text
stringlengths
0
196k
gara caalu faayidaa waliinii gonka ta'e irratti hundaa'ee kan
murteeffamu ta'uu qaba. Carraan keenya kan wal-hidhee jiru waan
ta'eef, wal-ta'insaa fi wal-gargaarsa faayidaalee waloo keenyaa bu'uura
godhate qabaachuu qabna. Yeroo dhimmoota irratti waliif hin galle
irratti dabarsinu caalaa dhimmoota irratti waliigallu irratti yeroo baay'ee
balleessuun caalaatti xiyyeeffannoo kennuufiin barbaachisaa dha.
Waanta gaarii qabnu ida'aa yeroo dhufnu adeemsa keessa rakkoolee itti
aananii dhufan hiikuuf kan nu dandeessisu kuufama walitti dhufeenyaa
gahaa ta'e qabaachaa deemna. Kuufama walitti dhufeenyaa kana
akkuma salphaatti itti gargaaramnee rakkoolee itti aananii dhufan
adeemsa keessa hiikuu dandeenya.
Ta'us garuu, siyaasa idil-addunyaa keessatti biyyootaa fi uummatoota
gidduutti dhimmi walitti dhufeenya allaa kamillee akka jiraatuuf fedhiin
waloo tokko kan biyyoota lamaa fi isaa ol ta'an walitti hidhu jiraachuun
dirqama dha. Kuni faayidaa fi hiika tokko kan qabaatu dhimma walitti
hidhaminsaa giddugaleessa godhachuudhaan biyyoonni fedhii walitti
dhiyaataa fi walitti hin buune yeroo qabaatan biyyoota sana gidduutti
nagaa, walitti dhufeenya jabaa fi walitti hidhaminsa fida.
Karaa biraatiin, dhimmoota waloo ilaalchisee filannoon biyyoota sanaa
kan wal-irraa fagaatee fi kan wal-faallessu yeroo ta'u walitti dhufeenya
gara walitti bu'insaa fi muddamaatti geessu uumuu danda'a. Waan kana
ta'eef, haala fedhiin waloo walitti hidhaminsa uumu hin jirre keessatti
walitti dhufeenyi nagaas haa ta'uu kan walitti bu'insaa biyyootaa fi
uummatoota gidduu jiraachuu hin danda'u. biyya keenyaa fi kaan
gidduutti walitti dhufeenyi jiraachuu kan danda'u haala fedhiin saboota
biyya keenyaa tokko kan warreen kaanii wajjiin walitti hidhachuu
barbaadu keessatti dha.
Haalonni wal-simachuu dhabuu fedhiiwwanii walitti dhufeenya saboota
lama gidduu jiru irratti ka'an walitti bu'insaaf sababa ta'uu danda'u.
Hirkannaan bir-qabaa hidhatawwan cimdii irra jiru duufinsa humna
walitti dhufeenyaa birqabaa biyyoota gidduutti uumamuuf madda ta'a.
Fakkeenyaaf, omishini waliigalaa waggaa daldala alaa ishii dhibbentaa
sadi kan qabatu Ameerikaan diinagdee ishii daldala alaa dhibbeentaa
shantama kan qabatu Jarman wajjiin wal-bira qabamee yeroo ilaalamu
Jarman walitti dhufeenya Ameerikaa wajjiin qabdu irratti caalaatti
hirkattuu ta'uu ishii hubanna.
Sadarkaa biyya keenyaattis walitti dhufeenya duufaa biyyoota olla
wajjiin qabaannu cimsuu fi baay'isuudhaan humna walitti hidhatinsa
biyyoota ollaa irratti qabnu guddisuutu nurra jiraata. Keessumaayyuu,
biyyoonni naannoo keenyaa walitti hidhaminsi diinagdee fi
hawaasummaa duufaan biyya keenya waliin qabaatan
fayyadamummaan biyyi keenya biyyoota naannoo keessatti qabaattu
kanneen biro keessattis dameelee dhiibbaa akka taasisu gochuun
barbaachisaa dha. Baha Afriikaatti walitti hidhaminsa diinagdee uumuun barbaachisaa dha.
