text stringlengths 0 196k |
|---|
sabummaa hedduu hojjechuun barbaachisaa dha. Keessumaayyuu, |
biyyoota walitti dhufeenyi keenya jette-jettee irratti hundaa'e hojii |
dippilomaasii paablikii hojjechuudhaan ilaalcha saba keenyaa jijjiiruu fi |
jette-jetteewwan diiguu nubarbaachisa. Karaa biraatiin, miidiyaaleen |
biyya keenyaa fi namoonni miidiyaa humna dippilomaasii qaban |
duguuganii itti fayyadamuun hojii fageenya dheeraa ittiin deemne miti. |
Gaazexeessitoonni keenya gaazexeessitoota alaa wajjiin hidhata qaban |
cimsuudhaanii fi miidiyaalee biyyoota sanaa wajjiin walitti dhufeenya |
isaanii cimsuudhaan hojii dippilomaasii hedduu akka hojjetan gochuu |
barbaachisa. Miidiyaan addunyaalessaa humna dhaga'amummaa |
keenyaa gabbisu biyya keenya keessatti akka uumamu qaamolee |
dhimmichi ilaallatu wajjiin ta'uudhaan wal-taanee hojjechuutu nurraa |
eegama. Itoophiyaa keessatti quunnamtii dippiloomaatota irratti |
hundaa'e irratti xiyyeeffachuu keenya rraa kan ka'e filannoon |
dippilomaasii nuti xiyyeeffannoo hin kennineef inni biraan filannoo |
dippilomaasii sadarkaa angaa'ota ol'aanaatti gaggeeffamu dha. |
Keessumaayyuu, walitti dhufeenya ollaawwan keenya wajjiin qabnuun |
faayidaa keenya waloodhaan murteessuuf kan nu dandeessisu murtee |
kennitoota dursan wajjiin wal-argaa haasa'uu dha. Walitti dhufeenya |
keenya bal'isuudhaaf biyyoota quunnamtii diippiloomaasii isaan waliin |
hundeessuu barbaannu hundumaa wajjiin hamma danda'ametti |
filannoo dippilomaasii angaa'ota ol'aanootiif dhimma xiyyeeffannoo |
kennuufii qabnu dha. |
Seenaa siyaas-diinagdee biyya keenyaa keessatti, |
yeroo hedduudhaaf carraa boqonnaa haaraa eegalchiisuu danda'u |
argachuun keenya kan yaadatamu dha. Haa ta'u malee, carroota |
argaman kana sirnaan itti fayyadamu dhabuu keenyaan utuu itti hin |
milkaa'iin hafnee jirra. Har'as carraa seena-qabeessa haaraatu fuula |
keenya dura jira. Carraa har'a nu quunname kana, akkuma kanaan duraa |
bilaashumatti balleessina moo seenaa keenya kaleessaa irraa |
barachuudhaan biyyaa fi dhaloota walitti ida'uun sadarkaa fooyya'aatti |
ceesisna? Filannoo nuti qabnu ifaa dha. Carraan kun yeroo hunda kan |
hin argamnee fi lammata deebi'ee dhufuu akka hin dandeenyeetti |
yaaduu qabna. Carraa kanatti fayyadamuun, seenaa biyya keenyaaf |
galmeessine darbuuf kutannoon ida'amnee ka'uu qabna. |
Itoophiyaan bu'aa qabsoo uummata ishee kan baroota hedduuti malee |
bu'aa kallattii fi sagantaa siyaasaa dhaloota tokkoo miti. Tokkoon |
tokkoo keenya addunyaa yookiin biyya amantaa fi ilaalcha dhuunfaa |
keenyaan wal-simatu keessa yoo jiraachuu baannallee, biyya hunda |
keenyaaf toltu, kan nageenya qabduu fi guddina keenya saffisiistu |
uummachuu dandeenya. Yeroo hunda, jireenya keenya kaleessaa akka |
galmaatti osoo hin taane akka galaatti, haala qabatamaa har'a keessa |
jirruu fi abdii keenya borii walitii ida'uun akka qabeenya fuula keenya |
dura jiruutti lakka'uu qabna. Kana jechuun immoo jireenya keenya isa |
moofaa kaleessaa itti gammadnee boonuu dhaabuudhaan, jiruu fi |
jireenya milkoomina ol-annaa biyya keenyaaf dhugoomsuuf guyyaa |
guyyaan tattaafachuu fi qabsaa'uu qabna. Milkoomina itti aanutti cee'uf |
wanti ijoon immoo seenaa keenya isa moofaa kaleessaa irraa birmaduu |
of-baasuuf qophaa'uu dha. |
Yaadni ida'amtummaa, dandeetti dhimmoota adda addaa irratti |
