text
stringlengths
0
196k
caasaa diinagdee ofii, ji'oogiraafii, amala qilleensaa aadaa fi haalota
biroo wajjiin wal-simsiisuudhaan haala gaariidhaan itti
fayyadamuudhaaf dandeettii mataa ofii barbaachisa.
Biyyoonni guddatan sadarkaa hawaasummaa fi diinagdee uummata
isaanii ilaalcha keessa galchanii teekinooloojiiwwan badhaadhan waan
hojjetan i if sadarkaa dandeettii humna namaa biyya keenya keessa jiruu
wajjiin salphaatti wal hin siman. Kanaafuu, gama teekinooloojii
ceesisuutiin rakkoon kamillee jiraachuu baatus teekinooloojiiwwan
biyyoota guddatanii kanneen alaa galanii fi dandeettiin humna namaa
biyya keenya keessa jiruu wal-simachuu dhabuun isaa bu'aa
qabeessummaa ni miidha. Wal-simannaa dhabuun kun omishtummaa
humnoota omishaa waliigalaa, akkasumas firii hojjetaa giddugaleessaan
gadi bu'aa taasisa. Waan kana ta'eef, humna teekinooloojii duguuganii
gargaaramuu, fakkeessanii hojjechuu fi fooyyessuu gabbifachuudhaaf
misooma humna namaa fi qorannoo industirii guddisuu barbaachisa.
Baroota keessatti ofii dhugaa wajjiin waliigalchisiisuudhaani malee
faffageessuudhaan addunyaa wajjiin nagaadhaan tarkaanfachuun
gonkumaa hin danda'amu. Baabura saffisaan imalu keessa hirkoo malee
gara duubaatti otoo hin kufiin imaluun kan danda'amu baaburicha faana
wal-qixa saffisuu fi deeggarsa qofaani dha. Haala kamiinuu
addunyaarratti iddoon keenya akka biyyaatti eegee fi hordoftuu,
kadhattuu fi kajeeltuu ta'uu hin qabu. Rakkoolee keenya sardamoo
har'aatiif adeemsawwan ce'umsa teekinooloojii fudhachaa, achumaanis
damee teekinooloojii boru ittiin dorgomnu filachuu fi hidduudhaan
warreen kaan wajjiin imaluu qabna.
Teekinooloojii fudhatanii fayyadamaa barachuu fi kuufama
teekinooloojii guddisaa deemuun saffisa teekinooloojii addunyaa wajjiin
fiiguuf barbaachisaa yoo ta'ellee, barnootaa fi qorannoo irratti hojii
quubsaa hojjechuun ce'umsa teekinooloojiitiin yaadaa fi amala
fudhattummaa keessaa qaxxaamuraan butee nubaasuu karaa danda'u dha.
Ta'us Itoophiyaa keessatti bu'aa-qabeessummaan dhabbilee qorannoo
gad-aanaa dha. Hidhatni dhaabbilee qorannoo, industiriiwwanii fi gabaa
gidduu jiru dadhabaa dha. Waan kana ta'eef, faayidaa kalaqa keenyaatti
fayyadamuudhaaf karaan irra deemne baay'ee gabaabaa dha. Kanaaf
immoo dhaabbilee mootummaa, abbootii qabeenyaa fi dhaabbilee
beekumsaa gidduutti seerri kalaqa teekinooloojii biyyaalessaa sababani
ijoon fedhiifi fayyadamummaa waloo bu'uura giddugaleessa godhate
waan hin diriirreefi. Gabaa wal-dorgommii motora sochoostuu bu'aa
saayinsii fi teekinooloojii beekumsaa fi carraaqqii ol-aanaa badhaasu
uumuu barbaachisa. Haaluma wal-fakkaatuun immoo wal-simannaan
wal-ta'insaa fi ida'amuu jabaachuu kuufamaa fi kalaqa teekinooloojiitiif
barbaachisaa ta'uun isaa kan hin haalamne dha.
Abbaan qabeenya dhuunfaa adeemsa omishaa isaa keessatti
teekinooloojii fi kalaqa beeksisuu, omishtummaa isaa akka dabalu kan
hubachiisuu fi jajjabeessuu seera daldalaa ijaaruu barbaachisa. Abbaan
qabeenyaa kaka'umsa ofii isaatiitiin hidhatichi omisha keessa kan isa
galchu ta'uu beekee dhaabbilee qorannaa wajjiin yoo hidhata uumuu
baatee fi yoo wal-deeggaruu baatan jijjiirama fiduun ni ulfaata.
