text
stringlengths
0
196k
jennu duudhaa lammiileen keenya ofii isaanii birattis warreen kaan
biratti gatii argachuu fi kabajamuuti. Kabajni qajeelfama faayidaa waloo
fi sodaa eegsisuuti. Duudhaa namoonni yeroo hundumaa karaa gara
galmaatti ittiin dhiyaatan otoo hin ta'iin ofiidhuma isaaniitiiyyuu galma
akka isaan ta'an ittiin amanani dha.
Kabajni namootaa uumama namoomaa hundumaa, biyyaa fi
gareedhaan, akkasumas sadarkaa nama dhuunfaatti ilaalamuu danda'a.
kaayyoowwanii fi duudhaaleen biyya keenyaa kaan isaanii kamiyyuu
kabaja lammiilee fi biyya keenyaa kan mirkaneessan ta'uu qabu. Biyya
keenya keessatti mankaraaruu sabummaa irraa kan ka'e waanti
dadhabaa dhufe inni tokko sabboonummaa biyyaalessaati. Sabummaan
sadarkaa sabaattis haa ta'uu sadarkaa biyyaatti amala warreen kaan
waliin wal-dorgomsiisuu yoo qabaatu, sabboonummaan biyyaalessaa
garuu amala jaalala biyyaa qabaachuu kan of ijaaruu fi ofirraa ittisii irratti
xiyyeeffate dha.
Waggoota darban keessatii amalli gootummaa lammiilee biyya keenyaa
gad-bu'aa dhufeera. Lammiileen biyya isaanii dhiisanii godaanan,
gareewwan gurmaaanii biyyuma isaanii saaman, taa'anii kanneen gad
bu'insa biyya isaanii daawwatan, kuni hin ga'u jedhaniis beektonni gad
bu'insa kana hammeessuudhaaf odeessaa oolan, gootummaanii fi
sabboonummaan biyyaalessaa laafuu isaatiif agarsiistuuwwani dha.
Kanaafuu, biyyi keenya soorummaa fi diimokiraasiidhaan akka ceetu yoo
barbaadame jaalala biyyaa lammiilee dabaluudhaan guddinaa fi
eenyummaa biyya isaanii irratti gootota mariif hin dhiyaanne gochuu
barbaachisa.
Quunnamtiin alaa fi diippiloomaasiin kabaja, eegumsaa fi nageenya
lammiilee keenya ala jiraataniitiif kan dhimmuu fi falmu ta'uu qaba.
Hojiileen diippiloomaasii keenyaa kabaja Itoophiyaanotaa fi dhalattoota
Itoophiyaa eegsisuu ilaalchisee qaawwaa bal'aa kan qaban ta'uun isaanii
nihubatama. Kabaja biyyaalessaa keenya eegsisuun qajeelfama hojii
diippiloomaasii keenyaa ta'uutu irra jiraata. Hojiilee diippiloomaasii
diinagdee fi nageenyaa keenya biroos haa ta'uu mirga lammiilee
keenyaa kabachiisuu ilaalchisee hojiin nuti hojjennu kabaja biyyaalessaa
keenya kan eegsisu ta'uu qaba.
Karaa biraatiin, hammamillee isa qofaa yoo ta'uu baates, kabajni
biyyyaalessaa kan fedhii otoo hin ta'iin qabiyyee humna biyyummaati.
Ibsituuwwan ijoo human biyyaa immoo humna ittisaa fi diinagdeeti.
Taphni humnaa dandeettii ittisa biyyaa hirkoo ijoo kan inni ta'u waraanni
filannoowwan diippiloomaasii fi siyaasaa duguugamanii yeroo dhuman
sadarkaa diippiloomaasii isa dhumaa ta'uu isaa hubachuudhaani.
Kanaafuu, waraanni firii fedhii qaama tokkoo qofaa ta'uu dhiisuu isaatiin
waraanni haala kamiiniyyuu yoo eegalame garuu humna walitti
dhufeenya alaa waraana yeroo gabaabaa keessattii fi baasii
xiqqoodhaan injifachuudhaan xumuruu giddugaleessa godhate ijaaruu
barbaachisa. Kunis kallattii dhimma dhimma alaa, nageenyaa fi ittisa
walitti hidhu kan hordofudha jechuu dha.
Humni wal-ta'e kunis uumameera jedhamuu kan danda'u naannolee
waraanaa afranuutti (lafa, bishaan, qilleensaa fi saayibarii irratti fedhii fi
faayidaa biyyaalessaa biyya keenyaa eegsisuu yoo dandeenye dha.
