text stringlengths 0 196k |
|---|
ba'uu armaan olitti ibsameef kan kakaasu ta'ee jira. |
Dhaadheffamuun sabummaa idil-addunyaawaa fi yeroo gabaabaa |
keessatti fudhatama argachaa dhufuun paartiilee sabaa akkamtaan inni |
biyya keenyaaf qabu guddaa dha. Kuni dhugaa addunyaa irrattis |
Itoophiyaa keessattis mul'achaa jiru dha. Ajandaalee gaaffilee hawaasaa |
haala bu'uura ta'een deebisan bocuu caalaa humnoonni siyaaasaa aarii |
darbe namatti kakaasanii fi jibbituu dhuftee ta'an baay'achuun isaanii fi |
sagaleen isaan argatan guddachaa dhufuun isaa rakkoo guddaa dha. |
Karaa kanaatiin, lammiilee keenya biyyoota garagaraa ja'a keessatti |
argaman irratti miidhaaleen jibbinsa dhuftee irra qaqqabaa jiru kan |
caqasamu dha. Namoonni dhuunfaa yaada kanaan summeeffaman |
Afriikaa Kibbaa irraa kaasee hanga giddugala bahaatti lammiilee keenya |
godaansarra jiran irratti miidhaalee fi ajjeechaan hammaataan |
raawwataman kabaja biyyummaa keenyaa kan salphise dha. |
Imbaasiiwwanii fi qonsilaawwan qorannoo gahaa irratti hundaa'uun |
mirgaa fi fayyadamummaa lammiilee keenya warra godaansarra jiranii |
miidhuu waaritota danda'an addaan baasuudhaan lammiileerraa |
miidhaa qolachuudhaaf hojimaata dandeessisu uumuu barbaachisa. |
Afriikaa keessatti karaa tokkoon ta'iiwwan abdii namaaf kennan; karaa |
biraatiin immoo oduuwwan gaddaa sodaa keessa nama galchan |
keessummeessuu irratti argamti. Guddina diinagdeetiin biyyoota |
addunyaa kana gaggeesaa jiran keessaa biyyoonni Afriikaa hedduun |
keessatti argamuun, biyyoonni Afriikaa filannoo guddinaa adda ta'e |
qabatanii garaagarummaa uumuu danda'an heddummachuun, sochiin |
walitti hidhaminsa diinagdee sadarkaa biyyootaatti, akkasumas |
sadarkaa aardiitti wixineeffamuun, akkasumas diimokraasiiwwan reefu |
jalqabaman daraaraa jiraachuun dhimmoota akka gaariitti ilaalamanidha. |
Faallaa kanaatiin immoo guddinni uummataa itti hinkaroorfamne, walitti |
bu'insawwan barii filannoo, dhaabbilee diimokraasii hin jabaatiin yeroo |
dheeraadhaaf aangoo irra turuun isaanii, goolamni keessaa fi godaansi |
ammallee bifa fudhatamummaa hin qabneen kan ka'ani dha. Afriikaan |
humna dargaggoota hedduu, lafa bal'aa fi qabeenya uumamaa hedduu |
aardii qabdu dha. Biyyoonni qabeenya kanatti seeraan gargaaraman |
guddina gaarii galmeessisuu irratti argamu. Guddina kana hordofuunis |
wal-gargaarsii fi tokkummaan biyyoonni Afriikaa uumaa jiran |
guddachaa jira. Yeroo dhiyoodhaa as biyyoonni hedduun ce'umsa |
mootummaa karaa nagaatiin godhamu taasisaa jiru. |
Faallaa kanaatiin, diinagdeen biyyoota Afriikaa ammallee gara |
industiriitti hin ceene. Sababa kanaatiinis, gatii gabaa uumamaa fi idil |
addunyaa irratti hirkattummaan isaan qaban daran ol-aanaa dha. |
Dhiibbaan biyyoota humna qabanii haala nama hin haalchifneen ittuma |
fufeetu jira. Filannoowwan ce'umsa aangoo nagaa qabeessa |
mirkaneessuuf taasifaman hunkuramoota gosa garaagaraa |
hordofsiisuun isaanii hin dhaabbanne. Aardittiin walitti bu'insa irraa |
bilisa ba'uu fi humna dargaggoota heddummachaa dhufaa jiruuf carraa |
hojii gahaa ta'e dhiyeessuu dadhabuu ishiitiin godaansi ibsituuwwan |
lammiilee ishiitii keessaa isa tokko akkuma ta'etti itti fufee jira. |
Walumaagalatti, Afriikaan haala duraan keessa turte wajjiin wal-bira |