Mootummaan immoo seera kalaqaa kana ijaaruu fi hidhatichi akka
uumamu gochuudhaaf kaka'umsa isaa yoo fudhachuu baate humna
teekinooloojii keenyaa guddisuun baay'isee rakkisaa ta'a.
Adeemsa keessa seera kalaqaa mataa ofii ijaaruun aadaa kalaqaa humna
nama baratee gabbisuudhaan diinagdicha maxxantummaa beekumsaa
yeroo maraa irraa kan walaba baasu dha. Dandeettiin kalaqaa humna
namaa guddachuu fi dandeettiin teekinooloojii gabbachuun gabaa
keessatti barbaadamummaa humna nama baratee ni dabala. Kunis
lakkoofsa dargaggeessa baratee saffisaan dabalaa jiru kan fayyaduu fi
diinagdee kan guddisu dha.
Seera daldalaa gabaa bilisaa isa kaappitaala maallaqaa qofaa irratti
hundaa'ee fi abbootiin qabeenyaa muraasni qofaa murteessitoota irratti
ta'an caalaa humni nama baratee kaappitaala beekumsaa isaa
fayyadamuun ol'aantummaa abbaan qabeenyaa abbummaa humnoota
omishaasaatiin argatu ni morkata. Kun yeroo ta'u dargaggeessii fi
hawaasni duuba isaa jiru fayyadamaa ta'a.
Kun kan ta'u garuu, mala hidhataa hojiilee kalaqaa gara omishaatti,
darbees gara gabaatti akka seenan dandeessisu saxaxeessuudhaan
seera gabaa biyyaalessaa bu'aa-qabeessa ta'e yeroo diriirsine dha. Kunis
xiyyeeffannoo keenya saayinsii fi teekinooloojii irra ture ceesisuudhaan
gara seera omishaa fi gabaatti seenuu nudandeessisudhaaf kan
dandeessisu seera guutuu diriirsuu jechuu dha.
Diinagdee Beekumsaan Durfamu Ijaaruu
Hojii diinagdee buyya keenyaa omishamaa fi dorgomaa gochuudhaan
dirree maakroo-ikonomii tasgabbaa'een guddina saffisaa, hanga bal'aa
qabuu fi walitti fufinsa qabu mirkaneessuu qabna. Kun ta'uu kan
danda'u boqonnaa biyyaalessaa hiyyummaa keessaa ariitiin ba'uu,
nyaataan ofii keenya danda'uu fi gargaggeessaaf carraa hojii amansiisaa
uumuu arbaachisu irratti waan argamnuufi dha. Yeroo dheeraa irraa kan
ka'e kaayyoo kana milkeessuudhaaf biyyi keenya akeeka humna
teekinooloojii gahaa ta'e kan diinagdee beekumsaan gaggeeffamu
irratti xiyyeeffate ijaaruu qabachuu qabdi. Diinagdeen beekumsaan
durfamu (knowledge-led economy) misooma fiduudhaaf sirna
diinagdee itti fufinsaan qusannoo, liqii fi gargaarsa biyya alaa irratti kan
hin hirkanne of-bitaa fi of-irraa barachaa ofii isaa sirreessaa gahaa of
taasisu ijaaruu ta'uutu irra jiraata.
Mul'ata kana jalatti uummata biyya keenyaa hiriirsinee faayinaansii fi
qabeenya misoomaa barbaachisaa ta'e walitti qabuudhaaf dirqama
hidhamaa falaasamaa ta'uun nurraa hin eegamu. Furmaanni biyya
keenyaaf barbaachisu ifa, kan raawwatamuu danda'uu fi rakkoolee
rakkoolee fi haalota qabatamaa biyya keenyaa keessaa kan maddu ta'uu
qaba. Haguuggiin isaa waliigalaa gabaa diinagdee beekumsaan
durfame ijaaruuf dandeessisu bu'uura godhatan imaammatawwan
diinagdee guddaa, akkasumas kuufama teekinooloojii guddisuudhaan
si'aayinaa fi omishtummaa humnoota omishaa biyyaa waliigalaa
guddisuu ta'uu qaba. Seera kana adeemsa eessa cimsuudhaaf
• 304 •
ABIYYI AHIMAD
hirmaannaan mootummaa of eeggannoodhaan guutamee kanneen