text stringlengths 0 196k |
|---|
deeggarsa loltummaa dabalatee Ameerikaa wajjiin waliigaltee waliinii |
baay'ee bal'aa ta'e gaggeessuudhaan karaa |
galaanaa Chaayinaa dhaabsisuuf yaalaa jirti. |
Inni lammaffaan, dhimmi wal-dorgommii biyyoota humna qabeeyyii |
adda taasisu siyaasa caalaa bifa diinagdummaa fi loltummaa qabachuu |
isaati. Kanaan dura wal-dorgommiin biyyoon humna qaban taasisan |
siyaasa irra kan naanna'u ture. Yeroo ammaa kana garuu sadarkaa |
addunyaatti wal-dorgommiiwwan siyaas-naannoo taasifamaa jiran |
irratti iddoon wal-falmiin yaadaa qabu haphachaa dhufee halli |
ol'aantummaa diinagdee fi loltummaa argachuun murteessaa itti ta'e |
uumammeera. Poolisiin walitti dhufeenya biyya alaa yeroo waraana |
qorraa babal'achuu falmii yaadaatiif jedhamee gargaarsawwan |
diinagdee biyyaa miidhan illee otoo hin hafiin hamma godhamanitti |
qaqqabsiise yeroo ammaa kana hin jiru. Qabsoon ol'aantummaa falmii |
yaadaatiif taasifamu cinaatti dhiifamee badhaadhummaa diinagdee |
eeguu fi itti fufsiisuuf mala murteessaa galmaa ta'eera, |
Waliigalteewwan ol'aantummaa siyaasaa fi diinagdee mirkaneessuuf |
dandeessisan taasisuun, kooliidariiwwan galaana irraa daldala |
addunyaawaa furtuu ta'an to'achuu fi nageenya isaanii eegsisuun, |
sararoota lafa irraa akka filannootti tajaajilan diriirsuun, akkasumas liqii |
fi kennaa dhiyeessuudhaan bilisummaa diinagdee biyyootaa to'achuunii |
fi dhiyeessii meeshaalee dheedhii amansiisaa taasisuun galmawwan |
murteessaa ji'oo-istiraateejikii ta'aa dhufaniiru. Waan kana ta'eef, biyyi |
keenya, karaa tokkoon, bilisummaa siyaasaa haalichi uumu fayyadamuu; |
akkasumas karaa biraatiin, hirkattummaa diinagdee hir'isuudhaan |
filannoowwan walitti dhufeenyawwan daldalaa bu'aa qabeeyyii ta'an |
ittiin taasisuun danda'amu addaan baafachuun hojjechuu qabdi. |
Amalli addaa wal-dorgommii biyyoota humna qabanii si'anaa inni |
sadaffaan, taatonni miti-mootummaa ta'an heddummachuu fi hunma |
irra caalu argachuu isaaniiti. Haala addunyaa keessatti argamnuu |
keessatti qaamoleen miti-mootummaa guddina siyaasaa, diinagdee fi |
teeknooloojii irraa kan ka'e dandeettiin siyaasaa isaanii guddateera. |
Waan kana ta'eef, taatonni kunniin karaa hundaan mootummaa irratti |
dhiibbaa haalli isaan itti gochuu danda'an uumamee jira. Moototarratti |
dabalataan dhaabbileen walitti dhufeenya mootummootaa kanneen |
miti-mootummaa ta'anii, dhaabbileen tola ooltummaa, |
kaampaaniiwwan gurguddoo fi kanneen biroonis dhiibbaan isaan |
uumanii fi waliin ga'insi isaanii biyyoota hundumaa irratti daangaa |
malee kan qaqqabu ta'uun isaa ba'ee mul'achaa dhufeera. Waan kana |
ta'eef, taateewwan idileetiin alatti dhaabilee kana wajjiin walitti |
dhufeenya gaarii uumuudhaan faayidaa fi fedhii biyya keenyaa |
eegsisuuf socho'uun barbaachisaa dha. |
Akka fakkeenyaatti, shororkeessitoonni iddoowwan addunyaa keenyaa |
qoroomina irraa fagoo jiran keessa riphanii jiran teeknooloojii akka |
meeshaatti gargaaramuudhaan dhiibbaan isaan geessisaa jiran kanaaf |
agarsiistuu gaarii dha. Dargaggoota iddoo fagoo irratti argaman |
mankaraarsa amantiitiin fayyaduun gocha shororkeessummaa akka |
raawwatan isaan taasisu. Uummanni irratti xiyyeeffatame |
shororkeeffamee mootummaan poolisii isaa akka geeddaru haalli ittiin |
taasifamu mul'ateera. Dabalataanis, dhaabbileen siyaasaa fi diinagdee |
