text
stringlengths
0
196k
gidduu walitti bu'insa bu'uuraa jiru kana ibsuuf "falmii ludaayit" ibsi
jedhu beekamaa ta'uu danda'e.Haa ta'u malee, qorannoolee damee
kanaan qoratamaniin guddinni teekinooloojii carraa hojii ni hir'isa
falmiin jedhu qabatamaa akka hin taane hanga tokko mirkanaa'eera
jedhanii goolabuun ni danda'ama. Kanarra guddinni teekinooloojii
akaakuu fi amala hojichaa bu'uura isaarraa ni jijjiira. Guddinni
teekinooloojii carraa hojii amalaa fi hojii humnaa diinagdichaa bal'inaan
fayyadaman irraa gara warra beekumsa bal'inaan gargaaramanii fi
kanfaltii fooyya'aa argamsiisaniitti jijjiira. Waan kana ta'eef, namoonni
teekinooloojiin carraa hojii hir'isa jedhanii yaadan hiikni isaan kennan
haalota yeroo gabaabaa qofa ilaalcha keessa kan galchu dha. Kanaafuu,
faayidaa biyyaalessaa yeroo dheeraa wajjiin wal-bira qabamee yeroo
ilaalamu diinagdichi teekinooloojii fi beekumsa gara hojii fayyadamuutti
akka xiyyeeffatu taasisa.
Addunyaan gara diinagdee beekumsaan gaggeeffamuutti haala ittiin
seentee jirtu kanaan qonnarraa gara industiriitti jijjiirama caasaa
fiduudhaaf biyyi keenya carraaqaa jirti. Biyyi keenya sadarkaa
addunyaatti akka sochii industiraalaayizeeshinii fi ijaarsa "seera
kaappitaalistii" jaarraawwan lama fudhateetti deemuun ishii irraa
eegamaa laata gaaffii jedhu kaasuun barbaachisaa dha. Daandii warri
dhidhimaa irra deeman irra deemuun bara kanatti, keessumaayyuu
biyyoonni guddinarra jiran kanneen akka Itoophiyaa rakkoo diinagdee
wal-xaxaa qaban akka isaan hin baasne beekuu barbaachisa. guddinni
industirii inni dheeraan biyyoonni guddatan abbaa qabeenyaa
diinagdee fi siyaasaan jabaate, hawaasa galii giddugaleessaa jabaa
qabuu fi ol'aantummaa yaada gabaa bilisaa adeemsa yeroo dheeraa
keessa ijaaruudhaan bu'uuraalee seera kaappitaalistiitiif mijatoo ta'an
uumeera. Haa ta'u malee, akka Itoophiyaa biyyoonni guddachaa jiran
sirna kaappitaalistii haqa hawaasummaa mirkaneessu ijaaruudhaaf
bu'uurri hawaasummaa isaan qaban adda ta'uu isaatiin tooftaa ittin
furguggifamuu qopheeffachuu isaan barbaachisa.
Tooftaa furguggifamuutiin bu'a qabeessaa fi si'aawoo kan hin taane
yookiin duraa duuba oomishaa qilleensa naannoo faalan irra utaaluu,
karaa oomishaa fooyya'ee fi adda ta'een adeemuu dha. Yeroo ammaa
kana biyyi keenya humna ittiin furguggifamuu kana uumuudhaan
misooma itti fufiinsa qabu fiduu kan ishiin dandeessu faayidaawwan
barfatanii qaqqabuu teekinooloojiin fidee dhufe dhiigsanii itti
fayyadamuudhaan diinagdee beekumsaa fi tajaajilaan durfamu
misooma industirii wajjiin ijaaruudhaan akka ta'e shakkii hin qabu.
Meeshaan guddaan diinagdee beekumsaa fi tajaajilaan durfamu
misooma teekinooloojii fi humna namaati. Kanaafuu, bara amma keessa
jirru kana keessatti diinagdee beekumsaa fi tajaajilaan durfamu ijaaruuf
yeroo dheeraa fudhachuun nu barbaachisuu dhiisuu danda'a. Dhawaala
dhawataan jijjiirama qonna rraa gara industiriitti, achi is gara jijjiirama
caaseffamaa diinagdee beekumsaa fi tajaajilaan durfamuutti fiduudhaaf
carraaqqii goonu qofaa otoo hinta'iin adeemsa lamaan isaan iyyuu wal
faana ijaaruu malleen saffisiisu yookiin karaa qaxxaamuraa uumuu
danda'an baasuun nurra jira.
