text stringlengths 0 196k |
|---|
otoo hin ta'iin, waanta duudhaalee keenya hordofnee dubbii sababa |
qabuu fi namummaa gonfateen murteessuu waanta dandeenyu ta'uu |
isaa hubachuu barbaachisa. Keessumaayyuu, biyyoonni guddinarra jiran |
tapha humnaa siyaasaa idil-addunyaa keessatti hiriira isa tokkotti |
makamuudhaaf yaalii taasisaniin duratti faayidaan biyyaalessaa keenya |
maali jedhanii murteessuudhaaf tattaaffii cimaa gochuutu isaanirra jira. |
Ta'us garuu, biyyoota guddinarra jiran keessatti laafinni fi hir'innin |
mootummaa biyyaalessaa, akkasumsa duudhaalee waloo uumuu |
dadhabuun mootota kanaa, sababa kanaanis yaaliin eenyummaa biyyaa |
eegsisuuf taasifamu murtee faayidaa biyyaalessaa ijaaraa fi fooyyessaa |
deemuudhaaf waanta boqonnaa isaaniif hin kennine ta'ee jira. Siyaasni |
keessaa haaluma siyaasa idil-addunyaa irraa baay'ee garaagarummaa |
hin qabneen seer-maleessummaadhaan waan harkifamuuf mootonni |
akka waantota eenyummaa ifa ta'e tokko qabaniitti faayidaa isaanii ni |
beeku jechuuf nama rakkisa. Dhaabbilee fedhiiwwan isaanii ifaan ifatti |
kabachiisanii fi wal-hubannaa keessaa qaban waan hin ijaarreef akka |
biyyoota guddataniitti seera siyaasaa isaanii keessatti faayidaa |
biyyaalessaa ifatti beekamuu fi ijaaramu niqabu jechuun hin danda'amu. |
Faayidaa biyyaalessaa murteessuu ilaalchisee karaa haala miira |
sabummaa biyyaa irraa fagaateen fedhii keenya kabachiisu hordofuu nu |
barbaachisa. Kanaafis faayidaa bir-qabaa caalaa faayidaa gonkaa |
dursuun baay'ee barbaachisaa dha. Faayidaan bir-qabaa biyya |
masaanuu wajjiin of wal-dorgomsiisuudhaan gahee caalmaa qabu |
fudhachuudhaaf tattaaffii taasifamu dha. Tattaaffiin kun wal-morkii |
irratti kan hundaa'e yoo ta'eyyuu, faayidaa caalaa miidhaa yoo |
hordofsiiseyyuu, biyyoonni faayidaa isaanii kabachiisaa akka waan |
jiraniitti akka isaanitti dhaga'amu taasisa. |
Karaa biraa, faayidaan gonkaa miidhaa xiiqii fi wal-morkii irraa dhufu |
faayidaa biyyaalessaa jedhee waamuu caalaa faayidaa biyyaalessaa isa |
dhugaa kan kabachiisuu fi karaa jireenya lammiilee jijjiiru hordofuu dha. |
Faayidichi kan madaalamu masaanuu keenya caalaa gahee argachuu |
keenyaan otoo hin ta'iin, hamma nu barbaachisurraa hammam |
arganneerra? madaallii jedhuun ta'a. Biyyoonni guddinarra jiran, |
keessumaayyuu walitti dhufeenya ollummaa waliif qaban keessatti |
faayidaa gonkaa kana murteessuu fi isas galmaan ga'uuf dhama'uun |
isaanirraa eegama. |
Rakkoon biyyoonni guddinarra jirru dammaqnee dhabamsiisuu qabnu |
inni tokko haala hayyoonni "kiyyoo martoo" jedhanii waamani dha. |
Kiyyoo martoo jechuun maraammartoo inni tokko isa biraa sodaachaa, |
haalaan haaloo dhalaa sababuma malee walitti bu'uu fi dhiiga walii |
dhangalaasuutiif saaxilamuu jechuu dha. Maraammartoo kana |
kutuudhaaf immoo faayidaa gonkaa herreeguu fi argachuuf dursa |
kennuun barbaachisaa dha. Waanti ka'umsa walitti bu'insawwanii ta'e |
dagatamee walitti bu'insawwan sana kan itti fufsiisu haala faayidaa otoo |
hin ta'iin manca'uu walitti dhufeenyaa yoo ta'e waa'ee faayidaa |
haasa'uu laaffisanii walitti dhufeenya haaressuu barbaachisa. Kunis |
duudhaa kaka'umsa ol-aanaa barbaadu ida'amuu irratti kan |
hundeeffamu ta'a. Walitti dhufeenya jijjiiruudhaaf inni tokko |
ittigaafatamummaa fudhatee kakaumsaan yoo tarkaanfachuu baate |
akkuma kiyyoo martoo keessatti qabamanitti hafuun waan hin oolledha. |
