text stringlengths 0 196k |
|---|
barbaadan imaammanni industirii fi teekinooloojii deeggaruu fi hojii irra |
oolchuu barbaachisa. Akkasumas, dameen dhuunfaa sochoosaa ol |
aanaa diinagdee akka ta'u mala taasisu dhahuu barbaachisa. |
Kanaafuu, sirreeffamni diinagdee biyya keenyaa itti fufuu dirree |
diinagdee guddaa tasgabbaa'aa kan uumu, haqa hawaasaa kan |
mirkaneessu, akkasumas carraa hojii itti fufaa fi amansiisaa uumu |
qabaachuu akka galmaatti qabaachuu qaba. Haguuggiin faayyessa |
diinagdee kaayyoowwan kana galmaan ga'uu danda'u gabaa fi giddu |
galinsa misoomaawaa walitti qindeessee dhiyeessii diinagdee |
babal'isuudhaaf kan fudhatamu dha. |
Xiyyeffannoon ijoo hagguuggii fooyya'insa kanaa omishtummaa fi |
dorgomummaa kutaa diinagdee dhuunfaa guddisuudhaan guddina |
diinagdee mootumman hoogganamaa ture adeemsa keessa gara |
guddina damee dhuunfaatiin hoogganamuutti ceesisuu dha. Akka kana |
godhamuun isaa diinagdee guddaa keessatti haala tasgabbaa'een |
guddinni isaa otoo booddeetti hin deebi'iin akka itti fufu gochuurra |
darbee hojii dhabdummaa babal'ate salphisuu fi carraalee |
hawaasummaa fi diinagdee biroo uumuuf dandeessisa. |
Omishtummaa diinagdee, si'aayinaa fi dorgomummaa guddisuuf |
xiyyeeffannoon keenya ijoon gaba fi damee dhuunfaa irratti yoo ta'es. |
ramaddiin diinagdee haqa qabeessa ta'e damichi qofaa isaa ni uuma |
yaanni jedhu garuu garraamummaa dha. Omishtummaan seektara |
dhuunfaa guddina diinagdee ariifachiisuudhaan gama qabeenya biyyaa |
guddisuutiin shoorri inni taphatu guddaa dha. Haa ta'u malee, qabeenya |
guddise uummata hundumaafuu bifa haqa qabeessa ta'een hiruu |
jechuu miti. |
• 305 • |
IDA'AMUU |
Wixineen hiyyummaa dhabamsiisuu irratti xiyyeeffate kishaafee |
qoqqooddaa qabeenyaa haqa qabeessa ta'eetiin yeroo ilaalamu |
hiyyummaa "gonka" fi "bir-qabaan" jennee karaa lama ilaaluu ni |
dandeenya. "Hiyyummaa gonkaa" keessatti uummatoota argaman |
ulaagaalee dhaabbataa fudhatamummaa idil-addunyaa qaban irratti |
hundaa'uun hiyyummaa hammaataa keessatti kanneen argamani dha. |
Uummatoonni kunniin hiyyummaa keessaa ba'uudhaaf |
imaammatoonni eegumsa hawaasummaa faayidaarra oolu. Karaa |
hundeerraa ta'e kanaanis lammii hiyyummaa hamaa keessatti argamu |
sarara hiyyummaatii ol gochuudhaaf hojjechuu irratti xiyyeeffata. |
Karaa biraatiin immoo hubannaan hiyyummaa bir-qabaa wal-bira |
qaboo naannoo ilaalcha keessa galchuudhaan guddina diinagdetiin |
fayyadamaa haqa qabeessa ta'uu dhiisuu godhee murtoo kenna. |
Kanaafuu, fayyadamummaa lammiilee haqa qabeessa ta'e |
mirkaneessuuf omishtummaa fi carraaleen hojii hahhaaraa uumuu irratti |
xiyyeeffata. Kaayyoon isaas kalaqa hojii fi investimentiitiif haala mijataa |
uumuudhaan hanga diinagdichaa guddisuu fi carraalee hojii amansiisaa |
fi galii gaarii argamsiisuu danda'an babal'isuu irratti xiyyeeffata. |
Guddinni diinagdee dadhabaa fi harkifataa ta'e karaa naannawaatiin |
fayyadamummaa haqa dhabeessa uumuu danda'a yaada jedhu qaba. |
Haala qabatamaa biyya keenyaatiin tooftaaleen hir'isuu gosoota |
hiyyummaa lamaanuu kan wal-faallessan otoo hin ta'iin wal |
sooruudhaan hojii irra oolfamuu kan qabanmu dha. Waggoota darban |
