text stringlengths 0 196k |
|---|
ltoophiyaan gama kanaan gahee dursummaa ishii cimsitee itti fufuu |
qabdi. Kanuma wajjiin wal-qabsiisuun, adeemsawwan wal-gargaarsii fi |
wal-jijjiirraa dandalaa Afriikaa wajjiin godhamaniin dhimmoota |
fayyadamoo taasisan ammumarraa kaasuun addaan baafachuun |
xiyyeeffannoo kennineefii misoomsuu qabna. |
Biyyoonni Afriikaa baay'een isaanii omishoota qonnaa kan ergan waan |
ta'aniif, wal-jijjiirraa daldalaa akka aardiilee kaan faana goonuutti |
Afriikaadhaaf omishoota qonnaa erguu irratti yoo xiyyeeffanne |
fayyadamoo hin taanu. Kana caalaa dhaabbilee tajaajilaa kanneen akka |
humna qilleensaa Itoophiyaa jirancimsuu fi omishoota industirii fi |
teeknooloojii fayyadamoo nu taasisan adda baafachuun kanarratti |
humna ijaaruun nu barbaachisa. |
Diinagdee Itoophiyaa: Firii fi Qormaata Guddina Isaa |
Biyyi keenya tuulama hojii otoo hin ta'iin damee kuufama |
duudhaa keessatti uumte keessaa inni tokkoo fi inni guddaan |
"walitti dhufeenya alaa fi diippiloomaasii" dha. Hojiin gaariin |
walitti dhufeenya alaa mootota darbaniin hojjetamaa dhufe adeemsa |
walitti dhufeenya biyya alaa amma gochaa jirruuf kaappitaala guddaa |
nuuf ta'uu kan danda'u dha. Akka waliigalaatti sababa hojiin gaariin |
walitti fufinsaan moototaan waan hojjetamaa tureef Itoophiyaan |
hawaasa idil-addunyaa biratti maqaa gaarii qabdi. |
Itoophiyaan hammamillee kabaja ishii eegsifachuuf qabsoo bal'aa kan |
gochaa turte yoo taatellee adeemsa kabaja kana eegsifachuu keessatti |
garuu sodaadhaan kakaatee warreen kaan hamminaan tuttuqxee hin |
beektu. Sababoota waraanawwan biyyoota gidduutti adeemsifamaniif |
sadarkaa ol-aanaatti kanneen caqasaman kanneen akka |
albaadhessummaa, sodaa fi kabajaa yoo ta'an Itoophiyaan |
albaadhessummaanis haa ta'uu sodaadhaan kan hamatamtu miti. |
Biyyoonni tokko tokko haleellaatu nurra ga'a jedhanii sodaachuudhaan |
gara waraanaatti seenu; tokko tokko immoo faayidaa waa'ee hin baasne |
barbaaduudhaaf warreen kaan irratti haleellaa waan darbataniif gara |
waraanaatti seenu. Itoophiyaan gara waraanaaatti seenuuf kan dirqamtu |
sodaadhaan yookin albaadhessummaadhaan otoo hin ta'iin yeroo |
kabaja ishii jalaa tuqan qofaa dha. Kuni immoo amalaa fi qor-qalbii |
siyaasaa uummata Itoophiyaa irraa kan maddu dha. |
Kanaafidha geggeeddaramuu moototaa keessatti kabaja ishii yoo xuquu |
baatan malee wal-ta'insaa fi waliigalteedhaaf qophooftuu taatee kan |
turteef. Qajeelfamni bifa qabeessi kun gegeeddaramuu moototaa |
keessatti qabiyyee isa duraanii itti fufsiisuudhaa fi jalqabbii haaraa |
gidduutti muuxannoon walitti dhufeenyi alaa wal-madaalaa ta'e |
qabaachaa ture akka qabaannu nu taasiseera. Sababa kanaanis, walitti |
dhufeenyi alaa keenya seenaa qisaasa'aa hoggayyuu haaraa ta'e otoo |
hin ta'iin kuufama dhaalaa ida'amuun keessatti mul'ate qabatee itti |
fufeera. |
Walitti dhufeenyi alaa Itoophiyaa kaleessaa kaasee hanga har'aatti gara |
caalu fedhii wal-ta'insaa irratti kan hundaa'e dha. Itoophiyaan akka |
mootummaa biyyaalessaa hammayyaatti erga hundooftee boodallee |
amala walitti dhufeenya alaa ishiin qabdu yoo ilaallu haleellaa of-irraa |
qolachuudhaaf dirqamtee gara waraanaatti seenti malee barsiifata |
sodaadhaanis haa ta'uu albaadhessummaadhaan walitti bu'insa uumuu |
hin qabdu. |
Seenaan Aduwaa fedhii wal-ta'insaa keenya abshaalummaadhaan |
