text stringlengths 0 196k |
|---|
17 |
Bilisummaawwanii fi mirgoonni namoomaa addunyaa guutuutti akka kabajamanii fi eeggaman taasisuun bu’uura Chaartarii Mootummoota Gamtoomaniin dirqama biyyootarra jiru ta’uu isaa hubachuudhaan; |
Namni tokko namoota birootiifii hawaasa keessa jiraatuuf itti gaafatamummaan waan qabuuf mirgoonni Waadaa kanaan eegaman akka kabajamaniif akka eegamaniif tattaaffii gama isaa taasisuun kan irra jiraatu tahuu hubachuudhaan; |
Tumaalee kanaa gaditti tarreeffaman irratti walta'aniiru. |
KUTAA - 1 |
Keewwata- 1 |
Ummatoonni hundi hiree ofii ofiin murteeffachuuf mirga qabu. Mirga isaanii kanaan fayyadamanii siyaasarratti ejjannoo mataa isaanii bilisaan murteeffatu; guddina dinagdee, hawaasummaa fi aadaa isaanii bilisummaan adeemsifatu. |
Ummatoonni hundi, faayidaa walii fi wajjinii eegsisuuf jecha dirqamoota isaanii kan walta’insa dinagdee fi seera idil- addunyaa irraa maddan kabajanii, qabeenya uumamaa isaanii dhiibbaa tokko malee bilisa ta’anii itti fayyadamuu ni danda’u. Haaluma kamiiyyuu keessatti, uummanni tokko faayidaalee mataa isaa kan jireenya... |
Biyyoota ofiin of hin bulchinee fi bulchiinsota immaanaa jalatti bulaniif biyyoota itti gaafatamummaa qaban dabalatee, biyyoonni waadaa tana seenan hundi mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu hojiirra akka oolu ni carraaqu; tumaalee |
18 |
Chaartara Mootummoota Gamtoomanii waliin haala wal- simatuun mirga kanas ni kabaju. |
KUTAA – 2 |
Keewwata - 2 |
Tokkoon tokkoon biyyoota Waadaa kana seenan, karaa gargaarsa dhuunfaa fi idil-addunyaa, keessaattuu gama gargaarsa diinagdummaa fi teekiniikummaa taheen, hanga dandeettii qabeenya saatiin, mirgoonni Waadaa kanaan beekkamummaa argatan sadarkaa-sadarkaa dhaan hundi isaanii hujiirra kan oolan akka tahan, seera baasuu daba... |
Biyyoonni Waadaa kana seenan sanyiin, bifaan, saalaan, qooqaan, amantiin, siyaasaan, ykn ilaalcha biraatiin, sabaan ykn madda hawaasummaatiin, qabeenyaan, dhalootaan ykn sababa ejjannoo birootiin garaagarummaan tokkollee osoo hin taasifamne mirgoota Waadaa tanaan tumaman kabajsiisuuf waliigalaniiru. |
Biyyoonni misoomaan guddachaa jiran mirgoota namoomaatii fi dinagdee biyyoolessa isaanii yaada keessa galchuun namoonni lammii isaanii hin tahin mirgoota diinagdee Waadaa kanaan beekkamummaa argatanitti sadarkaa fayyadamtoota itti tahan murteessuu ni danda’u. |
19 |
Keewwata - 3 |
Dhiironnii fi dubartoonni biyyoota Waadaa kana seenan, mirgoota diinagdee, hawaasummaa fi aadaa kanneen Waadaa kanaan tumamanitti walqixa fayyadamtoota tahuu isaanii mirkaneessuuf waliigalaniiru. |
Keewwata - 4 |
Biyyoonni miseensa ta’an, Waadaa kanaan akkattaa walsimatuun mirgoota adda addaa baasanii yemmuu itti fayydaman daangawwan seeraan murtaa’an kaa’uun, hanga amala mirgoota kanaatiin walsimatanii fi hawaasa dimokiraatawaa keessatti faayidaa waliigalaa eegsisuuf qofaaf tahanitti, fudhatamuufii ni danda’a. |
Keewwata - 5 |
