text
stringlengths
0
196k
beelaa jijjiiranii guddina diinagdee ariifataatiin biyya waamamtu ishii
taasiseera. Kunis fakkii gaarii biyyi kun qabdu addunyaaf
beeksisuudhaan carraa gaarii diippiloomaasii diinagdee ishii bu'aa
qabeessa kan taasisuu danda'u dha.
Yaada lda'amuu Walitti Dhufeenya Biyya Alaa Ilaalchisee
Walitti dhufeenyi alaa fi walitti dhufeenyi dhala namaa uumama, wal
dorgommii yookiin wal-ta'insa giddugaleessa kan godhate taasisanii
murteessuu wajjiin walitti hidhata guddaa kan qabu dha. Biyyoonnis
haata'anii mootummooleen walitti qabama namoota dhuunfaa waan
ta'aniif filannoowwan walitti dhufeenyaa lamaan kunniin isaan ilaallata.
Wal-dorgommii, yookiin wal-ta'insa sadarkaa biyyootaa fi
mootummootaattis walitti dhufeenyawwan jiraatan seerri ittiin bitaman
filannoowwani dha. Waan kana ta'eef, falmiiwwan yaad-rimee
maalummaa, sababoota ka'umsaa, barbaachisummaa fi amaloota
bu'uuraa walitti dhufeenya alaa biyyootaa irratti taasifaman
murteewwan lama irratti kan fuulleffatan ta'anii turaniiru. Falmiiwwan
kunniin gara caalu qabatamummaa fi qabatamummaa warreen qeeqan
(haliyootota) biroo gidduutti kanneen taasifamani dha.
Qabatamummaan moototta biyyaa faayidaa dhuunfaa isaanii
kabachiifachuuf kanneen fiigan akka ta'an ilaalcha keessa kan galchu
yommuu ta'u, walitti dhufeenyi idil-addunyaa bu'aa fiigicha faayidaa
kana eegsisuuf godhamuuti jedhee amana. Kanaafuu, bu'uura kanaatiin
addunyaa humnaan bultu kana keessatti madaallii humnaa eegsisuun
dhimma filannoo hin qabne dha. Maddi humnaa inni guddaanis humna
diinagdee fi loltummaati jedheetu ilaalcha keessa galcha. Kanafuu, seera
addunyaa keessatti abbaa humnaa ta'uun yookiin warreen humna
qabanitti maxxanuun madaallii humnaa eegsisuun warreen kaaniin
cafaqamuu fi faayidaa buchisiisuu irraa nama baraara jedheetu amana.
Qabxiin falmii wal-dorgommii bu'uura godhate (ilaalchi qabatamummaa)
akkuma biyya tokko keessatti walitti bu'insa faayidaa
namoota dhuunfaa gidduutti uumamuuf murtii kennuun danda'amu,
sadarkaa idil-addunyaatti walitti bu'insa faayidaa biyyoota lama
gidduutti uumamuuf qaamni mootummaa aango-qabeessa ta'ee murtii
kennuu fi seera qabeessummaa diriirsuu danda'u hin jiru kan jedhu dha.
Addunyaan keenya gaggeessaan hundumaaf ta'uu fi hunda wal
qixxeetti ilaaluu kan keessa hin jirre, biyyi humna qabu waanuma
barbaade kan irratti taasisu dha.
Biyyoonni eenyummaa isaanii eegsisuuf faayidaa isaanii isa to'annoo
isaanii jala jiru kan ittiin kabachiifatan humna cimaa gabbifachuun
warreen kaaniin akka hin cafaqamnee fi eenyummaa isaanii akka hin
dhabne gochuutu irra jira jedhee amana. Addunyaa tasumaa
tilmaamamuu hin dandeenyee fi hamaa ta'e kana keessatti waanti itti
hirkoo fi abdii namaaf ta'uu danda'u humna of-irraa qolachuu
qabaachuu qofaa dha. Walitti dhufeenya biyyootaa isa wal-dorgommii
fi wal-irratti inaaffuu irratti hundaa'e kana irratti hamilee fi haqummaa
qabaachuuf tattaafachuun biyyoota abbaa humnaa fi abshaalota ta'an
kanneen karaa hamilee fi haqummaa hin qabneen faayidaa isaanii
eegsifachuuf deemaniin of hunkuteessuu dha.
