
durfame ijaaruuf dandeessisu bu'uura godhatan imaammatawwan |
diinagdee guddaa, akkasumas kuufama teekinooloojii guddisuudhaan |
si'aayinaa fi omishtummaa humnoota omishaa biyyaa waliigalaa |
guddisuu ta'uu qaba. Seera kana adeemsa eessa cimsuudhaaf |
• 304 • |
ABIYYI AHIMAD |
hirmaannaan mootummaa of eeggannoodhaan guutamee kanneen |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.