text
stringlengths
0
196k
seera gaggeessummaa keessaa isaanii, wal-simannaa alaa isaanii, haala
bu'a-qabeessummaa mirkaneessuun yoo ijaaruu baanne hir'inni isaaniif
hin oolu. Hir'inoota kana kan guunnu mootummaan tajaajila hawaasaa
isarraa eegamu dhiyeessuu fi shoora seera kabachiisuu yeroo taphate
dha. Haala dhaabbilee kaan ga'eeyyii taasisuun seera taphichaa yeroo
uumuu fi raawwachiisu dha. Hir'ina sektera dhuunfaa kan guunnu
hanqina kaappitaalaa fi wal-makuu biirookiraasiitiin dhiibbaa irra
qaqqabu salphisuudhaan, akkasumas haala haqa qabeessa, hawaasa
bal'aaf badhaadhina uumuun akka kaka'u gochuu dhaani. Gama kanaan,
xiyyeeffannoon ijaarsa seera diinagdee ida'amu u shoora dhaabbilee fi
seektarootaa addaan baasuu, shoora isaanii si rriitti akka taphatan
caasaa fi adeemsa hojii waliigalaa sirreessuu ta'a.
Naannoowwan garaa garaa addunyaa keenyaa keessatti
jijjiiramoonni uumamaa jiran heddummatanii jiru. Haalli hiriira
humna naannolee qubsuma siyaasaa gegeeddamaa fi ariifataa
ta'ee jira. Caasaaleen hidhataa baay'atanii jiru. Addunyaa yeroo kam
iyyuu caalaa sadarkaa ol-aanaadhaan wal-hidhee jiru kana keessatti
mudannoowwann aardii, biyyootaa fi naannolee keessatti uumaman
akka baroota darbanii iddoodhuma sanatti daangeffamanii hafan miti;
haalli kun geeddaramee jira. Kanarraa kan ka'e, adeemsa siyaasaa fi
diinagdee addunyaa keenyaa keessatti xiyyeeffannoo yeroo amma jiru
addaan baafachuun qormaata guddaa ta'eera. Haa ta'u malee, faayidaa
inni qabu irraa kan ka'e xiyyeeffannoowwan kana balballoomsuunii fi
yaaliin fuulduraaf raaguu, hanqinuma qabu wajjiinillee haa ta'u malee,
waanta dhaabsifamu miti.
Bu'uuruma kanaatiin xiyyeeffannoowwan addunyaalessaa gurguddoo
sadi kannenn haala qabatamaa biyyaalessaa agarsiisan boqonnaa kana
jalatti ibsamuuf yaalamaniiru. Isaan kunis, walitti gaarreffannaa biyyoota
gurguddoo fi taatonni walitti dhufeenya addunyaalessaa lakkoofsaan
heddummachuu, tarkaanfileen walitti siqeenyaa fi wal-deeggarsa
biyyootaa kan sadarkaa Afriicaattis haa ta'u sadarkaa biyyootaatti
godhaman cimaa dhufuu, sabummaan caalee ba'uu fi paartiileen sabaa
yeroo gabaabaa keessatti fudhatamummaa argachaa dhufuu isaaniiti.
Xiyyeeffannoowwan gurguddoo afran kunniin akka armaan gadiitti
bal'inaan ibsamaniiru.
Wal-dorgommii fi Heddummaachuu Biyyoota Humna Qabanii
Wal-dorgommiin biyyoonni diinagdeedhaan guddatanii fi siyaasaan
ijaaraman dhiibbaa siyaasaa daangaa biyya isaaniitiin alatti babal'isuuf
taasisan seenaa waliti dhufeenya addunyaa isa tokko dha. Wal
dorgommii kana hordofuunis waraanni uumamu ibsituu walitti
dhufeenya addunyaa isa idilee ta'ee aaf tureera. Dhuftee amala
dulloomaa kanaa kan ta'e wal-dorommii fi walitti gaarrffannaan siyaasaa
fi diinagdee Ameerikaa fi Soovi'eet gidduutti godhamaa ture biyyoota
addunyaa iddoo lamatti qooduun yaadaan wal-falmisiiseera.
