text
stringlengths
0
196k
Keewwata – 20
Namni kamiyyuu bilisummaa nagayaan walgahuufi mirga waldaya gurmeessuudhaa ni qaba.
Namni kamiyyuu miseensa waldaya tokkoo akka tahu hin dirqisiifamu.
Keewwata – 21
Namni kamiyyuu mootummaa biyya isaa keessatti kallattiidhaan ykn karaa bakka bu'oota isaa kanneen bilisaan filatamanii hirmaachuuf mirga ni qaba.
Namni kamiyyuu tajaajila mootummaa biyya isaa keessaatti namoota biroo waliin walqixa fayyadamuudhaaf mirga ni qaba.
Bu'uurri aangoo mootummaa fedhii ummataati; fedhiin ummataatiis kan ibsamu yeroolee murteeffamanitti filannoowwan adeemsifamaniin hoggaa ta'u; filannoowwan kunneen nama hundaaf carraa walqixaa kan kennaniifi iccitiidhaan ykn sirna filannoo walaba walfakkaatuun kan adeemsifaman tahuu qabu.
Keewwata – 22
Namni kamiyyuu akka miseensa hawaasichaatti wabii jireenyaa argachuuf mirga qaba. Karaa carraaqa biyyaa waliigaltee adunyaas, akkasumas akka qabeenyaa fi caasaa biya isaattis, ulfina guddina mataa isaaf waan barbaachisaa ta’an mirgoota dinagdee, hawaasummaa fi kan aadaa ni qaba.
Keewwata – 23
Namni kamiyyuu mirga hojii hojjachuu, hojii bilisummaan filachuu, haala hojiidhaa kan sirrii ta'eefi mijjaawaa tahe keessa hojjachuufi, hojii dhabdummaa irraa eegamuuf mirga ni qaba.
Namni kamiyyuu garaagartummaa tokkoon alatti hojii wal fakkaatuuf kaffaltii wal fakkaatu argachuuf mirga qaba.
Namni kamiyyuu gatii hojii isaatiif mindaa isaa fi maatii isaa ga’u argachu qaba. Kunis kan ulfina namummaa isaaf ga’u ta’e, yoo barbaachises, eegumsa hawaasaa kan biraas argachu ni danda’a.
Namni kamiyyuu dhaabbatoota hojjetootaa uummatee keessatti qooda fudhachuudhaan mirgoota isaa eegsisiifachu ni danda’a.
13
Keewwata – 24
Namni kamiyyuu mirga boqonnaafi yeroo bashannanaa argachuudhaa ni qaba; guyyaa keessa sa'aalee muraasa qofaaf hojjachuufi boqonnaa yeroo hunda kaffaltii waliin kennamu argachuuf mirga ni qaba.
Keewwata – 25
Namni kamiyyuu sadarkaa jireenyaa fayyaafi nageenyummaa mataa isaatiifi maatii isaatiif gahaa tahu keessa jiraachuuf mirga ni qaba; kuniis, nyaata, uffata, dahoo, tajaajila waldhaansaa, tajaajila hawaasummaa kanneen barbaachisaa tahan argachuufi hojii dhabdummaaf, dhukkubbiif, hir'ina qaamaatiif du'a haadha manaa ykn a...
Haadhummaaniifi ijoollummaan gargaarsaafi eegumsi adda ni barbaachisaaf; ijoolleen hundi fuudhaafi heerumaanis tahee kanaan alatti yoo dhalatan deggarsa hawaasummaa walqixxee argatu.
Keewwata – 26
Namni kamiyyuu mirga barachuudhaa ni qaba. Yoo xiqqaate sadarkaalee tokkoffaafi bu’uuraatti barnoonni kaffalttii malee taha. Barnoonni sadarkaa tokkoffaa dirqama taha. Barnoonni teeknikaafi ogummaa hunda akka wal gahu kan barbaachisu hoggaa tahu; barnoonni ol-aanaanis dandeettiirratti hundaa'ee nama hundaaf carraa walq...