idil-addunyaa kanneen miti-mootummaa ta'an aangoo murteessuu |
mootummootaa rakkoo keessa galchuurratti argamu. Akka fakkenyaatti |
dhiibbaa dhaabbilee teeknooloojii ilaaluun nidanda'ama. Karaa |
tokkoon, guddinni teeknooloojii namni daangaa lafaa kam irraa iyyuu |
jiru odeeffannoo akka argatu gochuudhaan yeroo beekumsaaf fudhatu |
gabaabsuudhaan carraa gaarii uumee jira. |
Karaa biraatiin garuu, biyyoonnii fi namoonni dhuunfaa sadarkaa ol |
aanaa irra jiran guddina teeknooloojiitiinis caalaatti jabaachaa |
garaagarummaan isaan gidduu jiru akka bal'atu taasisuudhaan |
qoqqoodaminsa teeknooloojii uumuu isaatiin biyyoonni booddeetti |
hafoon caalaatti booddeetti hafummaadhaan akka rakkatan taasisa. |
Kanaafis, odeeffannoowwan sobaa miidiyaaleedhaan tamsaasaman |
wajjiin wal-qabatee qaawwaa uumamu akka fakkeenyaatti fudhachuu |
dandeenya. Ameerikaan odeeffannoowwan sobaa filannoo ishii irratti |
dhiibbaa dhibbeentaa 0.004 qaqqabsiiseera sababa jedhuun |
ittigaafatamtoota feesbuukii, tiwiitarii fi googilii irra deddeebiidhaan |
koongirasiitti dhiyeessuudhaan mudditee qabuu yoo dandeessu, |
biyyoonni kaan garuu rakkoo nageenyaa biyya siaanii kan qoru yoo |
isaan irraan ga'e iyyuu dandeettiin isaan ittiin waltajjii dhaabbilee |
dhiyeessitootaa gaafatamtoota ittiin taasisan baay'ee gadi bu'aa dha. |
Murteessummaan kaampaaniiwwan teeknooloojii miti-mootummaa |
kanneen wal-jajjiilee tamsaasa odeeffannoo tasgabbii keessaa |
biyyootaatiif qormaata ta'an dhiyeessanii agarsiistuuwwan warreen |
ta'ani dha. Dhiyeessitoonni waltajjii miidiyaalee hawaasaa harka caalu |
kaampaaniiwwan gurguddoo wajjiin walitti ida'amuu kanneen danda'an |
yoo ta'anillee, waliin ga'insii fi dhiibbaan isaanii biyyoota hundumaa |
irratti daangaa malee kan qaqqabu ta'uun isaa beekamaa dha. |
Dhaabbileen miidiyaalee hawaasaa kunniin akka dhaabbilee daldalaa |
gurguddootti damee banachuu yookiin bakka bu'aa dhaabuun otoo |
isaan hin barbaachisiin tajaajila isaanii fiixee addunyaa mara kan waliin |
ga'anii fi dhiibaan isaan uumanis ol-aanaa ta'uun isaa adda isaan taasisa. |
Itoophiyaan uummata miliyoona dhibba tokkoo ol kan qabduu fi isaan |
kana keessaas lakkoofsi dargaggeeyyii ol-aanaa ta'uu isaatiin |
dhaabbilee kanaaf gabaa guddaa ta'uu carraa ittiin taatu qabdi. Haa ta'u |
malee, diinagdee dijitaalaa fi hojiilee gabaa carraa kana gara qabeenya |
qabatamaatti ceesisuudhaaf dandeessisu haala quubsaadhaan |
hojjetamuu dhabuu isaatiin damee isaanii kan baha Afriikaa jiru |
Itoophiyaa caalaa Keeniyaa keessa godhachuudhaaf dirqamanii jiru. |
Waan kana ta'eef, dhaabbilee kana wajjiin walitti dhufeenya gaarii |
uumuudhaan wajjiin hojjechuuf socho'uun faayidaan isaa guddaa dha. |
Walumaagalatti, wal-dorgommiin biyyoota guddatanii dhiibbaan inni |
biyya keenyaaf qabu yoo yaadamu wal-dorgommichi duuba isatii |
dhimmoota siyaasaa fi diinagdee hedduu kan qabu ta'uu isaatiin miira |
dorgommii isaan gidduu jiru yeroo tokkoon qabbaneessu jedhamee hin |
yaadamu. Wal-dorgommiin siyaasaa, loltummaa fi diinagdee kun karaa |
tokkoonis haa ta'uu karaa biraatiin dhiibaan isaa Itoophiyaa qaqqabuun |
isaa hin hafu. Fakkenyaaf, gumiin daldalaa fi misoomaa mootummoota |
gamtoomanii qorannoo dhiyeenya kana gaggeesseen akka beeksisetti |
waraanni taarifaa Ameerikaa keessatti eegalame biyyoota miidhu 30 |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.