Seereffamni Waadaa kanaan eerame kamiyyuu, biyyi tokko, gareen ykn namni dhuunfaa tokko, mirgootaa fi bilisummaawwan Waadaa kanaan tumaman tokkollee mulquuf ykn akkaataa Waadaa kanaan tumameen olitti daangessuuf gocha karoorfamerratti hirmaachuu ykn raaw'achuu mirga dandeessisu akka qabutti fudhatamee hiikamuu hin dand... |
Biyya kamiiyyuu keessatti, mirgoota namoomaa bu'uuraawoo seeraan, walta'iinsaan, danbiidhaan ykn barmaataan fudhatamummaa argatan, Waadaan kun beekkamummaa hin |
kennuuf ykn beekkumsa xinnaa kennaaf sababa jedhuun daangeessuun ykn mormuun hin hayyamamu. |
Keewwata - 6 |
Biyyoonni Waadaa kana seenan, mirga hojii hojjachuudhaa, kan mirga namni hundi fedhii mataa isaatiin hojii filate ykn fudhate hojjatee jiruu isaa qajeelfachuu akka danda’u carraa uumuufii dabalatuuf beekumsa ni kennu; mirga kanas kabajsiisuuf tarkaanfilee barbaachisan ni fudhatu. |
Biyya Waadaa kana seenteen tarkaanfiileen mirga kana guutummaatti hojiirra oolchuuf fudhatamanu, ittiinqajeelfama teekniikaa fi ogummaa fi sagantaalee leenjii, imaammattoota fi malawwan guddina diinagdee, hawaasummaa fi aadaa ittifufiinsa qabuu fi haallen bilisummaa bu’uuraa siyaasaa fi diinagdee nam-tokkee kabachiisuu... |
Keewwata – 7 |
Biyyoonni miseensa waadaa kanaa tahan namni kamiyyuu mirga haala hojii mijaahaa fi haqa qabeessa ta’etti fayyadamoo tahuu, keessaayuu: |
Hojjettoota hundaaf miindaa ykn kafaltii yoo xinnaate: fi yoo xiqqaate haalleen armaan gadii kan mirkaneessu tahuu qaba: |
Garaagartummaa tokko malee hojii gatii walqixa qabuuf mindaa fi kaffaltii walqixaataa kanfaluu, keessaattuu dubartooti dhiirotaa gadi haala hintane keessatti hojii walqixa hojjataniif kaffaltii walqixaa argachuu isaanii mirkaneesuu; |
Akkaataa seereffamoota Waadaa kanaatiin mataasaanis ta’e maatiisaanii haala gaariin jiraachisuuf kaffaltii dandeessisu argachuu; |
Haala hojii nagaa qabeessa fi balaarraa walaba ta’e, |
Hojjataa kmiifuu hojii itti miindeffamerratti sadarkaa ol aanaatti guddachuuf muuxannoo fi dandeettii qabuun alatti ulaagaalee biroo yaada keessa kan hin galchine carraa walqixaaa uumuu; |
Boqonnaa, yeroo bashannanaatii fi daangaa yeroo hojii fi guyyaa ayyaannanii sammuuf fudhatamaa ta'e, hayyama boqonnaa kan kaffaltii waliin yeroo murtaa’eef kennamu; akkasumas kaffaltii ayyaanota ummataatiif kennamu argachuuf mirga akka qabu biyyoonni Waadaa kana seenan fudhataniiru. |
Keewwata - 8 |
Biyyoonni Waadaa kana seenan mirgoota kanatti aanan kabajuuf waliigalaniiru: |
Mirga hojjataan kamiyyuu, dambiileen waajjirichaa akkuma jiranitti ta’ee, faaydaalee diinagdee fi hawaasummaa isaa eegsisuuf, waldaalee hojjataa ijaaruu fi miseensa waldaa filate kamiyyuu ta’uuf qabu; Hawaasa diimokiraatawaa keessatti tasgabbii biyyaalessa ykn nageenya ummataa ykn bilisummaa fi mirgoota ummattoota biro... |
Mirga waldaaleen hojjattootaa Federeeshinoota biyyaalessa ykn konfedereeshinoota hundeessuudhaaf qaban fi mirga konfedereeshinoonni kunneeniis dhaabbattootii waldalee hojjattoota idil-addunyaa hundeessuudhaaf ykn miseensa tahuudhaaf qaban; |