Biyya kanaaf fakkeenya gaarii kan nuuf taatu Hindi yoo taa'u, haalota
industiriin duraa fi industiriin boodaa walitti maktee deemtu guutumaan
guutuutti misooma industirii biyyaa hin mirkaneessine dha. Adeemsi
Hindii misooma industirii wajjiin wal-bira qabamee yeroo ilaalamu
hanqina mataa isaatii qaba. Kun akkuma jirutti ta'ee, humna namaa
hedduu damee beekumsaa fi tajaajilaatiin baasii salphaadhaan
bobbasuudhaan oomishtoota gootee karaan ishiin diinagdee
guddisuudhaaf itti fayyadamte kan irraa baratamuu qabu dha.
Kanaafuu, biyya keenya keessatti sekteroota baraman qofaa otoo hin
ta'iin baay'inaa fi wal-keessa galuu sekteroota beekumsaa fi tajaajilaa
bal'isuudhaan malli humni nama baratee baay'inaan akka keessatti
hirmaatu gochuu industirii babal'isuu cinaatti xiyyeeffannoo kennuufiin
barbaachisaa dha.
Dabalataanis rakkoo oomishtummaa biyya keenyaa hiikuudhaaf ilaalcha
addaa guddisanii yaaduu fi furmaata addaa maddisiisuu barbaachisa.
Tooftaan furguuggifamuu biyya keenya keessatti gufuuwwan
misoomaa kanneen akka dhabiinsa faayinaansii, hanqina dandeettii,
dadhabina kenniinsa tajaajilaa, dhiyeessii elektiriikii jiraachuu dhabuu fi
gufuu kana faffakkaatan ce'uu gaafata.
Gufuuwwan kunniin inveestimeentii sektera dhuunfaatiif akka carraa
gaariitti fudhachuudhaan seerri faayinaansii hirmaachisaa ta'e akka
uumamu kanneen godhan teekinooloojii quunnamtii moobaayilaa fi
kanneen biroo, dhiyeessiin humna elektiriikaa haaromfamuu kan gadi
diriire akka babal'atu kanneen dandeessisan teekinooloojiiwwan aduu,
qilleensaa fi baayoogaazii, akkasumas seerri kenniinsa tajaajilaa fi
oomishaa si'aawaa ta'e akka diriirfamu kanneen dandeessisan
teekinooloojiiwwan odeeffannoo fi kalaqawwan haaraa kkf ... gara
sadarkaalee uummataa fi dhaabbilee gadi aanuutti akka qaqqaban
tooftaa ittiin goonu hordofuu nubarbaachisa.
Dabalataanis, tooftaan utaalchaa kun mootummaarraa gaaraa-gadi kan
bu'uu fi tooftaalee uummanni guyyaa guyyaatti uumama ittiin injifatu
irraa fudhatamee qindoomina tarkaanfiilee gara oliitti ba'an ta'uu qaba.
Tarkaanfiileen kunniin inveestimeentii bu'uuraalee misoomaa
hawaasummaa fi diinagdee irratti adeemsifaman, keessumaayyuu
misooma humna namaa irratti kalaqawwan bizinesii haaraa dhaabbatan
jajjabeessun daangaan dhaabbilee seeraa, akkasumas qorannoo
saayinsii, teekinooloojiitiif onneerraa xiyyeeffannoo kan kennu murtoo
gaggeessummaa dabalata. Waan kana ta'eef, carraa gaarii yeroon isaa
nuuf kennetti gargaaramuun tooftaa misooma teekinooloojii
qaxxaamuraa baasuudhaan sekteroota uumama irratti hirkatanii jiran
ofii isaaniitiif jijjiirama bareedaa akka fidan gochuudhaan diinagdee
beekusaa fi tajaajilaan durfamu ariitiidhaan adeemsa ijaaruu keessa
seenuu nu barbaachisa.
Haalli diinagdee addunyaa si'anaa, induustiriiwwan beekumsaa
bal'inaan gargaaraman misooma dorgomummaa fi itti fufiinsa qabu
akka galmeessisan kan kaayyeffate dha. Karaa biraa, diinagdeen
biyyoota addunyaa sadaffaa amma ammaatti sadarkaa ol-aanaadhaan
qabeenya uumamaa fi qonna irratti maxxanee haala ittiin turetu
hubatama. Karaa biraa beekumsa jechuun kuufamni isaa waanta
guddachaa deemudha malee akkuma qabeenya uumamaa adeemsa
yeroo keessa kan haphachaa deemu miti. Diinagdeen kuufama
beekumsaa irra dhaabate yeroo hundumaa guddachaa kan deemuu fi