14
Barnoonni guddina ilma namaa kan guutummaa qabu tarkaanfachiisuufii mirgoota dhala namoomaatiifi bilisummaawwan bu'uraawoo kabajuuf tattaaffii godhamtu cimsuuf kan karoorfame tahuudha qaba. Barnoonni waliif galuu, sanyiifi amantiilee ummatootaa adda addaa gidduutti waldandahuu, obbolummaa cimsuufii tattaaffii Mootummoo...
Haadhaafi abbaan gosa barnoota ilmaan isaaniitiif kennamuu filachuuf mirga dursi kennamuufii ni qaban.
Keewwata - 27
Namni kamiyyuu jireenya aadaa hawaasichaa keessatti walabaan hirmaachuu, aartiilee isaatti gammaduu, guddina saayinsawaa isaatti hirmaachuufi mirga bu'aa isaatti fayyadamuutiis ni qaba.
Namni kamiyyuu bu'aa hog-barruu, ykn aartii ykn saayinsii mataa isaatiin uume irratti mirga qalbiitiifi faayidaa maallaqaa kabajsiisuu ni qaba.
Keewwata - 28
Namni kamiyyuu sadarkaa biyyoolessaatiifi idil-addunyaatti mirgootaafi bilisummaawwan Labsii kana keessatti tarreeffaman guutuurra guututti akka isaaf hojiirra oolan gaafachuuf mirga qaba.
15
Keewwata – 29
Namni kamiyyuu namummaan isaa haala guutummaafi bilisa taheen kan gabbatu hawaasicha keessa jiraachuu isaa qofaan waan ta'eef hawaasichaaf dirqamootaatu irra jira.
Namni kamiyyuu mirgootaafi bilisummaawwan mataa isaatti yeroo fayyadamu mirgootaafi bilisummaawwan namoota biroo beeksisuufi kabajsiisuuf jecha qofaaf daangessu seeraan tumamaniifi tasgabbii ummataatiifi gaaffiiwwan sirrii hawaasa dimokiraatawaa ilaalan qofaan mirgi isaa daangeffamuu ni dandaha.
Karaa kaayyooleefi yaadoota bu'uraawoo Mootummoota Gamtoomaniin faallaa taheen mirgootaafi bilisummaalee kanatti haala tokkolleenuu fayyadamuun hin dandahamu.
Keewwata – 30
Wanti Labsii kana keessatti eerame kamiyyuu akka mootummaa tokko, garee ykn nama gocha tokkollee mirgootaafi bilisummawwan as keessatti tarreeffaman kamiyyuu balleessuuf karoorfame ykn hojii raawwachuu mirga dandeessisu akka qabu taasifamee hiikamuu hin dandahu.
16
WAADAA IDIL-ADDUNYAA MIRGOOTA DINAGDEE, HAWAASUMMAA FI AADAA (INTERNAATIONAL COVENANT ON ECONOMIC, SOCIAL AND CULTURAL RIGHTS)
Murtee Yaa'ii Waliigalaa lack. 2200 (AXXI) Muddee 16 bara 19966n kan raggaasifameefi biyyoonni miseensa ta'an akka mallatteessan, raggaasisanii fi fudhatan banaa kan ta'e. Akkaataa keewwata 27-tti Amajjii 3 bara 1976 kan murtaa'e.
Seensa
Biyyoonni Waadaa kanaan waliigalan:
Akkaataa duudhaalee Chaartara Mootummoota Gamtoomaniitiin labsametti ulfina, walqixxummaa fi mirgoota dhalli namaa hundi uumamaan qabuu fi isarraa gargar bahuu ykn sarbamuu hin dandeenyeef beekamummaa kennuun addunyaa kana keessatti bilisummaaf, haqaa fi nageenyaaf bu’uura ta’uu isaa hubachuudhaan;
Mirgoonni kunneen kabaja uumamaa dhala namaa irraa kan burqan tahuu isaanii beekuudhaan;
Namoonni sodaa fi hiyyummaa irraa bilisa ta’anii jiraachuu qabu jedhamee Ibsa Mirgoota Dhala Namaa Hunda-Galeessa keessatti kan tumame galma ga'uu kan dandahu, tokkoon tokkoon namaa mirgoota diinagdee, hawaasummaa, aadaa akkasumas mirgoota siiviilii fi siyaasaa qabaachuu haalleen dandeessisan yammu uumamaniif qofa tahu...