Mirga waldaaleen hojjattootaa, daangaa seeraan tumamee fi hawaasa dimokiraatawaa keessatti tasgabbii biyyaalessaa, nageenya ummataa, ykn bilisummaa fi mirga namoota biroo kabajsiisuuf daangeessuun barbaachisaa taheen alatti, daangaan akaakuu biraa kamiyyuu osoo irratti hin godhamne bilisummaan socho’uuf qaban; |
Seera biyyi dhimmichi ilaalurratti hundaahuudhaan mirga hojii dhaabuu. |
Keewwanni kun humna waraanaa, ykn miseensoota poolisii ykn hojjattoota bulchiinsa mootummaa ilaalchisee akkaataa itti fayyadama mirgoota kanneeniirratti daangaalee seera qabeessa tahan kaawuu hin dhowwu. |
Bilisummaan Gurmaahuu fi Mirga Gurmaahuu Kabajchiisuu ilaalchisee Waadaa Dhaabbata Hojii Idil-addunyaa bara 1948 biyyoonni mallatteessan, tarkaanfilee seera mirgoota Waadaa kanaan wabii argatan faallessaa akka baasan ykn seericha hojiirra akka oolchan tumaaleen keewwata kanaa hin hayyamuuf. |
Keewwata - 9 |
Biyyoonni Waadaa kana seenan namni kamiyyuu insuraansii hawaasumaas dabalatee wabii hawaasummaa argachuuf mirga kan qabu tahuu isaa fudhataniiru. |
Keewwata - 10 |
Biyyoonni Waadaa kana seenan kanneen armaan gadii fudhataniiru: |
Maatiin bu'ura hawaasaa waan taheef, keessattuu yeroo hundeeffamuu fi akkaataa guddina ijoollee fi barnoota isaaniif maatiin itti gaafatummaan wayita irra jiruttis, hanga danda’ameen deeggarsaa fi kunuunsi bal’aan kennamuufii qaba. Gaa’elli fedhii jara lamaan wal fuudhaniirratti hundaa’uu qaba. |
Haadholiif da'umsaan duraa fi da'umsaan booda yeroo gahaa taheef kunuunsi addaa godhamuufii qaba. Yeroo kanas haadholii hojjettoota ta’aniif mindaa waliin ykn kaffaltii wabii hawaasummaa gahaa waliin hayyamni kennamuufii qaba. |
Daa'immanii fi dargaggoota qaamaan hin jabaatiin warra isaaniitiin ykn sababoota biroo kamiinuu garaagarummaan osoo irratti hin godhamin eegumsi addaa fi deeggarsi godhamuufii qaba. Daa’immanii fi dargaggoon saamicha diinagdee fi hawaasummaarra eegamuu qaban. Hojii miira isaanii ykn fayyaa isaanii miidhu ykn lubbuu isa... |
Keewwata – 11 |
Biyyoonni Waadaa tana seenan namni kamiyyuu nyaata gahaa, uffataa fi mana jireenyaa dabalatee sadarkaa jireenyaa mataa isaanii fi maatii isaatiif gahaa ta’e jiraachuuf akkasumas jireenya isaa yeroo hunda fooyyessuuf mirga kan qabu tahuu isaa ni fudhatu. Biyyoonni miseensootiin kunneen fedhii mataa ofiirratti hundaawuun... |
Biyyoonni Waadaa kana seenan namni kamiyyuu osoo hin beelawin jiraachuuf mirga bu’uurawaa qabu hubachuudhaan dhuunfaatiinis tahe karaa deeggarsa idil-addunyaa sagantaa ykn karoora addaa dabalatee, kanneen armaan gaditti ibsaman raawwachuu tarkaanfilee isaan dandeessisu ni fudhatu: |
Qarooma saayinsaawaafi teekiniikaawatti guutummaan fayyadamuu, beekumsaa yaadota nyaata walqixaataa babal’isuu fi mala qonnaa akkaataa guddina amansiisaa fiduu fi qabeenya uumamaatti haalan fayyadamuu dandeessisuun mioomsuun ykn fooyyessuudhaan tooftaalee oomishaa, qusannaa fi raabsaa fooyyessuu; |
Rakkoolee biyyoota nyaata gara biyya alaatti erganii fi kanneen gara biyyaatti fichisiisan muudatu hubannoo keessa galchuudhaan akkaataa fedhii isaaniitti dhiheessi nyaata addunyaa madaalawaa tahe akka jiraatu mirkaneessuuf. |
Keewwata - 12 |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.