Faayidaa biyyaalessaa keenya kan kabachiisnu duraan dursee |
murticharratti waliigalaa yemmuu dhufnedha yoo jedhamu |
faayidaawwan biyyaalessaa keenya kanneen dursanii murteeffaman hin |
jiran jechuu miti. Haa ta'u malee, faayidaaleen biyyaalessaa keenya wal |
hubannaa keenya qofaadhaan kan murteeffaman otoo hin taane haasaa |
biyyoota kaan waliin goonu keessattis bifaa fi hiika qabachaa kan |
dhufani dha. Kunis, faayidaan biyyaalessaa haasaadhaaf gufuu kan itti |
ta'uu fi siyaasa humnaatiif karaa kan banu amala uumamaa isaa isa |
rincicaa ta'e jijjiirrachuu qaba yaada jedhu rraa kan maddu dha. |
Leellistoota haqummaatiin "firri dhaabbataa fi diinni dhaabbataan hin |
jiru" jechama jedhu keessatti murtee dhaabbataa dhabamsiisuu yaada |
jedhu kan fudhannu yoo ta'eyyuu, yaadichi karaa tokkoon yaadni |
ramaddii firaa fi diina jedhu kan isa dhuunfate; karaa biraatiin immoo |
dhaabbii-dhabdummaa fi haaluu falaasama walitti dhufeenya alaa |
godhee kan ilaalu ta'uu isaatiin ida'amuu wajjiin kan wal-faallessu dha. |
Yaanni firaa fi diina jedhu ka'umsuma isaa irraayyuu walitti dhufeenya |
firdii irratti hundaa'uu fi bu'uuruma isaa irraayyuu yaada dhugaa wajjiin |
walitti bu'e dha. Walitti dhufeenya biyya kam faanayyuu goonu walitti |
qabaatti kan firaa fi kan diinaa jennee farrajuun dubbii fi walitti |
dhufeenya sirreessaa deemuuf yaada karra namatti cufu dha. Kanaafuu, |
walitti dhufeenya alaa keenya keessatti qajeelfama "firri dhaabbataa fi |
diinni dhaabbataan hin jiru" jedhu caalaa qajeelfama "waanti firaa fi |
diina jedhamu hin jiru" jedhu kan hordofnu ta'a. |
Qajeelfamoota waliigalaa kanneen irratti hundaa'uudhaan Itoophiyaan |
yeroowwan itti aananii dhufan keessatti walitti dhufeenya alaashii itti |
fufsiisuurratti dabalataan dhimmoota hanqinni irratti mul'atee fi irratti |
xiyyeeffachuun qabdu, akkasumas walitti dhufeenyashii milkaa'aa |
taasisuuf kallattii kabaja biyyaalessaa guddisu, biyyoota olla irratti |
xiyyeeffatee fi dandeettii diippiloomaasii guddisu hordofuun faayidaa |
qabeessa ta'a. |
Biyyoota Ollaa |
Walitti dhufeenya alaa keenya keessatti xiyyeeffannoon keenya inni |
jalqabaa biyyoota olla wajjiin wal-ta'uu irratti walitti dhufeenya |
hundeeffame hundeessuu fi jabeessuu ta'a. biyyoota ollaa ilaalchisee |
qajeelfamni hordofnu "biyyi kamillee biyya firoomfatu filachuuf mirga |
niqaba; biyyi olla garuu hin filatamu" kan jedhu ta'uu qaba. Qajeelfama |
durii "adaamiin agamsatti siqe boo'aa jiraata"; arbuun burqituutti siqe |
yeroo mara lalisa" jedhu hordofuutu nubarbaachisa. Biyyi boyyoota |
nageenyi isaanii hin mirkanoofnee fi tasgabbii keessaa hin qabne wajjiin |
olla ta'e nagaa fi tasgabbii guutuu ta'ee fi wabii qabu mirkaneessuu hin |
danda'u. Wal-simannaan hawaasummaa fi diinagdee waliinii |
uummatoota biyya keenyaa akkasumas uummatoota biyya keenyaa fi |
naannoo keenyaa jiranii uumamuu mootummaa hammayyaawaatiin |
dura kan ture ta'uun isaa ni beekama. Tarsiimoon walitti dhufeenya alaa |
keenyaa sararoota walitti dhufeenyaa kana jabeessuu; diippiloomaasiin |
keenya walitti dhufeenya diinagdee fi hawaasummaa duraan ture kana |
gara sadarkaa ol-aanaatti ceesisuudhaaf boca qindaa'ee fi gumaa'e |
kennuufiitu isarra jira. |
Walitti dhufeenya biyyoota olla wajjiin qabnuun faayidaan biyyaalessaa |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.