text stringlengths 0 196k |
|---|
barreeffamoota yaada bu'uura ida'amuu daran ibsanii fi calaqqisan nan |
qopheessa. |
Itoophiyaan tattaaffii ijoollee isheetiin oodamtee fi |
kabajamtee bara baraan haa jiraattu! Uumaan Itoophiyaa |
fi ijoollee ishee haa eebbisu! |
LABSII MIRGOOTA NAMOOMA WALIIGALAA |
Ilmi namaa hundi uumaan nama tahuu isaanii, akkasumas mirgoota walqixaafi adda qoodamu hindandeenye kan qabaatan tahuu isaanii beekanii fudhachuun bilisummaa, haqaafi nageenya addunyaatiif bu'ura waan ta'eef; |
Mirgoota namoomaa dhimmu dhisuuni fi tuffachuun hojii hammenyummaa sammuu ilma namaa cinqee waan fideefi, fedhiin guddaan namootaa addunyaa ilmi namaa hundi bilisumma haasawaafi amantii itti gonfatan akkasumas sodaafi rakkoo keessaa bilisummaa itti bahan uumuudha jedhamee waan labsameef; |
Sirna bulchiinsa cunqursaa fi hacuuccaa dhabamsiisuuf namoonni filmaata isa maayii godhatanii fudhachuuf akka hin dirqamne mirgoonni namoomaa seeraan akka kabajaman gochuun barbaachisaa waan ta'eef; |
Biyyootaafi ummatoota gidduutti walitti dhufeenyi obbolummaa akka babal'atu gochuun barbaachisaa waan ta'eef; |
Ummattoonni Biyyoota Miseensa Motummoota Gamtoomanii mirgoota bu'uraawoo dhala namoomaa irratti, kabajaafi ulfina ilma namaatiif dhiiraafi dhalaan mirga walqixaa kan qaban tahuu amantaa isaanii ciminaan keessa deebi’anii waan mirkaneessaniifii jireenya hawaasummaatiifi sadarkaa jiruu fooyyoftee haala bilisummaa baldhin... |
Mootummoota Gamtooman waliin tahuun biyyoonni miseensotaaa hundi mirgoonni dhala namoomaatiifi bilisummaawawan bu’uraawaoon guutuu addunyaa keessatti akka kabajamaniifi hojiirra akka oolan gochuuf waadaa waan seenaniif; |
Waadaan kun guutummaa guutuutti akka galma gahuuf waa'ee mirgoota fi bilisummaawwan kanneeniitiifi hubannoon walfakkaataan akka jiraatu taasisuun baayyee barbaachisaa waan ta'eef; |
Tokko tokkoon namaatiifi tokkoon tokkoon kutaa hawaasaa Labsii kana yeroo hunda yaadachuudhaan barsiisuudhaaniifi beekuudhaan mirgoonni fi bilisummaawwan kunneen akka kabajaman biyya keessaafi sadarkaa idil addunyaattiis akka beekamaniifi hojiirra akka oolan; Biyyoota Miseensotaas ta'ee kutaalee to'annoo isaanii jala j... |
Yaa'iin Waliigala Mootummoota Gamtoomanii Labsii Mirgoota Namooma Guutu Addunyaa kana biyyootaafi ummattoota hundaaf qajeelfama gamtaa akka tahu labseera. |
Keewwata – 1 |
Namoonni hundi uumamaan kabajaafi mirgoota walqixaa qabaatanii bilisa tahaniiti uumaman. Dandeettii yaaduutiifii dubbii walbira qabanii madaaluu uumamaan waan argataniif akka obboleeyyaniitti wal ilaaluutu irra jiraata. |
Keewwata – 2 |
Namoonni hundi, sanyiin, bifaan, qooqaan, amantiidhaan, siyaasaan ykn yaada birootiin, madda hawaasummaatiin, qabeenyaan, dhalootaan ykn sababa ejjannoo birootiin garaagarummaan tokkolleen osoo hin taasifamne mirgootaafi bilisummaawwan Labsii kana keessatti eeramanitti fayyadamuuf mirga qaba. |
Kana malees, namni tokko, biyya bilisa taate ykn biyya bulchiinsi imaanaa itti kennameen bulaa jirtu jala ykn biyya bilisa hin tahin ykn biyya birmadummaan isii daangeeffame keessa jiraata jechuudhaan aangoon naannoo, kutaa, siyaasaa biyya isaa, ykn ejjannoo idil addunyummaa isaa sababeeffachuudhaan garaagarummaan tokk... |
Keewwata – 3 |
Namni tokkoon tokkoonsaa mirga lubuun jiraachu, bilisumaafi nageenyummaa guutuu qaba. |
Keewwata – 4 |
Namni kamiyyuu gabrummaan ykn dirqamaan nama tajaajiluuf hin qabamu; daldalli gabrummaa bifuma kamiiyyuu dhowwamaa dha. |
Keewwata – 5 |
Namni kamiyyuu gochi gidiraa irratti raaw’atamu, ykn gochaa fi adaba gidirsaa ykn hammina garmalee, kan ulfina namummaa hir’isu ykn kan namaa gadi taasisuun dararamu ykn adabamu hin qabu. |
Keewwata – 6 |
Namni kamiyyuu bakka fedhees tahu seera duratti nama tahee beekkamuuf mirga qaba. |
Keewwata – 7 |
