text
stringlengths
0
196k
keessaa Itoophiyaan sadarkaa sadaffaa qabatteetti. Daballiin taarifaa
hanga dhibbeentaa 50 ta'u akka ishii midachuu danda'u qorannichi ni
aqarsiisa.
Biyyi keenya miidhama wal-morkii kanaan irra qaqqabu hir'isuu fi
carraawwan gaggaarii uumaman irraa bu'aalee argaman babal'isuuf
tooftaa diriirsinee yoo socho'uu baanne miidhaan isaa ol-aanaa dha.
Keessumaayyuu humna isa tokko waliin qofaa michuu cimaa ta'uun
humna isa biraa mufachiisuun goolamni keessaa akka ka'uu fi akka
babal'atu kakaasuu danda'a. Kuni ta'uu isaatiin, mala isa tokko hamma
fiixeetti akka hin dhiibne taasisuu fi faayidaalee diinagdee humnoota
hunda biraa argaman argachuu dandeessisu hordofuun barbaachisaadha.
Fajajuu diinagdee goolama diinagdee idi-addunyaa bara 2008 A.L.Atti
mudate hordofee goolamni hawaasummaa uumame lammaffaa
deebi'ee dhaadheffamuu uummatummaa fi sabummaatiif akka qabxii
jijjiirraa kallattiitti fudhatama. Yeroo kana irraa kaasee seera qaroomina
addunyaawaa mul'ataa idil-addunyaa mararsiifannaa siyaasaa fi
diinagdeetiif ittigaafatamtoota kan taasisanii fi dhaabbileen
uummatummaa sirnicha bu'uurarraa jijjiiruuf fedhii qaban biyyoota
garaagaraa keessatti heddummachuu jalqabaniiru.
Siyaasni uummatummaa karaa tokkoon bilisummaa nama dhuunfaa
leellisaa keessa isaatti garuu finxaaleyyii fiixee mirgaa fi
mankaraarsitoota barsiifataa kan hammatu kun biyyoota hedduutti
filannoo irratti firii gaarii galmeessisaa; iddoowwan tokko tokkottis
filannoo sana injifachuu danda'aa dhufeera.
Haalli kun biyyoota akka Siwiidin, Ostiriyaa, Fiinlaandi, Deenmaarki,
Xaaliyaanii, Beeljiyeem, Noorweey, akkasumas kanneen biroo keessatti
mul'ateera. Kaadhimamtoonni pireezidaantummaa ejjennoo wal
fakkaataa qaban Meeksikoo fi Ameerikaa keessatti injifachuu
danda'aniiru. Siyaasessitoonnii fi duulawwan warraaqsaa filannoowwan
Faransaayi, Neezarlaandi, Paakistaanii fi Zimbaabuweetti gaggeeffaman
keessa turan tarree kana keessatti akka hammataman kan isaan taasisu
dha. Haalli kunis yaadonni jibbituu dhuftee fi faallaa heddumminaa ta'an
sadarkaa idil-addunyaatti dhaadheffamanii akka calaqqisiifaman
gochuu irratti argama.
Biyyoota tokko tokkottis dhaabbileen uummatummaa aangoo siyaasaa
ol-aanaa qabachuudhaan poolisiiwwan siyaasaa, diinagdee fi
loltummaa: akkasumas dhaabbilee idil-addunyaa turtii fi ittifufinsa
birmadummaatii f bu'uura ta'an, jijjiiruudhaaf sochii irratti argamu.
Ameerikaa keessatti miirri sabummaa warraaqsa uummatummaatiin
uumamaa jiru karaa sochii diinagdeetiin waraana daldalaa banuudhaan
diinagdee addu nyaa irratti tarkaafiilee rakkoo hamaa hordofsiisuu
danda'an akka fL_Jdhatu taasiseera.