dhuunfaan qabnu hunda walitti fiduudhaan galma waloo akka biyyaatti |
uummachuu barbaadnu dhugoomsuuf kan nu gargaaru daandii |
dammaqiinsaati. Daandii dammaqiinsaa yeroo jennu, rakkoo keenyaaf |
yeroo hunda hiikkaa falaasama siyaasaa itti kennaa jiraachurra, |
qophaa'umsa kutannaa fi haala qabatamaa biyya keenyaa walitti |
araarsuun furmaata barbaachuu jechuu dha. Daandii kana yommuu |
hordofnu, haala qabatamaa biyyittiin keessa jirtu hubachuudhaan fedhii |
fi dantaa uummataa bifa mirkaneessuu danda'uun biyyatti daandii |
qaroominaa fi badhaadhinaa irra oolchuu dha . |
Itti-fufiinsa aangoo-mootummaa Itoophiyaa dhugoomsuudhaan |
lammiileen ishee jireenya badhaadhummaa jiraachuu akka danda'aniif, |
fedhaa fi kaayyoo qabaachuu qofti gahaa miti. Biyyoota siyaas |
diingadeedhaan durooman ilaaluudhaan akka isaanii ta'uuf hawwuun |
qoftis bu'aa hin qabaatu. Jijjiirama fiduudhaaf, humnaa fi aanniisaa nuti |
har'a qabnu murtaa'aa ta'uu isaa beekuunis barbaachisa dha. Biyya |
duroomtee arguu hawwinu ijaaruuf humni diinagdee, duudhaa, |
beekumsaa, ijaarsaa fi kkf nuti har'a waloon qabnu gahaa miti. Sababa |
kanaaf, humnaa fi aanniisaa keenya guddifachuu fi jabeefachuudhaaf, |
qophaa qophaa fi dhangalaasaa funaanaa oolu irra humna garaa garaa |
qabnu walitti ida'uu qabna. Yeroo ida'amnu, rakkoolee keenya hundaaf |
furmaata argamsiisuu fi jireenya ol-aanaatti kan nu ceesisu humna |
addaa arganna. Humnoota keenya garaa garaa walitti ida'uun, |
kaappitaala ka'umsaa jabaa kuufachuu qabna. Kaappitaalli ka'umsaa |
guddaan, bu'aa guddaa argamsiisa. |
Qophaa qophaa fiiguu irra, rakkoolee keenya nurra kuufaman |
kaappitaala ka'umsaa kuufanneen of-irraa salphisuu qabna. Jiraachuu fi |
itti-fuffiinsi biyya keenyaa fi nageenyi saboota ishee mirkanaa'uu kan |
inni danda'u daandii dammaqiinsaa akkanaa irra yoo adeemne qofaa |
dha. Kanaaf, yaada ida'amuu qor-qalbii Itoophiyaanotaa hundaa |
gochuun, ida'amuudhaan Itoophiyaa jijjiiruu fi itti-fufiinsa ishee |
dhugoomsuudhaaf yaadata bu'uuraa jiran hunda irraa-jala qaqqabsiisuu dandeenya. |
Dhimmoota ijoo ta'an mara akka lammiilee biyya tokkootti, yaadaan |
tokko ta'uudhaan yoo dhugoomsine, haalli har'a samii Itoophiyaa kana |
jalatti muldhatu hundi ni jijjiirama, kan har'aa irra hedduu akka fooyya'e |
nan amana. Jireenya fooyya'a kana kan dhugoomsuu danda'u immoo |
numa Itoophiyaanota qofaa dha. Hundi keenya iyyuu walii keenya |
malee homaa miti, kan walii ta'uu keenya immoo carraaqiidhaan mirkaneessuu |
qabna. Daandiin jireenya hawaasaa fi diinadgee ol-aanaatti nu geessu |
qabsoo jabaa yoo gaafate iyyuu yeroon isaa dhihoo dha. Yeroo gabaaba |
keessatti daandii dammaqiinsaa ida'amuu jalqabneen, bu'aan wal-ta'uu |
keenyaa, wal-tumsuu keenyaa fi yaada faara tolaa qabaachuun keenya |
nurra darbee biyyoota olla qaqqabee jira. Hojii jalqabame itti fufsiisuuf, |
yaada ida'amtummaa keenya dhugumaan keessa keenyaatti hubachaa |
fi murannoodhaan irratti hojjechaa daran gabbisuu barbaachisa. |
Duudhaalee keenya hundumaa waliiti ida'uudhaan, badiisa keenya |
darbe hundaafis dhiifamaa walii gochaa, egeree Itoophiyaa ijaaruuf |
jaalalaa fi tokkummaan haa kaanu. |
Yaadachiisa: yaadata kitaaba kana keessatti ka'anii fi dhimmoota biroo |
irratti, dubbistootaaf akka tolutti, bifa kitaaba kanarra salphaa ta'een |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.