Namoonni hundi giddu isaaniitti garaagarummaan kamiyyuu osoo irratti hin godhamne eegumsa seeraa wal-qixa qabu. Labsii Mirgoota Namooma Waliigalaa kana mormuudhaan garaagarummaan akka irratti hin godhamne eegumsi seeraa wal qixxeetti ni godhamaaf. |
Keewwata – 8 |
Namni tokkolleen heera mootummaatiinis tahee seera birootiin mirgoota bu'uraawoo kennameef gochi cabsu yeroo irratti raawwatamu manneen murtii biyyattii aangoo qabanitti iyyatee mirga isaa kabajsiisuu ni dandaha. |
Keewwata – 9 |
Namni kamiyyuu garmalee qabamuu, hidhamuu ykn biyyaa baafamuu hin dandahu. |
Keewwata – 10 |
Namni kamiyyuu murttoo mirgootaa fi dirqamoota isaa ilaalchisee kennamu akkasumas yakkii inni ittiin himatame kamiyyuu murtee akka inni argatuuf mirgi walqixxummaa isaa guutuutti eegamee mana murtii loogii hinqabnee fi bilisa tahetti murtee sirriifi ifa ta’e argachuuf mirga qaba. |
Keewwata - 11 |
Namni hundi yakka itti himatametti mana murtii himatichi ifatti itti dhagahamutti seerarratti hundaawuun mirgi ofirraa ittisuu isaa eegameefii hanga yakkamaa tahuun isaa mirkanaawutti akka nama bilisaatti lakkaawamuuf mirga qaba. |
Namni hundi seera biyya keessaatti ykn seera idil addunyaatti yakka tahuun isaa yeroo hintumaminitti gocha raawwate tokkolleefu ykn raaw’ii dhisee hundaaf yakkamaa taassifamu hindandahu. Akkasumas yeroo yakki kun raawwatametti adaba ture kan caalu adabni itti hin murtteeffamu. |
Keewwata – 12 |
Jireenyi dhuunfaa nama hundaa maatiin, manni jireenyaa ykn quunnamttiin isaa karaa seeraan ala ta’een hintuqamu; kabajaafi maqaan isaa gaarinis akka badu hin ta’u. Mirrgoota akkanaa tuquufi gochoonni kabajaa namaa tuqan yemmu raawataman tokkoon tokkoon namaa mirga eegumsa seeraa argachuudhaa ni qaba. |
Keewwata - 13 |
Namni kamiyyuu naannoo biyya isaa keessa bilisaan sossohuufi jiraachuuf mirga ni qaba. |
Namni kamiyyuu biyya kamiyyuu keessaa bahu fi biyya isaatti deebi’uuf mirga qaba. |
Keewwata – 14 |
Namni kamiyyuu miidhaa duraa baqachuu fi biyyoota biroo keessatti irkataa tahee jiraachuuf gaafachuuf mirga ni qaba. |
Mirgi kun dhimmoota siyaasawaa hintahniin namoota ifatti himatamuun isaanii bekamaniin ykn namoota gochoota kaayyoolee Mootummoota Gamtoomaniif yaadawwan bu’urawoo faallessan raawwataniif hin hojjatu. |
Keewwata – 15 |
Namni kamiyyuu mirga lammummaa argachuudhaa ni qaba. |
Namni kamiyyuu mirgi lammummaa isaa garmalee hin mulqamu; akkasumas mirga lamummaa isaa geeddaruus hin dhorkamu. |
Keewwata – 16 |
Sababa sanyii lammummaa ykn amantiitiin utuu hin daangeffamin dubartootaafi dhiironni umuriin isaanii gaa’elaaf qaqqabe walfuudhanii maatii hundeessuuf mirga qabu. Fuudhaafi heeruma isaanii hoggaa hundeessan, walfuudhanii hoggaa jiraataniifi bultiin isaanii hoggaa diigamus mirga wal qixxee qabu. |
Gaa’elli kan raawwatamu fedhii bilisaa fi guutuu namoota walfuuchuuf fedhanii qofaani. |
Maatiin qaama uumamummaatiifi bu'ura hawaasaa waan ta'eef eegumsi hawaasaafi mootummaa godhamuufii qaba. |
Keewwata – 17 |
Namni kamiyyuu dhuunfaatis tahee namoota biroo waliin tahee mirga abbaa qabeenyaa tahu ni qaba. |
Namni kamiyyuu garmalee qabeenyaa isaa akka dhabu hin taasifamu. |
Keewwata – 18 |
Namni kamiyyuu mirga yaadaa, sammuufi bilisummaa amantii ni qaba. Mirgi kun bilisummaa amantii isaa ykn amantaa isaa geeddaruu akkasumas kophaa isaa ykn namoota biroo waliin tahee gamtaan, dhuunfaan ykn waltajjiirratti amantii ykn amantaa isaa barsiisuu, hojiirra oolchuu, itti amanuufii seeroota isaa raawwachuudhaa ni... |
Keewwata – 19 |
Namni kamiyyuu mirgaafi bilisummaa yaada fedhe qabaachuu fi yaada isaa ibsachuudhaa ni qaba. Mirgi kun tokkoon tokkoon namaa hundi dhiibbaa tokko malee yaada akka qabaatuufi daangaan osoo isa hin daangessine meeshaa fedhe hundaan odeeffannooleefi yaadoota bilisummaa barbaaduu kennuufi dabarsuudhaa ni dabalata. |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.