text
stringlengths
0
196k
akka ta'u dhiibbaa gochuu qabdi. Sochiin daldala alaa biyyittii yoo
jiraachuu baate nageenya biyyaalessaa mirkaneessuun waan hin
danda'amneef filannoon inni ijoo fi inni tokko Itoophiyaan humna
galaanaa duraan qabdu deebistee ijaaruudhaan naannoo kana humna
morkataa ta'e kaa'uu qabdi.
Humna Dippilomaasii Guddisuu
Itoophiyaan dhaga'amummaa addunyaa irratti qabdu guddisuu fi
quunnamtii alaa ishee wal-ta'insaa fi warra dhiibamaniif
dhaabachuudhaaf qajeelfama qabdu itti fufsiisuudhaaf madda
dhaga'amummaa ishee guddisuu qabdi. Maddi dhaga'amummaa
agarsiistuu humna biyyaalessaa haaraawaa ta'ee taasifamee kan ittiin
dhiyaatu filannoowwan humnaa jajjabaatoo ta'an guddisuudhaan qofaa
kan argamu miti.
Humni biyyaalessaa jajjabaataa ta'e qabeenyawwanii fi kennaawwan
garaagaraa biyya keessa jiraachuu, qabeenyichi jiraachuu isaa beekuu,
qabeenyichatti fayyadamuudhaaf karoorsuu fi dhumarrattis adeemsa
qabeenya beekuu fi itti fayyadamuu keessatti fedhii fi shoora humnoota
faallaa beekuu fi daangessuu kan of keessatti hammatu dha. Waan kana
ta'eef, humna biyyaa qabeenyaan, tarsiimoo fi sadarkaa bu'aatiin
qoqqoodanii ilaaluun nidanda'ama. Humna kana akka qabeenyaa fi
kennaatti yoo ilaalle, qabeenyawwan qaqqabatamanii fi hin
qaqqabatamne, jechuunis lakkoofsa uummataa, qabeenya uumamaa,
aadaa fi duudhaalee ofkeessatti hammata. Akka tarsiimootti yoo ilaalle
immoo carraaqqii fi adeemsi, qabeenyawwan fayyadamuuf taasifamu,
haala walitti dhufeenyaa fi haala waliigalaa qabeenyi faayidaarra ittiin
oolu kan agarsiisu dha. Karaa biraatiin, akka bu'aatti yoo ilaalle immoo
biyyi tokko qabeenyaa fi kennaa ishee, akkasumas tarsiimoo haala
fayyadama qabeenyaa gargaaramtee fedhii fi faayidaawwan
biyyaalessaa ishee galmaan ga'uuf galmawwanii fi kaayyoowwan
keewwatte fiixaan baasuu ishee kan ilaallatu dha.
Humnii fi anniisaan biyyaalessaa kutaalee garaagaraa kanneen itti
hirkoo yookaan ibsituu ta'an kan qabu yommuu ta'u, hayyoonni
raawwiiwwan uumamaa (uummata, teessuma lafaa, qabeenya
uumamaa) fi hawaasummaa (misooma diinagdee, caaseffama siyaasaa
fi mooraalii biyyaalessaa) jedhanii qoodu. Karaa biraatiin, ibsituuwwan
humna biyyaalessaa kana bifa meeshaalee fi miti-meeshaalee jennee
addaan baasuu nidandeenya.
Bifni meeshaalee humna biyyaa kanneen madaalamuu fi qaqqabatamuu
danda'an ta'anii isaanis qabeenya kanneen akka haala teessuma lafaa,
uummataa, teekinoloojii, qabeenya uumamaa, meeshaa dheedhii fi
albuudaa yoo ta'an, ibsituuwwan humna biyyaa miti-meeshaalee
qabeenyawwan hin qaqqabatamne immoo waantota akka falaasamaa,
hamilee, ga'umsa gaggeessummaa, bu'a-qabeessummaa
dhaabbattummaa fi kkf ofkeessatti hammata. Filannoowwan humna
jajjabaataa keenya jabeessuun akkuma jirutti ta'ee, filannoowwan
humna garraamummaatiif xiyyeeffannoo kennanii hojjechuun haala
addunyaa si'anaa wajjiin wal-bira qabamee yeroo ilaalamu bu'a
qabeessaa fi walitti dhufeenya wal-ta'insaa barbaannuufis mijataa dha.