Waan kana ta'eef, akkaataa ilaalcha kanaatiin biyyoonni walitti
dhufeenyi cimdii tasgabbaa'aa ta'e kan faayidaa isaanii isaaniif eegsisu
akka uumamuuf, yeroo hundummaa humna loltummaa fi diinagdee
biyya akka diinaatti farrajanii duukaa bu'anii madaallii eegsisuun
tasgabbiin idil-addunyaa dhufuu danda'a jedhanii yaada falmii
dhiyeessu. Ilaalchi walitti dhufeenya addunyaa inni lammaffaan gara
caalu qabiyyee/kallattii "yaadummaa" kan qabatu dha. Walitti dhufeenyi
biyyoota gidduu jiraatu wal-dorgommii qoccolloo fi wal-xalafuu/wal-hidhuu
irratti kan hundaa'e hiriira humnaa ida'amaa zeeroo ta'e ta'uu
hin qabu; waliin hojjechuudhaan bu'aa isaan buufatanitu caala jedheetu
amana. Ilaalchi kun walitti dhufeenya alaa kan nageenya dhala namaa
isa mootummaa biyyaalessaatiin ol jiru irratti xiyyeeffate qabaachuutu
barbaachisa jedhee amana.
Biyyoonni walitti hirkachuudhaan kan dhaabatan waan ta'aniif
guutamuun fedhii tokkoo isaanii fedhii qajeelaa inni biraa agarsiisu
irratti kan hundaa'e dha. Dhaabbileen idil-addunyaa walitti dhufeenya
biyyootaa murteessuu ni danda'u; kanaafis, caaseffamoota
dhaabbattummaa idil-addunyaa kan biyyoota gidduutti wal-amantaa,
wal-ta'insaa fi guddina waliiniitiif waliin hojjechuu dandeessisu
dhaabuu n barbaachisaadha jedhee gorsa.
Cimsinee yoo ilaalle, dhimmoonni falmii (haliyootonni) walitti
dhufeenya alaa armaan olitti dhiyaatan lamaan dhiyeessan
garaagarummaa kan qabanii fi bu'uura isaaniitiin kan wal-faallessan yoo
fakkaatan illee, lamaan isaaniiyyuu gama qabiyyee fi bifa walitti
dhufeenya alaa akkuma jirutti agarsiisuutiin ilaalcha wal-deeggaru kan
calaqqisiisan akka ta'an hubachuun nidanda'ama.
Ilaalchawwan lamaan wal-simsiisanii itti fayyadamuudhaan faayidaa fi
fedhiiwwan biyyaa eegsisuun nidanda'ama. Kana ilaalcha keessa
galchuudhaan yaanni ida'amuu walitti dhufeenya alaa wal-dorgommee
fi wal-ta'insa walitti araarsee ka fuulduratti adeemu ta'a. Yaanni
ida'amuu walitti dhufeenya alaa seenaa keenya keessatti karaalee hanga
ammaatti irra deemaa dhufne irratti maqaa ijaarre irratti milkiiwwan
dabalataa argamsiisuu fi kuufamawwan guddisuu irratti kan hundaa'u
dha. Akka yaada kanaatti, qajeelfama bu'uuraa walitti dhufeenya alaa
biyya keenyaa itti fufsiisuu fi cimsuun karaa filannoo wal-hubannaatiin
kuufama bal'aa waan nuuf kennuuf, himamsa walitti dhufeenya alaa
gahaa ta'e akka qabaannu taasisa. Isa ture jabeessuu fi hanqinoota
guutuu malee waantota akka haaraatti eegaluun himamsa siyaasaa gad
aanaa ta'e irraa akka kaanu waan nu taasisuuf salphaatti galma keenya
ga'uu hin dandeenyu. Kanaafuu, walitti dhufeenya alaa keenya isa wal
hubannaa fi injifannoo irratti dhaabate itti fufsiisuu fi hir'ina isaa
guutuun yaada bu'uuraa walitti dhufeenya alaa keenyaati.
Yaanni walitti dhufeenya alaa keenyaa faayidaa otoo hin ta'iin walitti
dhufeenyaaf dursa kan kennuu fi rakkoolee hiikuudhaaf waanti dursuu
qabu walitti dhufeenya haaressuudha jedhee kan amanu dha. Faayidaan
biyyaalessaa tokko, qajeelaa fi kan hin jijjiiramne yookiin bifa tokko
qofaadhaan murtiinkan itti kennamu ta'uu dhiisuu isaa hubachuudhaan
malli faayidaa biyyaalessaa wal-ta'insaan murteessuu baratamuu qaba.
Faayidaa biyyaalessaa hiika isaa isa duraan ijaarameen qofaa otoo hin
ta'iin isa irratti hiikawwan biroo dabaluu fi hir'ina isaa guutuudhaaf hiika
waliigalteedhaan murteeffamu isa barbaachisa. faayidaan biyyaalessaa
maalummaa dhaabbataa kan qabuu fi murteeffamee waanta dhume