keessatti hiyyuummaa hamaa hir'isuudhaaf gara caalu sagantaa |
seeftineetii misoomawaa fi imaammatoota biroo hojii irra oolchuudhaan |
carraaqqii taasifamen bu'aan jajjabeessaan galmeeffameera. Haa ta'u |
malee, rakkoon dabalataa fuula keenya dhaabatee jiru seektaroota |
omishtummaa muraasa qaban yookiin adeemsa omishaa keessatti |
humna namaa raawwatee hin galle gara misoomaatti galchuu danda'uu |
dha. Fakkeenyaaf, seektara tajaajilaa biyya keenyaa yoo ilaalle carraa |
hojii dabalatee shoorri danuu inni diinagdeedhaaf gumaachu dabaluu |
irratti argama. Haa ta'u malee, guddinni seektara tajaajilaa kun kan |
summaa'e daldaloota al-idilee fi sektaroota kanfaltii gaarii namaaf hin |
argamsiisne irratti. Damee kana irratti kanneen hirmaata immoo |
baay'inaan hawaasa hiyyeessa ta'uu isaaniitiin jijjiiramni caasaa yoo |
yaadamu dhimmi fayyadamummaa haqa qabeessaa dhugaa kana |
wajjiin wal-bira qabamee madaalamuu danda'a. |
Waan kana ta'eef, tooftaan misoomaa itti aanu inni ijoon guddina |
omishtummaa fayyadamuymmaa haqa qabeessa bu'uura godhate ta'uu |
qaba. Tooftaan kun guddina saffisaa fi walitti fufaa galmeessisuudhaan |
carraa hojii amansiisaa, hiyyummaa hir'isuu fi fayyadamummaa kan |
mirkaneessu guddina wal-harkaa fuudhinsaa wixinee fidu dha. Haa ta'u |
malee, bu'aan qabatamaan akka dhufu tooftaan itti fayyadamnu haqa |
qabeessummaa, omishtummaa fi nageenya lammiilee kan mirkaneessu |
guutuu ta'uu qaba. |
Omishtummaan fayyadamummaa haqa qabeessa mirkaneessu guddina |
yookiin tarkaanfilee dhiyeessi babal'isan bulchiinsa fedhii diinagdee |
jabaa ta'e, babal'achuu bu'uuraalee misoomaa, wal-keessaa fi |
hammayyummaa diinadgee dagaagsuu, industirii wal-dorgommii fi wal |
ta'insa bu'uura godhate, misooma kalaqaa fi teekinooloojii, akkasumas |
barumsaa fi hojii uumtummaa irratti xiyyeeffannoo gochuu qaba. |
Tooftaa Diinagdee Beekumsaan Durfamuutti Ce'uu |
Qeeqni tarsiimoo biyyaa misooma teekinooloojii irratti xiyyeefate irratti |
deddeebi'ee dhiyaatu, misoomni teekinooloojii hammuma saffise |
maashinoonni namoota bakka bu'aa waan deemaniif carraan hojiin |
diinagdee sanaa ni hir'ata kan jedhu dha. Falmiiwwan akkasii kunniin |
biyya keenya keessattis gareedhaan qoodamanii kan gaggeeffaman yoo |
ta'an, karaa tokkoon industiriiwwan humna namaa bal'inaan |
fayyadaman qofaa jajjabeessuu qabna kanneen jedhanii fi karaa |
biraatiin industiriiwwanii fi teekinooloojii beekumsa haaraa bal'inaan |
gargaaraman misoomsuu qabna jedhanii falmu. |
Teekinooloojiin "carraa hojii hir'isa" falmiin jedhu biyya keenya keessa |
qofaa kan jiru otoo hin ta'iin, yeroo warraaqsi industirii Ingiliz keessatti |
uumame irraa kaasee falmii ture dha. Kanarraa kan ka'e, "falmii ludaayit" |
moggaasni jedhu kennameeraaf. Ludaayitoota kanneen jedhaman |
yeroo sanatti warshaa huccuu Ingiliz tokko keessa namoota hojjetani |
dha.yeroo sana maashiniin huccuu hojjetu haaraan hojii keessaa nu |
baasuu fi sodaa jedhuun falmiif ba'anii haariidhaan maashinicha |
caccabsuu isaanii irraa kan ka'e carraa hojii fi fayyadama teekinooloojii |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.