Biyoonni biroo kanneen akka Awurooppaa, Chaayinaa, Ruusiyaa,
Kaanaadaa, Meksikoo, kkf) deebii ijaa-baafannaa deebisuu irratti
argamu. Kunis fedhii walitti hidhaminsa tokkummaa fi diinagdee caalaa
miirri lammummaa fi diinagdee biyyummaa addaan baasuunii fottoqsuu
jabaachaa deemuu akka danda'u kan agarsiisu dha. Dabalataanis,
biyyoota Awuroppaa sirna mootummaa Paarlaamentarii hordofan
hedduun keessatti daangaan falaasama siyaasaa kallattii kamiin iyyuu
(daangaa mirgaatiin, walakkaa mirgaatiin, mankaraarsaa walakkeessaatiin, walakkeessa bitaa fi daangaa bitaatiin)
paartiiwwan taa'uu danda'an hundi isaanii filannoo irratti bakka bu'insa argachaa
dhufaniiru. Dane~ssummaan yaada uummatichaa dabalaa dhufuu isaa
irraa kan ka'e paa rtiin uummata gara caalu amansiisee sagalee caalmaa
argatu carraan ittiin jiraatu yarachaa hufeera. Mootummooleen waloo
sababa kanaan uu maman morkii hintaane keessa akka galanii fi hamma
dhumaatti akka hindeemne gochuudhaan mootummaan irra
deddeebiidhaan akka gegeeddaramu taasiseera. Tasgabbii dhabuun
mootummaa kun tasgabbii dhabuu diinagdeetii fi rakkoolee
hawaasummaa bi rootiif saaxilaa iddoowwan garaagaraatti ta'iiwwan
diddaa fi jeequmsa geessisaa jira.
Giddugala bahaatti ka'umsa hordoftoota amantii musliimaa Sunnii fi
Shi'aatiin akkaataan hiriira siyaasaa fi loltummaa biyyootaa yeroo kam
iyyuu caalaa toora qabachaa jiru. Iraan, Kuwaataarii fi Turki Karaa
tokkoon, Saawudii Arabiyaa, Emereetonni Arabaa Gamtoomanii fi
kanneen biroon immoo karaa birootiin hiriiranii daangaa dhiibbaa
uumuu isaanii babal'ifachaa jiru. Afriikaa kaabaa fi giddugala bahaa
keessa mootummoonni kufan kanneen akka Liibiyaa, Yamanii fi Sooriyaa
jiraachuun isaanii; mootummoonni akka Somaaliyaa fi Sudaan Kibbaa
immoo jabaachuun dadhabuun isaanii kun mankaraarsi foon uffatee
daangaa isaa akka bal'ifatuu fi yeroo argatee lafa akka qabatu carraa
uumaafii jira.
Keessumaayyuu Sooriyaa fi Yaman kaampiiwwan faallaa ta'an kanaa fi
biyyoota humna qabeeyyii ijoo ta'aniif waltajjii yaalii irree isaanii itti
gaggeeffatan, ooyiruu falmii foonii fi oobdiiwwan waraanaa ta'aa jiru.
Kamii siyaasaa isaanii raawwachiisuuf biyyoonni galoo galaanaa
dhorkinsi ol-aanaan isaan diinagdee fi daldala Kuwaataar irratti gatan,
akkasumas Aljaziiraa faayidaan ala gochuudhaaf tarkaanfiin isaan
deeman kan caqasamu dha. Akkasumas, Iraan tarkaanfii ijaa-baafannaa
fudhachuuf galoo Hormuz cufuudhaaf dhaadachuun ishii kamii siyaasaa
fi humni diinagdee wal-faana tooraan deemaa akka jiran kan agarsiisu
dha. Adeemsii fi bu'aan tarkaanfilee lamaanii humna loltummaa fi
diinagdee biyyoota sanaa, akkasumas agarsiistuu humna biyyoota of
duuba hiriirsisaniiti.
Sochiin mankaraarsummaa fi shororkeessummaa addunyaan keenya
qormaata ammayyuu ce'uu hin dandeenye akka ta'etti ittifufeera.
Goolama idil-addunyaatiif bu'uura falaasamaa fi meeshaa kanneen ta'an
Alqaayidaa fi Islaamik Isteet irratti tarkaanfii loltummaa irratti
fudhatameen eenyummaan qaama isanii dadhabaa baay'een isaanii kan
kufan yoo ta'anillee dhaabbileen kunniin miidiyaa elektirooniksii
fayyadamanii namoota dhuunfaa falaasama finxaaleyyummaatiin
cuuphaa gochaalee shororkeessummaa akka raawwatan gochuudhaaf
sochiin isaan taasisan ittuma ffeetu jira.
Biyyoonni humna qabeeyyiin rakkoo Sooriyaa, Yaman, Liibiyaa fi Iraaq
jiru hiikuudhaaf tarkaanfiin faallessi itti baay'ate isaan fudhachaa jiran
iddoowwan kunniin sodaa shororkeessummaa irraa akka hin
qulqulloofne isaan taasiseera. Kanarra darbees, waraanni biyyoota
kanatti ittifufee jiru addnyaan keenya goolama namoomaa kanaan dura
argitee hin beeknetti galchuunii danda'a. Kanaanis keessumaayyuu
Awurooppaan galaana godaantotaatiin akka haguugamtu
gochuudhaan babal'achuu siyaasa jibbiinsa dhuftee fi gara aangootti