text
stringlengths
0
196k
itti fufinsi isaas amansiisaa kan ta'e yoo ta'u, diinagdeen qooda kanaa
uumama irratti rarra'e garuu waanta dhumu irra kan dhaabate waan
ta'uufjiraachuu biyyaa fi itti fufinsa hawaasaa kan qoru dha.
Akka waliigalaatti, biyyi keenya jaarraawwan hedduudhaaf seera
mootummootaa fi falaasamoota garaagaraatiin kan gaggeeffamte yoo
ta'ellee, qabsoon uummanni keenya jireenya isaa injifachuuf uumama
wajjiin taasisu jalaa hin baane. Jireenyi qabsoo bu'uuraatiin liqimfame
akka kanaa kun agarsiistuuwwan gurguddoo lama qabu. Inni duraa,
tattaaffiin namni godhu hammamillee carraaqqii fi dhamaatiidhaan kan
guutame ta'uyyuu, bu'aan argamu baay'ee muraasa; yaaddoowwan
akka hanqina bokkaatiin dafqasaa kan hin madaalle ta'uu isaati.
Hirkattoota uumamaa ta'uun keenya kun hammam akka nu miidhe kan
agarsiisu dha. Sababa kanaatiin horsiisee bulaa fi qotee bulaan biyya
keenyaa hedduun, akkasumas hawaasni guutummaatti waanjoo
hiyyummaa jala turuudhaaf dirqameera. Agarsiistuun inni lammaffaa fi
agarsiistuu jalqanaa wajjiin walitti hidhata qabu immoo namni mana
hidhaa hiyyummaa keessa jiraatu nyaatasaa guyyaatiif yaadda'uu fi
dhiphachuurra darbee qabeenya kuufatee, kalaqa sammuu irratti
bobba'uuf yeroos ta'e boqonnaa argachuu dhiisuu isaati.
Sababa agarsiistuuwwan kanaatiin biyyoonni seenaa kan keenyarra
xinnaa ta'e qaban nu darbanii deemaniiru. Duudhaalee hawaasummaa
hammayyaa, akkasumas hojimaatawwan siyaasaa fi diinagdee kalaqanii
ofii isaaniitii fi biyyoota biraatiif ibsaa ta'aniiru. Faallaa kana senaa
xooxeffame kan qabdu biyyi keenya qaroomina seenaa ishee kabajamaa
durii madaalu saxaxuudhaan akka durii gaggeessituu giddugala
daldalaa fi falaasamaa addunyaa ta'uu dadhabdeetti.
Haala gaddisiisaa kana hubachuun dhalli namaa ofii fi ijoollee isaa
nyaachisee bulchuuf qabsoo uumama wajjiin taasisu injifachuuf
bu'uuraaleen misoomaa fi teekinooloojiin meeshaalee furtuu ta'uu
isaanii hubachuudhaan waggoota lSnan darbaniif mootummaan
qabeenya namaa fi kaappitaalaa biyyittii hedduu gara ijaarsaa fi
tamsaasa bu'uuraalee misoomaatti ramadeera. Yaada ka'umsaa kanaa
bu'uuraaleen misoomaa sochii oomishaa namootaa irratti miidhaa fi
sodaa uumama irraa isa mudatu keessaa ba'uu kan danda'uu fi
dhamaatii isaa hir'isee oomisha isaa haala gaariin kan bal'isu
bu'uuraalee misoomaatiin yeroo deeggaramee fi teekinooloojiidhaan
yeroo fayyadame dha. Gama kanaan ijaarama godhameen jireenya
uummata keenyaa irratti jijjiiramni qabatamaan mul'ateera, umuriin
jiraachuu giddugaleessaa dabaleera, hiyyummaan hir'iseera, fooyya'insa
jireenyaa irratti dhiyeessi tajaajilootaa mureteessaa ta'an babal'ataniiru.
Injifannoon seena-qabeessi kun hundumtuu yoo galmeeffameyyuu,
waanti murteessaan tokko garuu baay'ee hin jijjiiramne. Uummanni
keenya maxxantummaa mootummaa fi qaamolee alaa irraa bilisa ba'ee,
firii yaada sammuu isaatiin kaka'umsa horatee, hawaasaaf duudhaa
dabalee, ofii isaa fi warreen kaaniif badhaadhina uumee gara jireenya
sammuu wal-qixxaataa hammayyaawaatti hin ceene.