Sababoota guddina ariifachiisaa biyyoota Kibba Baha Eeshiyaa
ilaalchisee kennaman keessaa walitti hidhaminsi diinagdee isa tokko
dha. walitti hidhaminsi diinagdee kun gabaa addunyaa keessatti
dorgomaafii warra humna guddaa qaban akka ta'an isaan
dandeessiseera. Carraaqqiiwwan hidhata daldalaa Afriikaa keessatti
yaadaman baay'ee kan itti deemamnee fi firii gaarii kan argamsiisan
waan hin taaneef yaaliiwwan taasifaman irraa barumsa fudhatanii
sababa itti milkaa'uu didaniif qoratanii hidhata daldalaa ifaan ifatti
gaggeeffamu uumuu barbaachisa. Hidhanni daldalaa ulaagaa seeraa
sirnaawaa ta'e keessatti qabamee yoo raawwatame; seera daldalaa idi
addunyaa wajjiin kan walitti hin buunee fi humna biyyoota naannoo
sanaa kan gabbisu waan ta'eef diippiloomaasiin daldalaa biyyoota
naannoo keenyaa wajjiin qabnu kanarratti xiyyeeffachuu qaba.
Walitti dhufeenyi biyyoota olla keenyaa wajjiin qabnu walitti
dhufeenyawwan keenya hundumaa dursee xiyyeeffannoo argachuu kan
qabu dha. Walitti dhufeenyi dhimmoota nagaa fi tasgabbii irratti
biyyoota ollaa keenyaa wajjiin qabnu qaawwa hedduu kan qabuu fi
dhimmoota rarra'anii hafan hedduu kan qabu waan ta'eef, bal'inaan
irratti hojjechuu kan qabnu dha. Walitti dhufeenyi kun milkaa'aa yoo
ta'uu baate, walitti dhufeenyi ollaawwan keenya mataa isaanii wajjiin
qabnu manca'uu isaarra darbee biyyoota fagoo jiraniif meeshaa
ta'uudhaan biyya keenya balaa keessa buusuu danda'a.
Walitti dhufeenyi ollaawwan keenya wajjiin qabnu kallattii lamaan
jabaachuu qaba. Inni tokkoffaan, Igaadiin jabeessuudhaanii fi biyyoonni
kunniin xiyyeeffannoo ol-aanaa akka kennaniif gochuudhaan walitti
dhufeenya keenya Igaad keessatti jabeeffachuu nidandeenya.
Dabalataanis, biyyi keenya dhuunfaa ishiitiin biyyoota kana wajjiin walitti
dhufeenya diippiloomaasii bal'aa uumuu qabdi. Keessumaayyuu,
diimokraasiin uummatummaa jabaatee hojii irra ooluu qaba. Kanaanis
walitti dhufeenyaa sabootaa cimsuudhaan hidhata naannoo kanaatiif
gahee gaarii gochuun nidanda'ama.
Rakkoon yeroo baay'ee walitti dhufeenya ollaawwan keenya wajjun
qabnu mudatu sodaarratti kan hundaa'ee fi haala badaa miirri diinaan
marfamuu uumu dha. Miirri sodaadhaan marfamuu fi haalli ollaawwan
keenya sodaadhaan ilaaluu eenyummaa keenya eegsifachuuf gahee
qor-qalbii qaba jedhamee tilmaamama. Walitti dhufeenya keenya
balballoomsa dabaa fi jettejettee irra ceesisnee marii irratti kan
hundaa'e otoo taasisnee garuu waltaanee guddachuu, tokkoon keenya
isa biraatiif madda rakkoo ta'uu keenya hanbisnee rakkoolee keenya
hedduu isaanii akka salphaatti hiikuu nidandeenya.
Waan kana ta'eef, walitti dhufeenya sodaa nageenyaa irratti
bu'uureffame irraa gara wal-ta'insa diinagdee, gamtaa fi tokkummaa
irratti xiyyeeffateetti ce'uun walitti siqeenya uumuu barbaachisa.
Biyyoota ollaa wajjiin qoccolloo 'gareewwan hidhataniif iddoo baqaa
kennite, ni leenjiste, ni hidhachiiste!' jedhu keessaa ba'uudhaan
quunnamtiiwwanii fi walitti bu'insawwan harka lafa jalaa hir'isuudhaan
nageenya kutaa-aardii mirkaneessuu barbaachisa.
Shoora biyyoota naannoo keessatti qabnu guddisuu ilaalchisee
biyyoota Arabaa akka rakkoo fi diina seenaawaatti otoo hin ta'iin akka
ollaa itti fufinsa qabuuttii fi akka gargaartuutti ilaaluu barbaachisa.
Quunnamtiin alaa keenya faayidaalee fi humnoota garaagara ta'anii fi
waliif faallaa ta'an gidduutti walabummaa eegee michummaa kan cimsu
ta'uutu irra jiraata.
Kabaja Biyyaalessaa
Kaayyoon ida'amuu inni tokkoo fi ijoon sabboonummaa biyyaalessaa
lammiilee fi biyya keenyaa mirkaneessuu dha. Kabaja lammiilee yeroo