Waan kana ta'eef, galma guddaa fi kallattii xiyyeeffannoo tasgabbii fi
nageenya biyya keenyaa ta'uu kan qabu naannolee waraanaa afranuu
bu'aa qabeessa humna ittiin taasisnu uumuu irratti ta'uu qaba. Dhimmi
humna bishaan irratti qabnu kabachiisuu wajjiin wal-qabatu inni tokko
dhimma nageenya biyyaalessaa fi sabboonummaa diinagdee biyyi
keenya galaana diimaa irratti qabdu dha. Galaanni diimaa daangaa
Itoophiyaa irraa fageenya gabaabaa (kiiloo meetira 60) irratti naannoo
argamu dha. Sochiiwwan galii fi ba'ii daldalaa Itoophiyaa akka
waliigalaatti kan hundaa'an galaana diimaa kana irratti dha.
Itoophiyaa Afriikaa keessatti biyya dhaabbilee doonii gurguddoo qabdu
waan ta'eef, shaqaxoonni ba'anii fi galan hedduun isaanii galaanarra
imalanii kan kan seenanii fi kan ba'an karaa galaana diinaa darbaniiti.
Waan kana ta'eef, eenyummaan hundagaleessaa Itoophiyaa galaana
diimaa irra kan dhaabate dha. Diinagdeen biyya keenyaa kallattiinis haa
ta'u karaa al-kallattii nageenya galaana diimaa wajjiin kan wal-qabate
dha. Sodaan fuula keenya jiru kunii fi haalli duraan turee fi qorqalbiin
naannoo kanaa sochii keenya otoo hin daangessiin, akkasumas faayidaa
keenya otoo hin miidhiin deemuu kan dandeenyu nageenyii fi
tasgabbiin galaana diimaa fi naannoo sana yoo jiraate qofaa dha.
Sodaawwan loltummaa, diinagdee, siyaasaa fi diippiloomaasii naannoo
kanatti uumaman yaaddoowwan nageenya biyyalessaa biyya keenyaati.
Biyyoonni buufata waraanaa naannoo sanatti ijaarratan gidduu isaaniitti
waliigaltee dhabuun yoo uumame eenyummaan warreen akka biyyaatti
dhaabannee rakkoo keessa seena. Yeroo diinagdeen Itoophiyaa
guddachaa deemutti itti fufinsa isaa eegsisuuf nageenya keessaa qofaa
otoo hin ta'iin nageenyi naannoo illee nubarbaachisa. Itoophiyaa nagaa
ta'uu naannoo ishiitii baay'istee barbaaddi. Waan kana ta'eef, Itoophiyaan shooraa fi aangoo galaana diimaa irratti
qabdu guddisuu qabdi. Yaaddoo guddina diinagdee fi nageenyaa
naannoo sana jiru hir'isuutu ishii irraa eegama. Galaanni diimaa dirree
walitti bu'insaa biyyoota guddatanii ta'aa dhufuu isaatiin Itoophiyaanis
gama kanaan itti fayyadama galaana diimaa ilaalchisee haalli sadarkaa
idil-addunyaatti fudhatamummaa qabu akka uumamu gochuut irra
jiraata. Itoophiyaan diippiloomaasii fi fudhatamummaa nageenya
hiikuu sadarkaa idil-addunyaa, Afriikaa fi naannoo ishii keessatti qabdu
fayyadamuudhaan hirmaannaa galaana diimaa irratti qabdu
guddifachuutu irraa eegama. Daddarbinsi dalda'aa galaanarraa nagaa
ta'e akka jiraatu carraaquu qabdi. Furmaata kallattii danuu barbaaduun,
kallattiin hunda hirmaachisuu fi iftoomina qabu akka dhufu gochuu
qabdi. Walitti bu'insoonni jiranis to'annoodhaan ala ba'anii karaa
darbinsaa akka ishii hin dhoowwanne gochuudhaan shoora
gaggeessumnaa taphachuu qabdi.
Haala siyaasaa fi diinagdee addunyaa gegeeddaramaa ta'e kana
keessatti haalawwan hiriiraa fi caaseffamaa naannoo galaana diimaatti
taasifamuu danda'an itti dhiyeenyaan hordofuu barbaachisa. Dhimmi
naannoo kanatti uumamu kamillee Itoophiyaadhaaf murteessaa waan
ta'eef biyyoota gurguddoo naannoo sanatti bu'uura buusa wajjiin walitti
dhufeenya uumuunii fi hojii farra waanbadummaa biyyoota kaan wajjiin
ta'uudhaan haalota to'achuu barbaachisa.
Biyyi keenya carraaqqiin ishiin meeshaaleen shaqaxaa seenanii fi ba'an
yaaddoo nageenyaa irraa haala bilisa ta'een karaa galaana diimaa wabii
ittiin dabarsitu argachuu qaama idil-addunyaa keessatti hammatame