Haa ta'u malee, falmiin kun diigamuu tokkummaa Soovi'eetiin booddee
injifachuu garee warra lixaatiin erga goolabamee as Ameerikaan aangoo
addunyaalessaa qofaa ishii to'atteetti. Kanaanis tasgabbaa'uu
addunyaalessaa hanga tokko kan uume, seera addunyaa utubaa tokkoo
gabaa bisisaa bu'uura godhate diriirsuun danda'ameetu ture. Haa ta'u
malee, seerri nagaa fi gabaa bilisaa abbaa utubaa tokkoo eegdummaa
ol-aanaa Ameerikaatiin diriire faayidaawwan hedduu fi haalawwan
haaraa ta'an fideera. Biyyoonni diinagdee isaanii isa waraanaan
barbadaaye yeroo gabaabaa keessatti akka fooyyeffatan taasiseera.
Biyyoonni humna qabeeyyii Eeshiyaa fi Awurooppaa kanneen
dadammaqina siyaasaa uuman akka uumaman karaa baneera. Sababa
kanaanis, seerri siyaasaa fi diinagdee addunyaa keenyaa abbaa utubaa
hedduu akka ta'u karaa baneera.
Biyyoonni kunniin dhiibbaa siyaas-naannoo isaanii isa ture
deeffachuudhaaf carraaqqii ol-aanaa gaggeessaa jiru. Sochiin isaan
gochaa jiran kun wal-dorgommii fi walitti gaarreffannaa maralaalaa
humneeyyii kanaa dhaleera. Wal-dorgommii fi walitti gaarreffannaan
kun waggoota darban keessatti haala siyaas-naannoo addunyaa
keenyaa isa ol'aantummaa gonkaa Ameerikaatiin diriiree ture tasgabbii
irraa gara harkifaminsaa, walitti gaarreffannaa fi tasgabbii dhabuutti
qajeelcheera. Wal-dorgommiin biyyoonni kunniin daangaa ofii isaanii
dhiibbaa keessatti uuman uummachuuf qofaa qofaatti taasisaa jiran
akka hiriirri humnaa addunyaa kanaa gegeeddaramaa ta'u karaa
baneera.
Kana waan ta'eef, qabiyyee bu'uuraa walitti gaarreffanaa humneeyyii
addunyaalessaa keessatti argamnu ibsoonni hubachuuf yaalan waraana
qorraa wabii godhatu. Ta'us garuu, walitti gaarreffannaan humneeyyii
yeroo ammaa kana jiru yoo xiqqaate amaloota isaa dadii warreen duraa
irraa adda ta'a. Inni duraa, wal-dorgommii falmii yaadaa garee lamaa
kan yeroo waraana qaraa ture; kan humneeyyii lamaan gaggeeffamaa
turetu ture. Wal-dorgommiin yeroo ammaa kana jiru taatota lamaa ol
kan hirmaachisuu fi walitti rigannaa kallattii hedduu kan qabu ta'ee jira.
Biyyoonni kanaan dura sadarkaa walitti gaarreffannaa irra gahanii hin
beeknee fi hiriira siyaasaa isaaniitiin gara garee tokkootti warreen
ramadamaa turan haalli isaan gara rigannaatti itti qajeelan bal'inaan
hubatamee jira.
Biyyoonni Awurooppaa fi Ameerikaa Kaabaa yeroo waraana qorraa
dhaabbata waadaa waraanaa Kaaba Atilaantik keessatti hammatamanii
kaampii tokko keessa jiraachaa turan ejjennoodhaan gargar ba'uun
isaanii baramaa dhufeera. Garaagarummaawwan naannoo walitti
dhufeenyawwan daldalaa fi loltuummaatti uumaman irraa kan ka'e
waliigalteewwan nageenya waliinii illee otoo hin hafiin gaaffii keessa kan
galchu, wal-shakkii fi dhiphina keessatti haalli itti argaman uumamee
jira. Rakkooleen kabajuu fi kabajuu dhabuu keeyyata weerara loltummaa
waliin qolachuu ilaalltu kan qaama waliigaltee bu'uuraa dhaabbata
waliigaltee waraanaa Kaaba Atilaantik wajjiin wal-qabatee ka'an kanaaf
agarsiistuuwwan kan ta'ani dha.
Biyyoonni dhihaa yeroo waraana qorraa garee bahaa keessatti hiriiranii
giddu galeessummaa Soovi'eetiin gara barbaadetti qajeelfamaa turan
biyyoota humnoomaa tokkoon hin gaggeeffamne ta'aniiru. Kanarra
darbee hundumtuu karuma mataa mataa ofii bobba'uun haalli faayidaa
ofii itti adamsuu fi walii walii isaatiif walitti gaarreffannaa keessa itti
seenu uumamee jira. Veetnaam ishiin barootaaf ejjennoowwan faallaa
Ameerikaa ta'an calaqqisiisuun beekmtu yeroo ammaa kana wal