qabamee yeroo ilaalamu haala fooyya'aa irratti argamti. Xiqqoo yoo |
ta'anillee, ce'umsi aangoo diimokraatawaa ta'e aadaa ta'aa dhufeera. |
Sadarkaan dhaabbanni idil-addunyaa tokko akkuma barbaadetti |
sirna/poolisii isaa ittiin raawwachiifatuu fi harka ittiin micciiru hir'atee |
jira. Wal-deeggarsii fi wal-ta'insi, tokkummaan biyyootaa fi naannoo |
sadarkaa gaarii irratti argamu. |
Afriikaan Bahaa keessumaayyuu Gaanfi Afriikaa duraan tasgabbii |
dhabuudhaan itti beekamaa ture amma fooyya'insa agarsiisaa jira. Haa |
ta'u malee, ammallee hidhaawwan hin hiikamne hedduutu keessa jira. |
Waraanni du'a-maleessii fi rakkoon walitti dhufeenyaa yeroo |
dheeraadhaaf furmaata malee Itoophiyaa fi Eertiraa gidduu ture |
kaafamee gara wal-gargaarsaatti ceenee jirra. Eertiraan gara wal |
gargaarsa biyyoota naannootti dhufuudhaan Itoophiyaarratti |
dabalataan Somaaliyaa fi Jibuutii wajjiin nagaa uumuudhaaf sochii |
eegaltee jirti. Kanaanis, raacetiiwwan qararaa raacetiiwwan wal |
gargaarsaa fi waliin guddachuu furdachaa jiru. |
Somaaliyaan guutumaan guutuutti jabaattee yoo ba'uu baatte illee |
caasaa fi tasgabbii mootummaa fooyya'aa ta'e uumuudhaaf |
dandeesseetti. Sudaan gaaffii Sudaan Kibbaa karaa nagaatiin erga |
xumurtee booddee nagaa fi guddina fooyya'aa galmeessisaa jirti. Haa |
ta'u malee, jijjiirraan mootummaa dhiyeenya kana gaggeeffame |
hatattamaan gara tasgabbiitti dhufuu yoo baate naannoo sana gara |
goolama tasgabbii dhabuu hamaatti deemsisa. |
Karaa biraatiin garuu, Sudaan Kibbaa goolama keessa seentee jirtu |
keessaa ba'uudhaaf dadhabdee rakkachaa jirti. Mootummaan |
Somaaliyaa shororkeessummaa akka ta'utti injifachuu hin dandeenye. |
Biyyoonni naannoo kanaa hundi isaanii guddina diinagdee hangi isaa |
wal-caalu galmeessisaa kan jiran yoo ta'ellee, diinagdee dhiibbaawwan |
balaa uumamaatii fi goginsaan dhufan damdamachuuf dandeessisu hin |
uaarranne. |
Dhimmi inni biraan, mallattoo addaa wal-dorgommii biyyoota |
guddatanii kan ta'aa dhufe tooftaan koriidaroota daldala galaana irraa |
idil-addunyaa to'achuuf godhamu muddama inni uume dha. |
Ittidhiyeenya inni biyyoota addunyaaf boba'aa dhiyeessanitti qabuu fi |
daldalli idil-addunyaa waggaatti doolaara tiriiliyoona tokkoo ol ta'u kan |
irra geejibsiifamu galaanni Mandaba-Baabi'eel fedhii biyyoota |
guddatanii harkisuudhaan waltajjii wal-dorgommii erga ta'ee |
bubbuleera. |
Haala siyaas-naannoo hawwataa ta'e kana yeroo dhiyaa as |
xiyyeeffannoo akka argatu ta'iiwwan taasisan caalaatti mul'achaa |
dhufaniiru. Isaan kunniinis haala Somaaliyaa fi sodaa waanbadeewwan |
galaana irraa uumanii turan, shororkeessummaa, akkasumas goolama |
si'anaa Yamani fa'aati. Sababa kanaanis, yeroo ammaa kana biyyoonni |
gara 27tti siqan galaana diimaa fi galoo galaana Edan keessa miila |
isaanii seensifataniiru. Biyyoonni kunniin fedhii garaagaraa fi yeroo |
tokko tokkos fedhii walitti bu'u kan qabaatan ta'uu isaatiin wal |
dorgommiin gidduu isaaniitti uumamu naannoo sana mancaasuu akka |
danda'u nitilmaamama. |
Akka waliigalaatti, Afriikaa keessatti sadarkaa Aardiittis haa ta'u |
sadarkaa naannoo biyyootaatti tarkaanfileen wal-gargaarsaa cimaa |
dhufan biyya keenyaaf gaheen isaan qaban baay'ee bal'aa dha. |
Tarkaanfiin kun Afriikaan akka jabaattu kan taasisu waan ta'eef, |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.