nurraa butachuu yaadanii kabaja keenya kan tuqan kan ittiin of-irraa |
dhoowwine dha. Kanaanis biyyoota seera malee gabrummaa jalatti |
kufan hundumaa onnee kan itti godhee fi gabrummaarratti akka |
qabsaa'an kan kakaase seenaa injifannoo galmeessisneerra. Seenaa |
injifannoo kun falaasamni walittti dhufeenya alaa Itoophiyaa |
dadhabootaaf kan dhaabatee fi injifannoo dursuu irratti kan hundaa'e |
akka ta'u taasiseera. |
Itoophiyaan biyya seenaa yeroo dheeraa qabduu fi qaroomina ulfoo kan |
qabaachaa turte ta'uun ishii, akkasumas gabrummaa kan of-irraa |
qolattee fi injifannoodhaan kan deebiste injifannoo Aduwaa kan qabdu |
ta'uun ishii walitti dhufeenya waliigaltee irratti hundaa'e uumuudhaaf |
dhaga'amummaan ishiin qabdu akka ol ka'u taasiseera. Afriikaa keessaa |
qofaa ishii miseensa Liigii Saboolee ta'uun ishii, sochii Paan-Afriikaatiinis |
dursituu taatee dadammaqsituu tokkummaa Afriikaa, hundeessituu fi |
teessoo ta'uun ishii humna diippiloomaasii ishii kan dabaluuf, |
dhaga'amummaa ishiis kan guddisu kuufama guddaa dha. |
Waltajjii idil-addunyaa irratti seer-maleeyyiiwwan kanneen akka bittaa fi |
appaartaayidii mormuu fi falmuudhaan adda-duree turre. Nageenya |
waloo aardiitiifis haa ta'uu kan idil-addunyaatiif leellistootaa fi |
hirmaattota adda-duree turre. Itoophiyaan yeroo bulchiinsa Axee |
Hayilasillaasee bu'uura seeraa (riti'iin) dursuutiin weerara Faashistii |
Xaaliyaanii ilaalchisee mootummoota addunyaatti iyyitus otoo hin |
milkaa'iin hafuun ishii ilaalchi yaadaa dhaabbilee idil-addunyaa irratti |
amantii guutuu kennisiisee walitti dhufeenya alaa bocuun ni danda'ama |
jedhu adeemsa dheeraa kan nu hin deemsisne ta'uu isaa kan irraa |
baranne dha. Ta'us, mudannoon kun yaada dhaabbattummaa irratti |
abdii akka kutannus haa ta'uu karaa wal-ta'insaa akka dhiisnu nu hin |
taasisne. Itoophiyaan walitti dhufeenya injifannoo fi wal-ta'insa irratti |
hundaa'e dursisiisuu fi walitti dhufeenya humna irratti hundaa'e irratti |
qabsaa'uudhaan biyya jiraatte dha. |
Naannoo Gaanfa Afriikaa fi akka waliigalaatti nageenyaa fi tasgabbii |
Afriikaatiif shoorri ishiin taphachaa jirtu garaa murannaa dheeraa |
qabaachuu ishii kan agarsiisu dha. Biyyoota ollaa, Somaaliyaa fi |
Sudaanitti, akkasumas Ruwaandaa, Burundii fi Laayibeeriyaatti hojiin |
nageenya kabachiisuu hojjenne ol-aanaa dha. Humni waraanaa keenya |
ergama nagaa kabachiisuudhaaf fudhatee bobba'e hundumaatti |
dirqama isaa haala gaariin kan ba'atuu fi hoomaa amala gaarii qabu dha. |
Biyyi keenya biyyoota walitti araarsuu keessatti shoorri ishiin taphachaa |
jirtu akka salphaatti kan ilaalamu miti. Gaanfa Afriikaa keessatti |
biyyoonni faayidaa qabanis haa ta'u dhimmicha fageenya irraa kanneen |
ilaalan Itoophiyaan naannoo kana keessatti shoora ishiin tsaphachaa |
jirtu ifatti ilaalaa jiru. Sababa kanaanis, maddi humna dhaga'amummaa |
biyyittii inni tokko shoora ishiin naannicha keessatti nagaa eegsisuuf |
qabdu wajjiin kan wal-qabate dha. |
Yeroo ammaa kana immoo biyyi keenya guddina diinagdee ishiitiin |
dabaluu irratti argamti. Waggoottan walitti aananii darban keessatti |
injifannoowwan Itoophiyaa keessatti galmeessifaman Itoophiyaa |
hawaasa idil-adunyaa biratti kan ittiin waamamtu fakkeenyummaa |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.