Dhimmi filannoo humna garraamummaa hawwataa taasisu inni tokko
damee humna garraamummaatiin sadarkaa dhiibbaa guddaa uumuu
argachuudhaaf humna diinagdee fi loltummaa qabaachuun barbaachisaa ta'uu dhiisuu isaati.
Biyyoonni addunyaa keenyaa humna diinagdee fi loltummaa gad-aanaa
ta'e qaban humna garraamummaa isaanii guddisuudhaan bifa biyyoota
guddatan wajjiin wal-gituun mijatummaa isaanii guddifachuu
danda'aniiru. Biyyi sadarkaa idil-addunyaatti tamsaasa oduu haguuggii
bal'aa qabu hundeessuu dandeesse Kuwaataar lakkoofsi uummataa
ishiin qabdu kan miliyoonaa gadi ta'e, sadarkaan diinagdee ishii fi
hammi xiqqeenya naannoo (ji'ooqiraafii) ishii madaala humna
jajjabaataatiin otoo madaaltee hamma qabaachuu dandeessurra caalaa
dhaga'amummaa fi dhiibbaa uumtummaa dachaa hedduudhaan caalu
akka qabaattu ishii dandeessiseera. Rakkoolee teekinikaa dippilomaasiin
keenya qabu hiikuu fi seera dippilomaasii hammayyaawaa diriirsuu nu
barbaachisa. seera dippilomaasii keenyaa si'aawaa fi bu'a-qabeessa
gochuuf dhimmi inni duraa dippilomaatota leenjii fudhatanii fi
dandeettii ogummaa qaban horachuu fi ramaduu dha.
Dippilomaatotaaf leenjii yeroo gaggabaabaa fi yeroo dheeraa
kennuudhaan gara hojiitti akka seenan gochuu fi naamusa gaarii akka
qabaatan gochuun barbaachisaa dha. Imbaasiiwwan keenya
eksipertoota ogummaa garaagaraa irraa walitti babba'an hammachiisuu
qabu. Hojiin dippilomaasii keenyaa qorannoo addaan hin cinne irratti
kan hundaa'ee fi humna diinagdee biyyittii fi kallattii siyaasaa
balballoomsuudhaan, akkasumas seera gabaasa si'aawaa ta'e irratti kan
hundaa'e ta'uu qaba. Keessumaayyuu, karaa dippilomaasii diinagdeetiin
hojiilee qorannoo bal'aa fi hojii dippilomaasii hojjechuun nurraa
eegama.
Gama diinagdeetiin xiyyeeffannoowwan ijoo dippilomaasii keenyaa
afuri dha. Isaanis, oomishoota biyya keenyaatiif gabaa babarbaaduu,
inveestimeentii kallattii alaa fiduu, tursitoota gara biyya keenyaatti
harkisuu fi gargaarsawwan teekinikaa fi faayinaansii fiduu dha.
Galmawwan keenya kana sadarkaa barbaadamuun galmaan ga'uuf yoo
barbaachise ga'umsa teekinikaawaa dippilomaasii keenyaa guddisuun
dhimma xiyyeeffannoo guddaa barbaadu dha.
Gama dippilomaasiitiin waantota ga'umsa keenya guddifachuuf nu
barbaachisan keessaa inni tokko miidiyaa hawaasaati. Hojii
dippilomaasii hojjechuudhaaf karaa qoratameen miidiyaa hawaasaatti
fayyadamuun barbaachisaa fi karaa qaxxaamuraati. Keessumaayyuu,
miidiyaaleen dhiibbaa uumuu danda'an baay'eenii fi namoonni
bebbeekamoon fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa ta'uu isaaniitiin hojii
miidiyaa hawaasaa isaaniin bu'uura godhate hojjechuu barbaachisa.
Yeroo ammaa kana dippilomaasiin dippilomaatota qofa irratti rarra'e
fageenya dheeraa kan nu deemsisu miti. Mootummaadhaan alatti
dhaabbileen siviilii, namoonni bebbeekamoon, angaa'onni duraanii,
namoonni dhiibbaa dippilomaasii adda ta'e uumuu danda'anii fi kkf hojii
dippilomaasii bal'aa ta'e hojjechuu kan danda'anii fi addunyaan
bal'inaan kan itti gargaaramaa jirtu dha.
Dhimma kana irratti dhaabbileen siviilii hojii dippilomaasii danuu
hojjetan, hidhamtoota hiiksisan, maallaqa funaananii Itoophiyaanota
gargaaran akka jiran ni beekama. Isaan kanaa fi namoota dhuunfaa
dhaabbilee siviilii wajjiin mari'achuudhaan hojii dippilomaasii