Kanaafuu, dargaggeessi maatii isaa fi akaakayyuu isaa caalaa umurii
dheeraa akka jiraatu beeku, dhiyeessii barumsaa, fayyaa fi kanneen
biroo kan isa qaqqabe, amma qabiinsa guddina diinagdee irratti kamii
guddaa dhiyeessii irratti argama. Sababni ka'umsa kamii kanaa dhalli
namaa uumama isaatiin nyaatee fi baratee qofaa otoo hin ta'iin, keessa
isaa humna jiruu fi dandeettii sammuu isaa gargaaramee galtee dabaluu
fi dhaloota itti aanuuf seenaa kaa'ee darbuuf fedhii fi hawwii ol-aanaa
kan qabu ta'uu isaati. Waggoota 28tiin duratti mootummaan ofii isaatii
gaaffiin inni dhiyeesse akkamitti lammiilee beelaa fi daaruu irraa oolchu?
Tajaajiloota jireenya isaanii fooyyessan akkamitti dhiyeessu? kan jedhu
ture. Amma immoo gaaffiin uummata irraa mootummaaf dhiyaate,
seerri siyaasaa fi diinagdee kan lammiileen kalaqaa fi carraaqqii isaanii
gara badhaadhummaatti akka jijjiiraniif dandeessisu nuuf haa ijaaramu
kan jedhu dha.
Gaaffiin kun diinagdee biyya keenyaa keessatti ibsituu abshaalummaa
uumama dhala namaa kan ta'e sekterri dhuunfaa taatummaa ijoo akka
qabatuu fi mootummaan immoo shoora deeggarsaa irratti akka
xiyyeeffatu ce'umsa ergamaa kan barbaadu dha. Kallattiin kun
injifannoo fi hanqina waggoota darban keessatti argame, fedhii onnee
uummata keenyaa fi eenyummaa uumamaa dhala namaa giddugaleessa
godhate, badhaadhummaa sammuu dhuunfaa fi hawaasaa ijaaruuf
tooftaa sababaati.
Kallattii haaraa kana tarkaanfachuun dhimma seera waraqaa jijjiiruu miti.
Seerota qindoomina dhabanii fi nama hojjechiisuu hin dandeenye
jijjiiruun barbaachisaa ta'ee otoo jiruu, garuu gahaa hin ta'u.
Dabalataanis, lammiin hundi mootummaa fi qaamolee biroo irraa kan
eegu, beekees haa ta'u otoo hin beekiin amala tarkaanfachiisu akka
geeddaru taasisa. Amalli ilmoo yaadaati. Yaanni yoo geeddaramee fi yoo
sirreeffame seeronni amala bifa qindaa'een jijjiiran, caaseffamni
dhaabbilee fi seeronni amala qajeelchan biroon akkamitti fooyyeffamuu
akka qaban ifa ta'a.
Kanaafuu, tarkaanfiilee fooyyessa diinagdee keenyaa yeroo bocannu,
sadarkaa barbaadamuun guddachuu dadhabuu omishtummaa biyya
keenyaatiif sababoota kanneen ta'an hanqina mootummaa, gabaa,
hawaasa siiviilii fi dhaabbilee barnootaa ni deebisna. Hanqina isaan
kanaatiif sababa isa tokko kan ta'e akkaataan yaaduu dhaabbanni tokko
yookiin gurmuun dhaabbilee seera isaa isa uumamaatiin bu'a-qabeessa
ta'uu yoo dadhabe hojii dhaabbilee kana irraa eegamu gara abbootii
birootti naannessuu barbaachisa qajeelfama jedhu dha. Fakkeenyaaf,
dameen dhuunfaa shaqaxoota fayyadama bu'uuraa dhiyeessuu
dadhabuun yoo irratti mul'ate hojii kana gara gateettii mootummaatti
naannessuu jechuu dha. Yeroo kana goonu garuu damee dhuunfaa
caalaatti quucarsaa jirra. Sektrri dhuunfaa dhiyeessii kana dorgomuun
otoo hojjatee faayidaa qabeenya qusachuu argannu dhabaa jirra.
Kanaafuu, gara fuulduraatti diinagdeen keenya guddina hundumaaf
qaqqabu akka nuuf argamsiisuuf rakkoo ga'umsa dhabuu dhaabbilee
kan hiiknu ergama isaanii dhaabbilee kana irraa butuun ta'uu hin qabu.
Dhaabbileen kunniin milkaa'oo akka hin taane rakkoolee caaseffamaa fi
kanneen biroo isaan mudatan addaan baasnee hubachuudhaan mala
barbaaduudhaan ta'uu qaba. Kana yeroo goonu shoorri akaakuuwwan
dhaabbilee afranuu (mootummaan, sekterri dhuunfaa, hawaasni siiviilii
fi dhaabbileen barnootaa) qaban kan bakka hin buufamne ta'uu dhiisuu
isaatiif beekamtii ni kennina.
Kurfiin dhaabbilee kanaa ofeeggannoo fi sababa irratti hundoofnee